Tiraamp mormuun Ameerikaatti hiriirtonni kumaatamaan daandiitti bahan

Hiriirtota Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Magaalota Ameerikaa garagaraa keessatti Pireezidant Donaaldi Tiraamp irratti mormiin bahame, hiriira mormii kanas garee ''No kings'' jedhamutu qopheesse.

Waashingitan Diisiitti Tiraamp agarsiisa waraanaa geggeessuun guyyootaan booda hiriirri mormii imaammata godaantotaa mormu taasifameera.

Seera baaftonni, hoggantoonni gamtaaleefi rogeeyyiin magaalawwan Niiw Yoork, Fiilaadeelfiyaa fi Yuustan jiran alaabaa Ameerikaa mirmirsaafi dhaadannoo Tiraampiin mormu agarsiisaa turan.

Agarsiisni waraanaa Sanbata darbe gaafa guyyaa dhalootaa Tiraamp irratti hundeeffamuu waraana Ameerikaa waggaa 250ffaa ilaalchisuun adeemsifame.

Mormiin kamiyyuu agarsiisa kanarratti mul'annaan ''humna cimaan'' deebiin kennamaaf jechuun Tiraamp akeekkachiisan.

Akka qindeessitoonni jedhanitti mormitoonni miiliyoonaan lakkaa'aman hirmaataniiru.

Filaadelfiyaatti namoonni iddoo Love Park jedhamutti walitti qabaman. ''Demookiraasii keenya tiksuu qabna jedheen yaada,'' jette Kaaren Vaan Tiriistii narsiin ganna 61 yeroo APtti dubbatte.

Mormii kanarratti akka aragamtu kan godhe Tiraamp mindeeffamtoota dameelee fayyaa hir'isuu isaati jetti.

Hiriirri guddaan kan adeemsifame Loos Enjiilis keessatti yoo tahu hiriirtonni imaammata godaansaa morman yeroo gariin qabeenyas mancaasu shakkii jedhuun eegumsi guddaan ture.

Fedhii bulchaa naannichaan alatti Tiraamp torban darbe loltoota National Guard garas ergee ture.

Miseensi garee mirga siviilii Biraawun Bereetis, Hosee Azeetikilaa dhimmi daandiitti isa baase imammata godaansaa tahuu hima.

''Akkatti godaantota deebisaa jiran hamaa dha, maatii gargar hin baastu,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoota National Guard fi hiriirtotni wal dura dhaabbachaa kan turan yoo tahu namoota walitti qabaman bittinsuuf gaasiin imimmaanessu biifameera.

Tiraamp erga filamee hiriirri mormii baayyee bahamus imaammatni godaantota irratti qabu ammallee fudhatama guddaa qaba.

Gareen ''No Kings'' jedhamuufi mormii kana qindeessu Tiraamp bulchiinsa isaa miilanaan daangaa aangoo pireezidantiin qabu darbeera jedha.

Tiraamp yeroo agarsiisni waraanaa taasifamaa ture loltoota uffata danbii keewwatan taankiifi konkolaataa waraanaa waliin mul'atan harka fuudheera.

Haasaa taasiseenis, ''loltoonni keenya abdii hin kutan. Hin booji'aman, harka hin kennan. Ni lolu, lolu,lolu achiin ni mo'atu, mo'atu, mo'atu jedhe.

Namoota siyaasaa muraasaafi hoggantoonni waraanaa agarsiisa kana qeeqaniiru. Gabaasni dhaaba waraanaa akka agarsiisutti agarsiisa kanaaf doolaara miiliyoona 25 hanga 45 tahutu bahe.

Haa tahu malee namoonni BBC'n dubbiseefi agarsiisa kana irratti argaman kabaja loltootaaf agarsiisame akka tahe himu.

Namoota waraqaa dhaadannoo qabatan

Madda suuraa, Getty Images

Agarsiisa waraanaa kana namoonni 200,000 tahan kan do'atan yoo tahu loltoota duraanii jajjabeessaas turan.

Agarsiisni waraanaa kuni loltooti duraanii muraasni waan kanaan dura takkaa arganii hin beekne dha.

Hayyuun dhimma nageenyaa Baarbraa Istaar ''wal gaareffannaan falmii godaantotaafi loltoota meeshaa waraanaa qabatan agarsiisuun kaayyoo agarsiisa kanaa jalqabaa irraa kan maqe dha,'' jechuun BBCtti himte.

Hiriirri garee ''NO Kings'' jedhamuun Mineesootaatti qophaa'uuf ture waraqaan dhaadannoo konkolaataa nama dubartii siyaasaafi abbaa warraashee ajjeese keessatti argamnaan haqame.

Bulchaan Mineesootaa Tiim Waalz namoonnni hiriira kamirrattiyyuu akka hin argamne, hamma namni ajjeechaan kanaan shakkame argamutti jedhanillee namoonni kumaataman lakkaa'aman daandiitti bahuu hin dhiisne.