'Hamma waggaa 18 barreessuufi dubbisuu hin danda’un ture amma piroofeesara yunivarsiitiiti'

Madda suuraa, PROF JASON ARDAY
Jeesan Ardaay ijoollummaa isaatti daangeeffama guddina sammuun dhibame, hanga waggaa 11 dubbachuu hin danda’u ture, kan barreessuufi dubbisuu danda’e immoo waggaa 18 booda dha.
Amma nama ganna 37 yoo tahu, nama gurraacha umrii xiqqoo Yunivarsiitii Keembriijitti piroofeesar tahe.
Duubbachuu hin danda’iiniyyuu malee, Jeesan naannoosaa hubachuuf fedhii guddaa qaba ture.
‘’Namoonnii tokko tokko maaliif mana hin qaban?’’ jedhee gaafachuusaa faa yaadata.
‘’Namoonni maaliif wal-waraanu?’’ jedhee yeelala ture.
Kibba-dhiha Landan, iddoo Kilaafaam jedhamutti dhalate.
Dhimmoota jireenyasaa keessatti kaka’umsa guddaa tahaniif keessaa, yeroo Neelsan Maandellaan mana hidhaatii gadhiifamu kara TV ilaaluusaa, Waancaa Addunyaa Raagbii bara 1995 irratti Afrikaan Kibbaa mo’achuu arguu fa’i akka fakkeenyaatti kaasa.
Gidiraa namootaafi isa mo’achuuf diddaa fi mormii isaan taasisaniin akkanni kaka’umsa guddaa argatu dubbata.
‘’Yoon taphataa kubbaa miilaa collee hin ta’u tahee ykn tapha puuliin hin beekamu tahee addunyaa kana baraaruu hin danda’u jedheen yaada ture,’’ jedha.
Ofitti amanamummaa fi dandeettiisaa guddisuurratti haatisaa shoora guddaa qabdi.
Afaan barachuu akka danda’uuf jettee muuziqaa gosa garaagaraa akka dhaggeeffatu taasifteeni.
Jeesan achumaan aadaa ammayyaa irratti fedhii guddaa godhate, booda qorannoosaa keessatti dabaluu jalqabe.
Hiriyyootaa fi nama isa qo’achiisuuun gargaaramuun Piroofeesar Ardaay umriisaa ganna 18 irratti dubbisuufi barreessuu danda’e.
Jalqaba barnoota Guddinaafi Jabeenya Qaamaan Yunivarsiitii Sarreeyi irraa digriisaa jalqabaa argate.
Boodarras ogummaa kanaan leenjii fudhachuun barsiisuu jalqabe.
Ollaa diinagdee jireenyaaf gahaa hin taane keessatti guddachuufi barsiisaa tahuun sirna wal-qixxummaa hin qabneefi sab-xiqqoo tahuun miidhama qabu jiraatee akka arge dubbata.

Madda suuraa, UNIVERSITY OF CAMBRIDGE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ganna 22tti Piroofeesar Ardaay digrii lammataa barachuu akka fedhu nama qo’annaa irratti isa gargaarutti hime.
‘’Saandiroon ni dandessa naan jedhe- mo’achuu akka dandeenyu addunyaatti agarsiisuu qabna naan jedhe,’’ jedha.
‘’Yeroosii kaasee kaayyoo koon godhadhe, kan ani yeroo jalqabaaf ofitti amanes yeroosicha,’’ jedha.
Qorataafi barsiisaa yunivarsiitii tahuuf barachuun isaaf cimaa ture sababiinsaas, leenjifi qajeelfama gahaa gatii hin qabneefi.
Guyyaa, guyyyaa Piroof Ardaay barnoota Guddinaafi Jabeenya Qaamaa barsiisa, halkan barnoota Soosholojii barata, ni qo’atas.
‘’Yeroon waraqaa qorannoo bareessaa turetti maal akkan godhu hin beekun ture,’’ jedha
Nama natti agariisuufi na gargaaru hin qabun ture jedha. Qorannoon barreessee galchu hundi fudhatama hin argatu ture.
‘’Waraqaan barreesu warreen ilaalan akkasumaan hin dabarsan, si jalaa kuuffisu. Ani garuu otoo hin beekiin akka muuxannoo irraa argachaan ture,'' jedha.
Proofeesar Ardaay qorannoo barnootaan maastarsii lamaafi PHD hojjechuu jalqabe.
Tahus PHD isaa sooshoolojii barachuu akka qabu hubate. Achiin Yunivarsiitii Keembiriijitti soshoolojii barnootaa qara’uu jalqabe.
Yeroo ammaa yunivarsiiticha keessa isa dabalatee piroofeesaroota gurraachaa shan qofaatu jira.
Piroofeesarummaan tahuun iddoo Bitootessa ji'a kana keessa argatuun, Piroofeesar Ardaay, namoonni sab-xiqqoo tahan yunivarsiiticha keessa bakka bu’oota akka baay’ifatan gargaaruu fedha.

Madda suuraa, UNIVERSITY OF CAMBRIDGE
‘’Hojiin koo namoota barnoota argachuuf danqaa garaagaraa keessa darbaniif balbala banuufi sirna barnootaa olaanoo demookiraateessuun kaayyoo koo mummee dha,’’ jedha.
Bara 2018, waraqaan qorannoo isaa maxxansifachuun, barsiisummaa sadarkaa olaanaan Yunivarsiitii Roohaamtan gale. Amma Yunivasriitii Darhaam keessatti damee barnoota soshoolojiin piroofeesara dha.
Bara 2021tti, yeroo Yunivarsiitii Gilaasgootti, piroofeesara sosholojii barnootaa tahe, UK keessatti piroofeesara umriidhaan isa xiqqoo ture.
‘’Yunivarsiitii Keembiriij keessaa hojjechuun koo dhimma ani quuqama qabu kanaaf akka biyyaafi aaddunyaatti sagalee akkaan tahuuf na gargaara,’’ jedhe.
‘’Dhimma kanarrattii haasa’uun waan tokko, hojiirra oolchuun immoo waan biraati,’’
Yeroo ammaa kana,qorannoo garaagarummaa sammuu namaafi dhimma barattoota gurraachaa irratti doktara Yunivarsiitii Okisfard wajjiin qorannoo tolchaa jira.
‘’Keembiriij ammaan kana jijjiirama fidaa jira, namoota seen-duubee garagraa qaban baay’isuunis milkaa’uutti jira,’’ jedha Piroofeesar Ardaay. Garuu ammallee hojii baay’eetu hafa jedha.
‘’Barnooti hunda hammataa akka tahu yoo barbaanne, meeshaan ittiin fayyadamnu wal-tumsa, hubannoo fi jaalala qabaachuu dha,’’ jedha.












