Siyaasa Itoophiyaa bara 2016 yoo mil'annu akkamiin xumurame?

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ergaa baga geessanii ALI jalqaba bara 2016tti dabarsaniin, ''Bara dhufaatti qormaatawwan keenya hir'atanii, tokkummaan sabdaneessuummaa biyyaaleessaa keenya diyaamandiii caalaa cimee, nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaa bu'uura cimaarratti cimsina'' kan jedhu ture.
ALI bara 2016tti Finfinnee keessatti misoomni koriidarii bajanni birrii biiliyoona 32 itti bahe yoo gaggeeffaman, naannoolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti ammoo walitti bu’insi itti fufeera.
Naannoo Tigraay kan waraana waggaa lama turerraa boqate keessatti ammoo, rakkoo walitti bu’iinsa siyaasaa aanga’oota naannichaa gidduutti uumameen jeeqamaa jira.
Miseensoonni garee Fannoo kan naannoo Amaaraa keessa socha’aa jiru humnoota nageenyaa mootummaatiin Finfinnee naannoo Booleetti walitti dhukaasuun ajjeechaan kan raawwatames baruma kana keessa ture.
Waldhabdee biyyattii keessatti hundee gadi fageeffateef mootummaan akka furmaataatti kan dhiyeessu, Komishiiniin Marii Biyyaaleessa Itoophiyaa, boqonnaa qophiii waggoota lamaaf itti ture xumuruun gara ajandaa walitti qabuutti kan ce’es baruma kana ture.
Kana malees, qaamooleen raawwachiiftoota mootummaa kan seerootaafi hojimaatawwan haaraa walitti fufiinsaan itti baasaniidha. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataatis bara kana keessa labsiiwwan cicimooofi jijjiraman hordofiisan hedduun dhiyaataniifii irra jiraasaanii raggaasiisuun kaan bara ittaanuutti dabarseera.
Labsiiwwan sochii lammiileefi qabeenyarra daangaa kaa’an ilaalichisuun gahee manneen murtii daangeessuu kan keessummeesse manni marichaa, haasaan MM Abiy adeemsa dhaabbilee mirga namoomaa ‘‘biyya diigaa’’ jedhus dhagahameera.
Taateewwan siyaasa Itoophiyaa bara 2016 keessa mudatan hedduu keessaa ijoodha kan jenne akkasiin fillee qixeessineerra.
Marii WBOfi mootummaa marsaa lammaaffaa abdatamee ture
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariin marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti torbanoota lamaaf taa'ame kan gaggeeffame baruma xumuratti jirru kana keessa ture.
Mariichi haalaan eegamaa turulleen garuu bu'aa malee xumurame.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa godinaalee garaa garaa keessa socha'u erga eegalee waggaa shan lakkoofsiise, motummaa waliin marii jalqabaatiif kan taa'an ALI Ebla bara 2015 keessa ture.
Mariin jalqabaa Odola Zaanziibar irratti taasifameen dureewwan olaanoo mootummaa Federaala yoo argaman, hirmaattoota saddeet hidhattoota WBO bakka bu’an keessaa lama miseensoota waraanaa turan.
Miseensi jilichaa hafan jahan ammoo namoota Itoophiyaan ala jiraatan turan.
Mariin marsaa tokkoffaa kunis waliigaltee malee kan addaan bahame yoo ta’u, mariin itti aanu akka jiraatu kan akeekee ture.
Mariin bulchiinsa Zaanziibaar keessatti eegalame kunis Taanzaaniyaa Daaree Salaam keessatti kan itti fufe ammoo dhuma baatii Onkololeessaatti ture.
Ajajaa Olaanaan WBO, Kumsaa Diriibaa ( Marroon) yeroo jalqabaatiif aanga’oota olaanoo mootummaa Federaalaa waliin fulduratti kan wal arge marii kanarratti yoo ta’u, inni jaarsuummaa qaama sadaffaatiin lixa Oromiyaa keessaa bahuun Taanzaaniyaatti argame ture.
