Gurraachonni ajjeechaa Jumlaa Ameerikaatti raawwatamee ture irraa hafan lama lammummaa Gaanaa argatan

Madda suuraa, Justice for Greenwood Foundation
Namoonni gurraachota Afrikaa-Amerikaa ajjeechaa jumlaa bara 1921tti Ameerikaatti gaggeeffame irraa hafan lama lamummaa Gaanaa argachuu isaanii dhaabbanni Justice for Greenwood Foundation beeksise.
Ajeechan jumlaa kun kan raawwate lammiilee gurraacharratti yoo ta'u US magaala Tulsaa jedhamu keessatti.
Namoonni ajjeechaa kanarraa hafanii lammummaa Gaanaa argatan kunneen obbolaa lama yoo ta'an Viyoolaa Foord Fileecharifi obboleessa ishee Haags Vaan Eliyaas jedhamu.
Viyoolaa Foord nama ganna 108 yoo taatu, obboleessi ishee Haags Vaan Eliyaas ganna 102 ta'aniiru.
Yeroo ammaa namoonni ajjeechaa jumlaa UStti bara 1921tti raawwate irraa hafan sadi qofaatu lubbuun jira. Isaan keessaa lama ammoo kanneen amma lammummaa Gaanaa argatanii gara Afrikaa dhufaniidha.
Ajeechaa kanaan lammiilee gurraacha Afrikaa-Ameerikaa 300 ta'antu Tulsaa, magaala xiqqoo Giriinwood jedhamtu keessatti lubbuu dhabe.
Kuni ammoo ajjeechaa "Black Wall Street" jedhamuun beekama. Sababni isaa Bulchiinsa Oklahaamaa, Tuulsaa keessatti magaala xiqqoo warri gurraachi keessa jiraatanitti warri adiin tarkaanfii fudhataniin ajjeechaa raawwataniini.
Manguddoowwan lamaan bara dullomaa keessa gara Afrikaatti dhufuun lammummaa Gaanaa argatan kun bara 2021 Afrikaatti daawwannaa taasisanii turan.
Daawwannaan isaanii sunis waggaa 100ffaa ajjeechaa Tulsa Race Massacre UStti lammiilee gurraachota irratti raawwate yaadachuuf ture.
Dhabbanni Justice for Greenwood Foundation, "Vaayola Foord Fleechar, 108, fi Haags Vaan Eliyaas namoota Afrikaa-Ameerikaa umuriin dulloomanii lamummaa Rippaabilika Gaanaa argataniin baga gammaddan jennaan," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa irratti barreesse.
Dhaabbatichi dabaluunis, namoonni kun seenaa uummata Gurraacha Oklahaamaa keessatti gumaacha godhaniif namoota kana cinaa akka dhaabatu beeksise.












