Mucaan abbaafi haadhasaa ajjeese Tiraamp ajjeesuuf karoorfatee akka ture FBI beeksise

Mucaan maatiisaa ajjeessee Tiraamp's ajjeessuuf yaadee ture jedhame

Madda suuraa, WDJT

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Barataan sadarkaa lammaffaa bulchiinsa Wiiskoonsiin keessatti abbaa fi haadha isaa ajjeessee tokko Pirezidantii Tiraamp's ajjeessuuf karoorfatee akka ture FBI beeksiise.

Gurbaan umuriinsaa waggaa 17 ta'e Niikiitaa Kaasaap haadhasaa kan waggaa 35 Taatiiyaanaa Kaasaap fi abbaa buddeenaa kan umuriin waggaa 51 Doonaald Meeyariin ajjeessuudhaan himatameera.

Abbaa fi haatii dargaggoo kanaa Guraandhala 28 ture ajjeeffamanii manasaanii keessatti kan argaman.

Gabaasni haaraan bahe akka agarsiisuutti, bilbilli dargaggon kun ittiin fayyadamaa ture odeeffannoowwan kan gareewwan leelliiftoota Naazii ta'an waliin walitti dhufeenya qabateera.

Gareen 'Order of Nine Angles' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, Adoolf Hiitilariif beekkamtii kennuun beekama.

Qorattoonni dargaggoon kun barreeffama farra seemootaa fi mootummaa kufiisuudhaaf jechuun karoorri Tiraamp ittiin ahjjeessuuf jedhe argamu galmeen mana murtii agarsiise.

Shakkamaan kunis ta'e jedhe ajjeechaa raawwachuuf ajjeechaa sadarkaa tokkoofaatiin kan himatame yoo ta'u, reeffa dhoksuufi eenyummaa hatuu dabalatee himannaawwan biraa torba irratti banameera.

Gurbaan kunis walitti aansee torbanoota lamaaf mana barnootaa dhaquu sababii hafuusaa hordofee poolisiin yeroo gara mana maatii isaatti imalaniitti ture abbaa fi haatisaa yeroo dhaqaniitti du'usaanii kan adda baase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan buddeenaa isaa mataarra rasaasaan rukutame, haatii ammoo rasaasaa baayyeen reebamuun Guraandhala 11 ajjeeffamusaanii bu'aan qorannoo mul'iseera.

Guyyaa reeffii namoota lamaanii argameetti dargaggoon kun bulchiinsa Kaansaas keessatti abbaansaa konkolaataa Voolsvaagan osoo konkolaachisaa jiruu poolisiidhaan akka dhaabbatu taasifamuun dhagahameera.

Konkolaataa keessattis shuguxiin abbaasaa, kaardiiwwan kireditii kan haadhaafi abbaasaa ta'an afur, meeshaalee faayaa baayyee fi Macaafa Qulqulluu keessatti ammoo doolaara kuma 14 argamu qoranichi mul'iseera.

Qorattoonni akka jedhaniitti, dargaggoon kun barreeffamoota olaantummaa adii agarsiisan kan qabate argame yoo ta'u, warraaqsi siyaasaa kaasuudhaaf Tiraamp ajjeessuuf karoora qabatee akka ture ibseera.

Shakkamaan kunis abbaafi haadha isaa kan ajjeessee ''waan yaade milkeessuuf akka dandeettii maallaqaa argatuuf ta'u hin oolu'' jedha gabaasni qorattootaa.

Galmeen mana murtii akka agarsiisuutti, dargaggoon kun abbaafi haadhaasaa ajjeessuuf namoota Raashiyaatti argaman waliin karoorsaa ture.

Aanga'oonni akka jedhaniitti, shakkamaan haleellaa raawwachuudhaaf bittaa diroonii fi fanjiitiif kan kanfaltii raawwate yoo ta'u, haleellichaan booda gara Yukireeniitti baduudhaaf karoorsee ture.

''Pirezidantichi attamiin akka namoota kaan waliin ajjeeffamuu fi mootummaan akka kufiifamu mari'ataa ture jedhan qorattoonni yoo barreessan.

Shakkamaan kun dhaddacha mana murtii duraatti dhiyaachuuf Ebla 9 beelama qaba ture. Hanga ammaattis garuu himannaa kana hin amanne.

Akka Manni Murtii Kaawuntii Waukeshaa ibseera, Gaafa Caamsaa 7 ittaansee himannaaf mana murtiitti dhiyaachuu qaba, bakka himannaan rratti dhiyaate sirnaan itti kennamu.

Wabii doolaara miiliyoona 1 (£764,000)n hidhamaa jira.