Marii ajajoonni raayyaa ittisaa Itoophiyaa irratti argaman kunis eegalamee guyyootaan booda, gorsaan nayeenya biyyaaleessaa MM Abiy yeroo sanaa Ambaasaadar Reediwaan Huseeniifi Ministirri Haqaa Geediyoon Ximootiyoos (DR) itti dabalamanii ture.
Mariichi gara torbanoota lamaatiif turuunsaa, keessattuu ajajjaan Waraana Bilisummaa Oromoo kallattiidhaan mootummaa Itoophiyaa waliin fulduratti wal arguunsaanii, abdii ‘‘waliigalteerra gahama’’ jedhamu uumee ture.
Haata’u malee, mariachi xumuramuu ibsuun ALI halkan Sadaasa 11tti ibsawwan qaamoolee lamaaniin baafamaniin quba waliitti qabuun alatti itti aansee mariin jiraachuusaa kan akeekee hin turre.

Madda suuraa, FANA/screenshot
Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa ibsa maricha ilaalchisuun baaseen, ‘‘marsaa kanaanis garee shororkeessaa biratti ‘mootummaan na baatee mootummaa na haataasisuu’ kan jedhu bira darbuun qabxii marii fiduu hin dandeenye’’ jechuun waliigalteerra sababii itti hin gahamneef WBO itti gaafatamaa taasisee ture.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaatiin, fedhiin mootummaa Itoophiyaa ‘‘rakkoolee bu’uuraa furuu caalaa’’ kan hoggansa waraanichaa ‘‘qooduu’’ irratti xiyyeeffatee akka ture kaasuun himate.
Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa, Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa, mariachi erga xumuramee torbanoota sadiin booda, af-aaffii TV Faanaa irratti darbeen, dhimmoota waliigalteerra gahamu dhabuuf sababoota jedhan kaasaniiru.
Fiild Maarshaal Biraanuun sababoota akka ijootti kaasan keessaa tokko gareen hidhattootaan dhiyaatan kan jedhan, dhimma ‘‘qoodiinsa aangoo’’ yoo ta’u, dhimmi hidhattoonni hiikkachuufi bittinneeffamuu ‘‘fudhatama’’ dhabuu ibsan.
Mariicharratti hirmaatanii kan turan Gorsaan Ajajaa WBO Obbo Jireenyaa Guddataa, ‘‘paartiilee mormiitootaa hunda dabalatee, aangoo hunda keessatti gahee qabaachuu qabna’’ jechuun gaaffiin gareen kun kaase mootummaan akka irratti walii hin gallee BBCtti himanii ture.
Aanga’oonni federaalaafi naannoo Oromiyaa irra deddeebiin rakkoo garee hidhattootaa waliin jiru kan furan karaa mariitiin ta’uu yoo dubbatan kan dhagahaman ta’ulleen, marii marsaa sadaffaa gaggeessuuf sichiin qabatamaan yoo taasifamu hin mul’atu.
Ministirri Mummee Abiy, mootummaan baatii Adooleessaa irratti garee hdhattootaa ‘Shanee’ jechuun waaman ‘‘muraasa’’ waliin marii ‘‘waliitti fufiinsa qabu’’ taasisaa jiraachu dubbatanii kan ture yoo ta’u, Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu kana haaleera.

Madda suuraa, Report NP
Ajjeechaa Battee Urgeessaa fi hiikamuu qondaalota ABO
Taatee siyaasa Oromoo-Itoophiyaatti bara 2016 keessatti mudate keessaa tokko ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaa ture.
Namni siyaasaa moora qabsoo ABO keessatti ejjennoo hin raafamne, yaadaan falmuutti ija hin laafnefi ''qaroo dhaloota haaraa dhaabichaati'' jedhamu, Obbo Battee Urgeessaa, halkan Ebla 10, 2024tti bari'u magaalaa Maqii keessatti ajjeefamee argame.
Obbo Batteen hanga ajjeefametti hooggana damee siyaasaa ABO ta'uun hojjechaa ture.
Sana dura irra deddeebiin himannaawwan shororkeessummaan manneen hidhaa keessatti dararaa argeera.
