Hamaas ammas rokkeetiiwwan hedduu Israa'elitti dhukaase

Madda suuraa, Handout
Hamaas rokkeetiiwwan gara giddugaleessa Israa'el naannawa magaalaa Tel Aviivitti dhukaasuu ibse.
Gareen hidhataa kun rokkeetii Israa'elitti dhukaasaa wayita ibsu ji'oota afran darban keessatti kan jalqabaati.
Rokkeetiiwwan saddeet ta'an Kibba Gaazaa naannawa Raafaa irraa gara magaalaa Tel Aviiv dhuka'uu ibse Hamaas.
Akka humni waraanaa Israa'el jedhutti rokkeetiiwwan Hamaasiin dhukaafaman kunneen hedduunsaanii qilleensarratti haleelamuun kufaniiru.
Humni waraanaa Israa'el Raafaa keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessaa jira.
Rokkeetii Hamaas dhukaase kanaan hanga ammaatti miidhaan qaqqabe hin ibsamne.
Magaalota gurguddoo fi kutaalee Israa'el kanneen akka Herzliya fi Petah Tikva keessattis sagaleen dhukaasa rokeetii dhagahamaa jira.
Taatee kanaan walqabatee miidiyaan Israa'el caccabaa misaa'elaa mooraa gamoo Herzliya keessatti argamu tokko keessatti kufee argame maxxansaniiru.
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifame sibiila waan rokeetii qilleensa keessaa kufe irraa cabe fakkkaatu agarsiisa.
Suuraaleen akkanaa handhuura magaalaa Kfar Saba keessattis mul'ataniiru.
Tajaajila ambuulaansii Israa'elitti hoogganaa kan ta'e Magen David Adom namoonni naasuudhaan gaggaban hedduun yaalamaa jiru jedhe.
Hamaas fuula telegiraamii damee humna waraanaa isaa, Birigeedii al-Qassam, irratti ''misaa'ela guddaa gara Tel Aviv dhukaasuu,'' ibseera.
Kanaanis boonuu ibse.












