Balaa ibidda gamoo Giriinfiild kan Itoophiyaanoonniifi Ertiraanoonni haqaaf waliin dhaabbatan

Balaa ibiddaa wagga torbaan dura UK’tti gamoo Giriinfiild qaqqabeen namoota du’an 72 keessaa lammiilee Itoophiyaafi Ertiraa hedduutu turan.
Balaa sanaanis lammiilee Itoophiyaafi Ertiraa 12 yoo lubbusaanii dhaban, isaan keessaayis walakkaan daa’imman turan.
Itoophiyaafi Ertiraan seenaa waraanaa qabaatanilleen, gadda kana keessaa bahuufi haqa barbaaduuf garuu waliin dhaabbataniiru.
Kanneen maatiisaanii dhabanis waggaa torbaffaa balaa kanaa yaadachuuf qophiirratti kan argaman yoo ta’u, gabaasni qorannoo balaa kanaa inni dhumaas guyyaan itti ummataaf ifa ta’u eegamaa jira.
Badiriyaa Jamaal dabalatee maatiiwwan firoonni jalaa du’an muraasni kana dura miidiyaatti dubbatanii hin beekan.
Badiriyaan obboleettiishee waggaa 35 Nuraa fi abbaa warraa obboleettiishee Hashiim kan umusiinsaa wagga 33 balaa sanaan dhabdee jirti.
Ijooleen Nuuraa fi Hashiim sadiis du’aniiru. Mucaan jalqabaasaanii Yaahiyaa kan wagga 13 yoo ta’u, Firdaawus kan wagga 12 fi kan dhumaa Yaaqoob kan wagga 6 turan.

Badiriyaan maatii ‘‘addaa’’ jechuun ibsite kanneen, ‘‘eenyumtuu kana keessaa akka darbu hin hawwuuf. Miseensoota maatii shan yeroo tokkotti dhabuun sammuukoofi qaamakoo miidheera’’ jechuun gadda olaanaa irra gahe ibsiti.
Waggaa torban har’aatiin dura ganamarra obboleettiishee waliin haasa’anii guyyaa ittaanu galgala akka du’aan dhabde yaadatti.
‘Maatii gaarii’
Obboleessi Badiriyaa Saadiiq wayita balaan qaqabutti seera balaa ibiddaa Landan ‘bakka jirtan turaa’ jedhu cimsee qeeqa. Yeroo sanattis hojjattoonni balaa ibiddaa erga bakkicha qaqabanii booda maatiinsaa bakka jiranii akka hin baaneef itti himanii ture.
Saadiiq maatiinsaa akka itti himametti osoo keessa turuu baatanii amma silaa lubbuun jiru ture jedhee amana.
‘‘Amantaa, afaan osoo isaan hin daangeessini nama hundaan waliigalti turte. Hundu kan haala gaariin guddatan turan’’ jechuun maatiisaa yaadata.
“Intalli Nuuraa akkuma haadhashee cimtuu turte. Faawundeshinii Biilgeetis irraa badhaasa argatteetti. Maatii qofaaf osoo hin taane kan biyyaaf qabeenya taatu turte,’’ jedha.