Bara 2021 keessa mana hidhaa keessatti sadarkaa lubbuusaaf yaaddessuun dhibamee ture.
Ajjeefamuusaa ji'a tokko dura gaazexessaa lammi Faransaay waliin af-gaffii osoo gaggeessaa jiruu to'atamee turtii torban tokkoo booda wabii birrii kuma 100n gadhiifame.
Ajjeechaan isaa namoota dhaaba siyaasaan gurmaa'anii akkasaa karaa nagaa qabsaa'an jilba buuseera.
Ajjeechaansaa ''kan siyaasaa malee waa biraa jedhamuuf hireen jiru xiqqaadha'' kan jedhan namootni siyaasaa BBCn dubbise, ''qabsoo karaa nagaa abdii kutachiisuudha kaayyon isaa'' jedhu.
Ajjeechaan abbaa ijoollee afurii, kanarratti raawwate, qaama walaba ta'een akka qoratamu dursee kan gaafate Komishinii Mirgota Namooma Itoophiyaati.
Sana booda mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaafi dhaabbilee idila addunyaa mirgaaf falman hedduun qorannoon walabaafi amanamaan akka gaggeefamu gaafataniiru.
Barri kun xumuramuuf guyyoonni muraasni yoo hafan ammoo aanga'oonni ABO Obbo Battee Urgeessaa biraa mana-hidhaatti hafan hiikaman.
Qondaalonni ABO waggoota afran darban mana hidhaa turan Fulbaana 5 bara 2014 mana hidhaatii wabiidhaan gadhiifamaniiru.
Qondaalonni ABO kunneen himata garaa garaa irratti dhiyaaterraa manni murtii bilisa godhus waggoota arfan darban murtii seeraa malee mana hidhaa turuusaanii abukaatotaafi dhaaba ABO dubbisuun BBCn gabaasuun yaadatama.
Hiikamuu qondaalotasaa ilaalchisee dhaabni ABO ibsa baasen namoonni siyaasaa kunneen bara 2020 irraa kaasee mana hidhaatti hiraarfamaa turuu eerun, hiikamuusaanitti akka gammade beeksise.
Hiikamuunsaanii "maatiisaaniif, dhaaba keenyaaf, hawaasa Oromoo biyya keessaafi ala jiruuf aara galfiidha," jedhe ABOn ibsa baasen.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) gamasaan hiikamuu qondaalota ABO bu'aa dhiibbaan kallattiifi al-kallattii mootummaarratti gaggeeffamee akka ta'e beeksise ibsa fuula X gubbaatti baasen.
Sochii barbaacha ulaa galana Itoophiyaa

Madda suuraa, Office of the Prime minister
MInistirri Mummee Abiy dhimma Itoophiyaan gara Galaana Diimaatti maxxanuufi fedhii ulaa galaanaa argachuu ALI bara 2015 keessaa haasa’aamaa ture, ifatti kan dubbatan haasaa MM jalqaba Onkololeessaatti TV mootummaatiin darbeen ture.
MM Abiy haasaa paarlaamaa irratti taasisaniin, Itoophiyaadhaaf ‘‘buufata argachuun dhimma jiraachuufi jiraachu dhabuuti’’ jedhanii ture.
Xinxaltoonni haasaa MM kan Galaanaa Diimaa ilaalchisuun ibsi bal’aan irratti kenname kana hordofanis, xiyyeeffannaasaanii kan taasisan Ertiraa irratti ture.
Haata’u malee, gaafa Amajji 1, 2024 kan namoota baayyeen hin eegamne dhagahame.
Itoophiyaafi bulchiinsi Somaaliilaand kan Somaaliyaa irra adda of baasuun akka biyya walabaatti of ilaaltu jidduutti, waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaadhaaf ulaa galaanaafi buufata waraanaa kennu waliin mallatteessiin isaanii miidiyaaleen dhagahame.
MM Abiyiifi pirezidantiin Somaaliilaand Musee Biiyii waliigaltee Finfinneetti mallatteessaniin, ijaarsa buufata waraana Itoophiyaafi ijaarsa ulaa galaanaatiif qarqara galaanaarratti eddoon dheerina kilo meetira 20 qabu liiziidhaan kennamun ibsame.
