Israa'el oppireeshinii Raafaa keessatti geggeessituun sarara diimaa US hin darbine - Waayit Haawus

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan Israa'el Raafaa keessattii weerara humna guutuu geggeessiteetti waan jedhutti hin amantuu jedhan dubbiihimaan Waayit Haaus Joon Kiirbii
Israa'el gidduuggala magaalattii gahuun gaara tarsiimawaa dhiyeenyarraa Masriin itti mul'attu qabachuun sa'atii muraasa booda dha yaada kana kan dubbatan.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haleellaan Raafaa keessaa ''gidduugala uummataa'' seena taanaan, ji'a kana keessa hamma meeshaa waraanaa Israa'eliif erginuu ni daangeessina jedhan. Raafaa keessa ammallee namoonni kuma dhibbootaan lakkaa'aman dahatanii jiru.
Haleellaa Israa'el Dilbata darbe raawwattee Filiisxeemoonni 45 ajjeefamuu irrattis Obbo Kirbiin suuraan haleellichaan booda bahu ''onnee namaa kan cabsuufi suukaneessaa dha'' jedhan.
''Waraana kana keessa lubbuun nama nagaa kamiyyuu darbuu hin qabu,'' jedhan.
Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa waraanni Israa'el haleellaa raawwate hatattamaan akka qoratuuf dhiyeenyatti hordofaa jirra jedhe.
Dubbihimaan Ministeera Hajaa Alaa Ameerikaa, Maatiiw Miilar qorannoowwan wal-fakkaatoo kanaan dura adeemsifaman ittigaafatamummaa fidaniiru yoo taheef gaafatamaniiru.
''Waraana qixxalamaan taatee bu'aan qorannoo kana, sana jechuu hin dandeessu,'' jedhan.
Dubbiihimaan Waayit Haawus haleellaan miilana taasifame daangaa Ameerikaan Pireezidantii Joo Baayidaniin keessee darabee yoo taheef gaafatamnaan ''jijjiiramni imaammata irraa dubbannu hin jiru,'' jedhan.
''Raafaa keessatti oppireeshinii lafoo taasifamu kamiyyuu hin deeggarru,'' jedhan Obbo Kirbiin.
''Haleellaan akkasii raawwatamnaan pireezidantichi deeggarsa irratti murtoo isaanii akka geeddaran taasisa,'' jedhan.
''Hamma ammaatti sun raawwachuun hin mul'anne. Raafaa humna guutuu isaaniitiiin cabsuu hin argine.
''Loltoota lakkoofsa guddaan qindaa'aniifi namoota lafarra jiran irratti qiyyaafachuun sochii gaafa godhan hin mul'anne,'' jedhaniiru.
Israa'el duula waraanaa ji'a torbaffaaf adeemsisaa jirtuun Raafaa yoo qabatte malee kaayyooshee galmaan gahuu akka hin dandeenye himuun rakkoo namoomaa hamaa hordofuu danda'a jedhamuun akeekkachiisa itti bahe hunda kufaa gooteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Israa'el oppireeshinii ''qiyyaafatame'' jedhuun loltoota Hamaasiifi bu'uuraalee misoomaa isaanii irratti baha Raafaatti Caamsaa 6 irraa qabee haleellaa lafoo jalqabeera.
Ergasii taankiifi loltootni gara baha, gidduugalaafi kaabatti dhiibaa jiru.
Gaafa Caamsaa 8 haasaa CNN waliin taasisaniin Pireezidant Joo Baayidan ''Raafaa yoo deeman meeshaa waraanaa hin dhiyeessinuufi...'' jechuun Ministira Mummee Beenjaamiin Netaaniyaahuuf ifa godhaniiru.
Yeroo ammaa kanatti Israa'el ''gidduugala ummatni baay'inaa jiraatu'' ijaa hin galleef dhiyeessii meeshaa waraanaa hin dhaabnu jedhan. Oppireeshiniin isaanii daangaa irratti kan mureeffame dhas jedhaniiru.
Pireezidantichi Israa'el irratti dhiibbaa akka godhaniif miidhaan namoomaa akka hir'atuuf biyya keessaa gaaffiin itti dhiyaatu jabaachaa dhufeera.
Hidhattoonni Hamaas Israa'elitti gaafa Onkoloolessa 7 haleellaa raawwachuun namoota 1,200 ajjeesuufi kanneen 252 tahan butanii fudhachuun booda Israa'el duula haleellaa jalqabde.
Filiisxeem keessatti erga waraanni jalqabee namooti nagaa 36,00 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganmu ibseera.












