Netaaniyaahuun Gaazaatti waraana akka itti fufan kakatan

Gaazaa

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu haleellaa qilleensaa Raafaa keessatti Dilbata darbe raawwataniin namoonni nagaa baayyee ajjeefamanillee waraana Hamaas irratti jalqaban akka itti fufan kakatan.

Akka ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu jedhutti yoo xiqqaate namoonni 45 ajjeefamaniiru. Namoonni baayyee ammoo gubachuu dabalatee miidhaan qaamaa irra gaheera jedhe.

Paarlaamaa Israa'el irratti Netaaniyaahuun yeroo dubbatan haleellichaan badiin qaqqabe ''carraa gaarii hin turre'' jechuun, ''otoo kaayyoo galmaan hin gahiin garuu hin dhaabu,'' jedhan.

Akka isaan jedhaniitti Israa'el namoota nagaa eeguuf jecha ''hanga danda'ametti of eeggannoo barbaachisu hunda raawwatteett.''

Humni Waraanaa Israa'el kanneen waraana irratti hin hirmaanne miidhuu dhiisuuf ''tattaaffii guddaa'' taasiseera jedhan..

Manni Maree Nageenyaa Israa'el gaaffii Aljeeriyaan haleellaa Raafaa irratti kaaste irratti marii'achuuf kora ariifachiisaa gaafa Kibxataaf waameera.

Ibsa gaafa Wiixataa baasee tureen hogganaan olaanaa UN Antooniyoo Guuteerees, haleellaan raawwate ''namoota nagaa lola irraa baqatan ajjeesee,'' jedhan.

''Gaazaa keessa lafti nagaa jedhamu hin jiru. Hameenyi kuni dhaabachuu qaba,'' jedhan.

Haasaan Netaaniyaahuu taasisan kuni namoota maatiin isaanii gaafa Onkololeessa 7 Hamaasiin jalaa fudhatmaniin qeeqni irra gaheera. Maatii isaanii deebisuuf jecha waliigaltee raawwachuu diduun isaan komatu.

''Raafaa keessaa jiraattota loltuu hin taane miiliyoona tokko ta'an baasneerra, tattaaffi hamma dandeenye taasisnerra, akka carraa waanti hamaan namoota nagaa mudateera,'' jechuun dubbatan.

''Haala mudate qorachaa jirra, waan mudates qorannichaan booda kana jechuu dandeenya, kuni imaammata keenya,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabonni idl-addunyaa Gamtaa Awurooppaa dabalatee Israa'el murtoo Dhaddachi Haqaa Addunyaa (ICJ) torbee darbe dabarse akka kabajju gaafachaa jiru.

Dippiloomaatiin gamtichaa Jooseep Booreel haleellaa gaafa Dilbataa raawwate ''suukaneessaa'' jedhaniiru.

Murtoo dhaddachi dabarse cinaatti dhiisuun Israa'el Raafaa keessatti haleellaa akka itti fuftu kakatte. Kunis murtoon kenname seera idila addunyaa kabajnaan haleellaa raawwachuuf akka eeyyamutti dhiyeessan.

Hogganaan mirga namoomaa UN Voolkar Turk haleellaan raawwate ''haalaafi meeshaa waraanaan waanti geeddarame hin jiru, Israa'el du'a namoota nagaa bayyeef sababa taateetti,'' jedhan.

Israa'el haleellaa Raafaa kan raawwatte Hamaas ji'ootaan booda haleellaa misaayelaa Tel Aviiv erginaani.

Humni Waraanaa Israa'el haleellaan Raafaa komaandaroota Hamaas lama ajjeesuu himuun ajjeechaa namoota nagaa akka qoratu ibse.

Hidhattoonni Hamaas Israa'elitti gaafa Onkoloolessa 7 haleellaa raawwachuun namoota 1,200 ajjeesuufi kanneen 252 tahan butanii fudhachuun booda Israa'el duula haleellaa jalqabde.

Filiisxeem keessatti erga waraanni jalqabee namooti nagaa 36,00 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganmu ibseera.