Aanga’aan mootummaa waliigalticha ilaalchisuun miidiyaa biyya keessaarratti dhiyaachuun ibsa kennaniis, Itoophiyaan bakkasaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa ykn Telekoom keessaa gahee akka kenniituuf ibsanii turan.
Itoophiyaan Somaalilaand akka biyya walabaatti beekkamtii akka kennituuf kan dhagahame, haasaa pirezidantiin Somaaliilaand Museen Bihiin taasisaniin ture.
Mootummaan Itoophiyaa callisa guyyootaan booda beekkamtii kennuu ilaalchisee kan waliigalteerra gahame dhimmicha ‘‘itti yaadee ejjannoo fudhachuudhaaf’’ akka ta’e beeksiise.
Mallattoon baatii tokko keessatti gara hojiitti galama jedhameen Itoophiyaafi Somaalilaand gidduutti mallatteeffames, baatii sagal lakkoofsiisulleen, jijjiramni ifatti himame hin jiru. Waliigalee kana hordoofuun garuu qaxanicha keessatti muddamni dabalaa dhufunsaa ni yaadatama.
Somaalilaand qaama bulchiinsashee gootee kan ilaaltu Somaaliyaanis, waliigaltichaan dalanuudhaan, tarkaanfii Itoophiyaa akka waan ‘‘walabummaa fi tokkommaa daangaashee cabsuutti’’ lakkoofte.
Ambaasaadarriifi dippilomaatoonn Itoophiyaa Moqaadishootti argamanis biyya gadhiisanii akka bahaniif kan ajajjee Somaaliyaan, dhaabbiilee idil-addunyaafi qaxanichaattif iyyatte.

Madda suuraa, Hassan Sheikh Mohamud
Komiin Somaaliyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Mana Maree Gamtaa Afriikaatti akkasumas, IGAD, walgahii Liigii Arabaa irrattis akka ajandaatti ka’eera. Itoophiyaafi Somaaliyaaf michuu kan taate Tarkiin, ministiroota Dhimma Alaa biyyoota lamaanii waamuudhaan marsaa lamaan mariin taasiftes waliigaltee malee xumurame.
Dhimma Itoopiyaafi Somaaliyaarratti hirmaannaan biyya sadaffaa kan mul’ate haala mijeessummaa qofaan hin turre. Somaaliyaan sababii Hidha Guddichaatiin Itoophiyaa waliin wal dhabdee keessatti kan argamtu Masrii waliin walta’insa waraanaa raawwachuun Kaayiroo gara qaxanichaatti fiddeetti.
Torbaniin dura Masriin xiyyaaroota waraanaashee meeshaa fee’an lama gara Somaaliyaatti kan ergite yoo ta’u, Amajjii dhufu ammoo Ergama Ce’umsa Gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessaa xumuramuuf jiru bakka bu’uudhaan ergamni qindeessaa nageenyaa haaraan yoo hundeeffamu loltoota bobbaasuuf karoorfatteetti.
Yeroo waliigaltichi itti raawwatamee kaasee, ibsaafii jechi haasaa gama Somaaliyaatiin dubbatamuuf Itoophiyaan baayyee deebii kennaa kan hin turre Itoophiyaan, Masiriin gara Somaaliyaa seenuu garuu calliftee hin ilaalle.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa mootummaan Somaaliyaa ‘‘humnoota alaa qaxanicha jeeqan waliin hojataa jira’’ jechuun ibsa baase.
Dabalunis ‘‘humnootiin gara biraa Gaanfa Afriikaa jeequuf yoo tarkaanfii fudhatan Itoophiyaan callifnee hin ilaaltu’’ jechuun ejjannoo biyyattii beeksiise.
Itaanaajoor Shuumii Waliigala Humnoota Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanu Julaa Adooleessa 10 yeroo loltoota nagaa kabachiisuuf Somaaliyaatti bobba’anii deebii’an simatanitti haasaa taasisaniin, qaamooleen qabsoo Somaaliyaatti al-Shabaab to’achuuf taasifame keessa hin turre, amma ‘‘du’a keenya Somaaliyaa waliin haa taasisuu’’ jechaa jiru jedhan.
