Tujaarichi addunyaa dhuguma Maan. Yunaayitid qabxii dhabee rakkatu bituufii?

Maxxanfame

Dureessi addunyaa Eloon Maask Tiwiitara gubbaa Maanchistar Yunaayitiid nan bita jedhanii barreessanii turani.

Miidiyaaleenis harkaa fudhatanii gabaasani.

Deeggartoota Maanchistar Yunaayitiid kilabiin isaanii qabxii dhabee yaaddoo keessa jiran oduu kana gurra itti qeensanii ture.

Abbaa qabeenyaa konkolaataa elektirikii Teslaa kan ta'an abbaan qabeenyaa kuni kilaba kana nan bita jechuun isaanii ijoo dubbii ta'ee ture.

Dureessi kuni yaadota ijoo dubbii ta'an Tiwiitara gubbaatti qooduun beekamu. ''Maanchistar Yunaayitid nan bita,'' jedhanii barreessani.

Osooma hin turiin deeggartoonni Yunaayitiid miidiyaa hawaasummaa gubbaa gammachuu ibsuutti ka'an.

Eegasii booda garuu Eloon Maask lakki nan qoosa jedhan.

‘‘Kuni qoosaa Tiwiitara irraati. Kilaboota ispoortii kamiyyuu hin bitu,’’ jechuun barreessan.

Haa ta’u malee, osoo bitu ta’e kilabi ijoollummaa isaaniitti jaalatan Maanchistar Yunaayitid akka ta’u ibsani.  

Bara dorgommii darbe Maanchistar Yunaayitd Pirimiyeer Liigii Ingilizii sadarkaa jahaffaan xumure.

Bara dorgommii baranaa Erik Ten Hagiin leenjisaa godhee muudeera. Taatullee taphoota liigichaa jalqabaa lamaan mo’ameera.

Keessumaa Bireentifordiin dirreen ala 4fi 0’n inni mo’ame deeggartoota isaa akkaan mufachiiseera.

Torban dhufummoo Yunaayitid dirree ofitti Livarpuulin morkata.

Eloon Maask kilabicha nan bita kan jedhan qabxiin kilabichaa gadi bu’uu hordofee abbaan qabeenyaa kilabichaa maatiin Gileezar nama kaaniif akka dabarsanii kennaniif gaaffiin yeroo gaafatamaa jiruttidha.  

Mormiifi gaaffiin deeggartootaa kunis tapha Livarpuul walin taasifamu irratti ni dhagahama jedhamee eegama.

Deeggartoonni dirree seenuu dhabuun mormii isaanii ibsuuf miidiyaa hawaasummaa gubbaa sochii gochaati jiru.

Waa’ee Eloon Maask kana beektuu?

Dureessi kuni kana duras Tiwiitara dolaara biiliyoona 44’n bituuf sochii taasisaa turani.  

Haa ta’u malee, waligalteewwan bittaa hin kabajamne jechuun waliigaltee boordii Tiwiitara waliin irra gahan dhiisuu isaanii ibsani.

Eloon Maask namoota maqaa guddaa qabaniifi jaalala kiriptokaasansiif qaban keessaa tokkodha.  

Dur barri kan dureessa Biil Gaatis ture. Amma garuu dabareen kan Elon Maask.

Elon Maask lafti hanqatee imala gara hawaarratti fuullefataniiru. Yaaduu qofa hin hafne dureessi kun taaksii garaa hawaatti ittiin deddeebi’anillee tolfataniiru.