Poolisiin US nama qondaalota siyaasaa Minisootaa irratti haleellaa raawwachuun shakke adamsaa jira

Maliisaa Hortimaan (karaa bitaa) fi Joon Hofmaan (karaa mirgaa)

Madda suuraa, STAR TRIBUNE VIA GETTY IMAGES/MINNESOTA STATE SENATE

Ibsa waa'ee suuraa, Maliisaa Hortimaan (karaa bitaa) fi Joon Hofmaan (karaa mirgaa)
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Poolisiin US haleellaa seera baastota bulchiinsa Minisootaa lama irratti xiyyeeffatee fi lubbuu nama tokkoo galaafate booda shakkamtoota adamsuu akka eegale ibse.

Bulchaan Minisootaa Tiim Waaltiz haleellaan kun ''haleellaa siyaasaa itti yaadamee raawwatame,'' jedhan.

Haleellaa kanaan namni siyaasaa miseensa Dimokiraatotaa, umrii waggaa 55 Maliisaa Hortimaan fi abbaa warraa ishee ajjeefamaniiru.

Namni siyaasaa xiyyeeffannaa haleellaa kana turan biraan nama umrii waggaa 60 Joon Hofmaan fi haadha warraa isaaniiti.

Namoonni siyaasaa kunneen mana jireenyaa isaanii keessatti erga rasaasaan rukutamanii booda gara hospitaalaa geeffamuun wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameeraaf.

Ergasii fayyummaansaanii haala gaariirra jiraachuutu gabaafame.

Qondaala siyaasaa of fakkeessuun namni haleellaa kana raawwate adamsamaa jiraachuu poolisiin ibseera.

Akka poolisiin jedhutti shakkamaan kun maqaansaa Vaansi Luutar Booyiltar jedhama, nama umrii waggaa 57ti.

Odeeffannoo akka namni kun to'annoo seeraa jala ooluuf gargaaru nama kenneef badhaasa doolaara kuma 50 qopheesseera.

Hoogganaan Boordii Misooma Humna Namaa bulchiinsa Minisootaa Seenaatar Hofmaan waliin hojjetaa ture namoota siyaasaa haleellaan irra ga'e lameen beekuunsaa qoratamaa jira.

Poolisiin akka jedhutti shakkamaan kun waraqaa eeyyamaa sobaa kan poolisii fakkeessee tolfachuun harkatti qabatee gara mana miidhamtootaa akka deeme bira ga'uu ibseera.

Shakkamaan kun yunifoormii poolisii uffachuun akkasumas konkolaataa ibsaawwan yeroo balaa tasaa agarsiisan ofirraa qabduu fi kan poolisii fakkaattu qabatee akka deeme ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin bilbilli yeroo balaa tasaa itti bilbilame hatattamaan achi ga'uun shakkamaa waliin walitti dhukaasanis shakkamaan kun yeroo sana miliqeera.

Ajajaan poolisii Biruuklan Paark Maark Buurleey poolisiin dhaabbata qorannoo Ameerikaa- FBI, hojjettoota yeroo balaa hatattamaa fi poolisoota dhibbaan lakkaa'aman waliin ta'uun shakkamaa kana to'achuuf duula bal'aa gaggeessaa jiraachuu ibsan.

Taate kana ilaalchisuun ibsa kan kennan Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ''haleellaa suukanneessaan akkanaa US keessatti bakka hin qabu,'' jedhan.

Nama yakka kanaan shakkame seeraan gaafachuuf aanga'oonni mootummaa xiyyeeffannaan hojjetu jedhan Tiraamp.

Komishinarri Nageenyaa uummataa Bulchiinsa Minisootaa Boob Jaakobsan guyyaan Sambataa [guyyaa haleellaan raawwate] ''seenaa US keessatti guyyaa suukanneessadha,'' jedhan.

Bulchaan Minisootaa ''hooggantoota gameeyyii, anaaf ammoo hiriyoota ta'an, dhabneerra,'' jechuun gaddasaanii ibsan.

Namni siyaasaa haleellaa kanaan ajjeefaman Maliisaa Hortimaan ogummaa seeraa kan qaban yoo ta'u, bara 2004 Minisootaa bakka bu'uun filatamaniiru.

Bara 2019 irraa hanga lubbuun darbanitti ammoo Afa-yaa'ii mana maree bakka bu'ootaa Minisoota turan.