Fiild Maarshaal Biraanuun, ‘‘yoo milkaa’eef waliin ilaalla. Qaxanichatti rakkoo biraa qabatanii akka hin dhufneef nuti abbaan qaxanichaa eenyu caalaa waan nu ilaallatuuf dhimmi calliifnee ilaalluu omaa hin jiraatu’’ jechuun dubbatan.

Madda suuraa, AFP
Labsii yeroo muddamaa fi dhabiinsa nageenyaa
Walitti bu’iinsa hidhattoota Faannoofi humnoota mootummaa jidduutti mudateen walqabatee, bara 2016 keessatti naannoo Amaaraa eddoowwan garaa garaatti seeraan ala namoota nagaarratti ajjeechaan raawwatamuu gabaasni Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hime ture.
Rakkoo nageenyaa naannicha keessatti mudateen wal qabates labsiin yeroo muddamaa baatii jahaaf kaa’amee ture Amajjii keessa ammo baatii afuriif dheerreefame ture.
Labsiin yeroo muddamaa naannichatti labsamuun wal qabate ammoo, naannichatti magaaloota garaa garaa dabalate naannoolee Itoophiyaa garaa garaatti hidhaan jumlaa raawwatamu gabaasni komishinii mirga namoomaa beeksiiseera.
Nagaan dhabiinsa kanaan wal qabates eddoowwan adda addaatti addaan cituun tajaajila interneetii magaaloota naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti mudatee ture.
Kana malees, lixa Oromiyaafi Amaara eddoowwan garaa garaatti haleellaan diroonii raawwatamuun lubbuun namoota baduu jiraattoonni yeroo garaa garaatti BBCtti himaniiru.
Naannoolee lamaan keessttuu hidhattoota naannicha keessa soca’aniif deeggarsa taasiftanii jirtu jedhamuudhaan namoonni nagaa humnoota mootummaatiin miidhamu dhaabbanni mirgaa kun gabaaseera.
Namoonni nagana kan ajjeefamanis tarkaanfii humnoota nageenyaa qofaan osoo hin taane tarkaanfii hidhattootaaniis ta’u gabaafame.
Fakkeenyaaf, naannoo Amaaraatti hidhattoonni Faannoo godina Kaaba Gondar, aanaa kibba Meecaatti namoota ‘‘hojii siyaasaatiif walgahiif Baahir Daariiti hirmaattan’’ jechuun abbootii amantaa, jaarsoliifi haadholii dabalate namoota afur ajjeessuu gabaafnee ture.
MM Abiy, akkuma kan WBO, ‘‘hidhattoota Faannoo waliin mari’achu erga eegalleen bubbuulleera’’ jechuun kan dubbatan yoo ta’u, bu’aan argames ta’e adeemsi itaanee jiru ifatti hin baramne.
Kaawunsiliin nageenyaa miseensota 15 hammateefi hidhattoota Faannoo motummaa waliin waliti dhiyeessuuf Waxabajjii keessa hundeeffames, sochiin taasiseen bu’a qabatamaan argame ifa miti.

Qoqqoodamuu TPLF
Paartii siyaasaa buleessi Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) bara 2016 keessa rakkoon seenaa isaa waggaa 50 keessatti isa mudate hamaa ta'uu ibseera.
Paartichi keessoo isaatti wal qoodinsi uumamee dhuma bara kanaa ifatti bahee gareen lamaan [TPLF Dr. Dabretsiyon fi Obbo Getaachoon durfamu] gara wal gaarerfannaatti ce'uun taatee siyaasaa guddaa bara xumurmaa jiru kanaati.
TPLF seera qabeessummaa sababa waraanaatiin dhabe haala addaatti galmaa’uun akka deebiifameefii galmaa’ufi waraqaan ragaa kennee, Boordiin Filannootis yaa’ii TPLF kana mormee ture.