Madda suuraa, Shutterstod
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saadiqiifi Badiriyaan kan guddatan Itoophiyaatti. Taatee balaa ibidda Giriinfiild Amajjii keessa gaggeeffamerratti torban ragaan itti bahametti, garee Itiyoo-Ertiraa jalqabaaf ifa ta’e keessattis miseensa.
Haalli yeroo sana tures, marii qaamolee beenyaa paawundii miiliyoona heduu maatii miidhamtootaaf kaffalamuu qaburratti hirmaatan waliin fuldura wal arguun akka dubbataniif kan carraa umeef ture.
Garicha keessas Keniisiingitan fi Cheelsii Royaal Booroo, Birgeedii Ittisa Balaa Ibidda Landan, akkasumas haaromsa gamoo Giriinfiild kan hirmaatan yoo ta’u, Arkonik, Seleteksi fi Kiingispaan fa’is kan hammataman yoo ta’u, yeroos Arkonik bakka bu’aa hin ergine ture.
Lammiin Ertiraa Ibraahiim Tokkuu adeemsa raga bahumsa Giriinfiild irratti argamee ture.
Ibraahiim balaa sanaan obboleessa isaa Mohaamadinuur Tokkuufi maatii obboleessasaa, Amaal Adimdiiniifi intala obboleessasaa kan waggaa sadii Amaayaan dhabeera. Amaal fa’i gaafachuuf isaan bira kan deemte mucaan obboleettiis balaa sanaan dute.
Ibraahiim beenya paawundii miiliyoona 150 bu’aa qorannoo yakkaatiin dura dhiyaaterratti komii qaba.
Haatiisaa Ertiraatti argamanis beenyaa omaa argachuu akka hin dandeenye dubbata.
"Ammatti waa’een beenyaa kan dubbatamu attamiini? jedha. ‘‘Jalqaba bu’aa qorannoo yakkaa hanga dhumaatti ilaaluu qabu. Isa booda waa’ee beenyaa gaafatta," jedha.
Ibraahiim itti dabaluun, ‘‘Hangam balleessaan akka irratti argamu hin beeknu. Waa’ee maallaqaa yaaduun haqa miti’’ jedha.
Ilmi Phaawuloos Taklee Yisihaaqis balaa sanaan du’eera. Yisihaaq mucaa wagga shanii ture. ‘‘Gaddi onneekoo keessaa ammayyuu ho’aadha’’ jedha Phaawuloos.
"Yeroo balaatti haqa argachuuf yaalaa turre. Haata’u malee, ammatti gareen kun walitti nu qabeera, nu gargaareera. Odeeffannoo wal jijjiruu dandeenya’’ jechuun walitti qabamuu akka isaan fayyade dubbata.
Walitti wabamuu fi wal arguun akka laayyootti hin ilaalu. ‘‘Akka wallaansaati’’ jedha.
Miseensoonni garee Giriinfiild Itoophiyaanootaa fi Ertiraanotaa, dhimmoota hawaasaaf, odeeffannoo wal jijjiruufi wal gargaaruuf idileen wal argu.
Ayyaanota waliin kabaju. Turjumaanni garichaa Daani’el Bayyanaas balichaan booda poolisiifi aanga’otarraa odeeffannoo argachuu fi adeemsa seeraa hordofuun gargaara.
Kana malees, adeemsa qorannoo balaa kanaa baayyee wal xaxaa turerratti gargaarsa taasiseera.

Afaan danqaa olaanaa akka ta’e kan kaasu Daani’el, ‘‘miidhaarratti sirna seeraa wallaaluu fi of ibsuu dadhabuun cimaadha’’ jedha.
lbaana 4, 2024 ifa ta’a jedhamee eegama.
Haqa eeguu...
Akkuma namoota baayyee balaa kanaatiin miidhamaniitti, gareen kunis gabaasni qorannoo dhumaa balaa kanaa maal akka hammatu baruudhaaf eeggataa jiru.
Diriiyaan ‘‘Waggoota darban jahaaf guyyaa guyyaan adeemsicha nan hordofa. Akkuma nama kamiittis gabaasichi maal qabateera laata jedhee eegaan jira,’’ jetti. Hanga tokkos ta’u haqni akka jiraatu abdatti.
Saadiiq gamasaatiin, gabaasichi lamuu burjaajiifi haqa dhabummaan akka hin umamnee akka taasisu abdii qaba.
"Maatiiwwan keenya dhabneera. Haqa hin arganne turre. Ammas haqa eegaa jirra," jedha Saadiiq.
Bu’aan qorannoo balaa kanaa Fulbuaana 4, 2024 ifa ta'a jedhamee eegama.