Paartichi yaa’icha gaggeessuun guyyaa 21 dura boordichatti beeksiisuu akka qabaatu seerri jiraachu kan eere boordichi, yaa’iin paartichi taasisuuf ta’e murteen dabarsu beekkamtii akka hin arganne dursee beeksiisee ture.
Mormiitoonni kunneen jiraatanis garee TPLF kan Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamuun yaa’icha gaggeeffachu irra hin dhaabbanne.
Xumura yaa’ichaarrattis ittaanaa dura taa’aa paartiichaa duraan Obbo Geetaachoon qabame Obboo Amaanu’el Asaffaatiif kennuun miseensoota yaa’icharratti hin hirmaannee paarticha keessaa dhorke.
Xumura yaa’ichaatiin booda ibsa kan kennan Dabratsiyoon (Dr) aanga’oonni bulchiinsa yeroo miseensummaa paartichaa keessatti bakka akka hin buufamneefi namoota biraatiin bakka buufamu dubbatan.
Kanaafu ammatti aanga’oonni TPLF gama tokkoon Obbo Geetaachoon durfamaniifi gama biraatiin Dr Dabratsiyooniin durfaman naannichatti eddoowwan garaagaraatti marii taasisaa jiru.
Maallaqaaf namoota butuufi ajjeechaa
Bara ALI 2026 kan yeroo kamu caalaa oduuwwan maallaaqaaf jecha namoonni itti butamaniifi hedduun ajjeeffamun itti gabaafameedha.
Keessattuu naannoolee rakkoon nageenyaa bal’inaan keessatti mulatu Amaaraafi Oromiyaatti konkolaataa ummataatii kaasee hanga namoota dhuunfaa manaa butuutti gochiwwan sukkanneessaan raawwatamaniiru.
Fakkeenyaaf, naannoo Oromiyaa daandii naannoo Amaaraatiin gara Finfinnee geessuu irratti irra deeddebiin namoonni konkolaataa ummataa keessaa qaamoolee hidhataniin buufamuun bakka hin beekamneetti geeffamuun maallaqani olaanaa itti gaafatamu yeroo garaa garaatti gabaafameera.
Haaluma walfakkaatunis naannoo Amaaraa godinaalee adda addaa keessatti qaamooleen hidhatan namoota qabeenyaa qabu jedhaman dararaa fi kanneen dura dhaabbatan irratti tarkaanfii fudhachuu BBC gabaasuunisaa ni yaadatama.
Namoonni saaxilamtoota balaa butamuu kanaa ta’anis kan gaheessoota qofaan dhaabbate hin turre.
Amaaraafi Tigraay kan rakkoon nageenyaa keessatti hundee gadi faggeefateetti daa’immaniifi shamarran balaa ukkaamfamanii fudhatamuun maatii maallaqa olaanaa gaachatuu kanaatiin lubbuun dhaban gabaasaa turre.
Kana malees gochaan daa’imman gudeeduun ajjeesuu eddoowwan garaa garaa akkasumas ajjeechaafi saamichi konkolaachiftoota konkolaataa tajaajila geejiba magaalaa Finfinnee kanneen bara kana keessa baayyiinaan dhagahaman keessaayi.
Gama biraatiinis barri xumuramaa jiru kana keessatti aanga’oonni mootummaa hedduun kan akka Obbo Damaqaa Makoniin kan waggaa 30 oliif siyaasa keessa turan dabalee, hedduun aangoo kan itti gadiisan ykn aangoorraa itti kaafamaniidha.
Kana malees waajjira ministeera erga MM Abiy gara aangootti dhufanii booda caasseeffame, Ministeera Nagaatti deetaa ministeera kan turan Obbo Taayyee Danda’aa aangoorraa kaafamuun to’annoo jala kan oolfaman baruma kana keessa.
Deetaa ministira Ministeera Nagaa kan turan Obbo Taayyeen, humnoota farra nageenyaa deeggaruufi meeshaa waraanaa qabatanii argamuudhaan himatamanii hidhaa kan jiranyoo ta’u, baatiiwwan saddeettan darbaniif adeemsa mana murtii saanii hordofaa jiru.












