Piriimer Liigii torban lamaffaa Man Yunaayitiditti 'waaroo qaanii' uffisee, Arsenaalitti ammoo hamilee hore

Maxxanfame

Maanchester Yunaayitid torban darbe Biraayitaniin, torban kana ammoo Bireentifoordiin mo'amuun dirree miidiyaa hawaasummaa irratti kan kolfaa ta'aa jira.

Kaleessa Maanchester Tunaayitid goolii afur Bireentifoord boqonnaa dura irratti lakkoofsiseen mo'ameera.

Deeggartoonni kilabichaas ta'ee kan warra 'masaanotaa' ardii Awurooppaa irraa hanga guutummaa addunyaatti Maanchester Yunaayitiditi qoosaa jiru.

Amma qe'een warra 'Reed Deevils' kan taphataa collee addunyaa beekamaa ta'e Kiristaanoo Roonaaldoo qabatee jirutti waaroon salphinaa uffateera.

Waan dhugaa qabanis fakkaatu.

Maanchester Yunaayitd tapha jalqabaa Piriimer Liigii 2022-23 lamaan walitti aansuun mo'amuun jalqabe. Kun ammoo waggoota 101 booda seenaa isa mudate ta'eera.

Maan Yunaayitid bara 1921 ture akkuma bara kanaa taphoota lamaan jalqabaa mo'amuun kan jalqabe. Kan nama ajaa'ibu garuu bara sana tapha lamaan jalqabaa mo'amanis garuu boodarra waancaa bara sanaa isaanitu fudhate.

Kan baranaa kun leenjisaa lammii warra Daach Teen Hag jalatti yoo ta'u, kan bara 1921 garuu Joon Chaapmaan jalatti ture.

Tapha dirree isaatiin ala taphatuun Liigicha keessatti waliti aansuun si'a torba mo'amuutiin Maacnhester Yunaayitid yaaddoo hamaa keessa jiraachuu agarsiisa.

Seenaa keessatti bara 1936 ture taphoota dirree isaaniin alatti taphatan 11 walitti aansuun kan moa'ataman.

Erga Onkoloolessa bara 2020 as tapha boqqonnaa duraatiin gooliiwwan afur irratti lakka'amuun isaa kan kaleessaa dabalatee si'a sadaffaadha.

Qaanii guddaa kan itti ta'e ammoo kilaboota ciccimootiin osoo hin taane Bireentifordiin mo'amuu isaati.

Mo'ichi kilabi Bireentifoord Man Yunaayitid irratti Hagayya 13, 2022 galmeeffate erga Ebla 1938 kilaba Grimsby Town jedhamu 6-1 mo'atee isa baayyee guddaadha.

Haala amma jiru kanaan Maanchester Yunaayitd osoo kilaboota gurguddoo akka Maanchester Siitii, Chelsii, Arsenaa, Tootenhaam fi Liiverpuul waliin taphatee maaltu isa mudata jechuun namoonni gaafachaas jiru.

Liiverpuul torban Wiixata dhufu tapha Maacnhester Yunaayitid waliin qabu dursee dhara'uutti jira.

Gabri'eel Yeesus hawwii Arsenaal kilaba jalqabaa afur keessa galuuf qabu milkeessaa?

Kaayyoon guddaa Gabri'eel Yeesus Maanchesr siitii irraa gara Arsenaal fiduu carraa hirmannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaattti hirmachuu waggoota ja'aaf dhabe milkeessuufidha.

Taphataan kun abdii irra kaa'ame agarsiisuuf waan yeroo itti fudhate hin fakkaatu.

Gahumsa inni kaleessa Leester Siitii waliin taphataniin agarsiise kanaaf ragaadha.

Tapha Arsenaal leester Siitiidhaan 4-2 mo'ate kana irratti Gaabri'eel Yeesuus goolii mimmidhagaa lama lakkoofsiseera.

Maal kana qofa, kubbaa mimmiidhagaa lama qajeelchee kennuunis gahumsa gaarii argamsiiseera.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa yeroo Maanchester Siitii keessatti gargaraa Peep gaardiyoolaa turetti iji isaa Gabri'eel Yeesus irra buuteetti.

Kanaaf, yeroo akka Arsenaal kan erga bara 2016 as Shaampiyoons Liigii keessatti hirmaatee hin beekne akka sadarkaa isaa jijjiiru yaadetti Yeesus gara qalbii isaa dhufuun hin oolle.

Akkuma yaadetti kan fidate Arteettaan, "Sadarkaa [keenya] ol kaasaa jira" jechuun dinqisiifateera.

"Maanchester Yunaayitid taphataa cimaa barbada"

Torban lamaan jalqabaa walitti aansuun mo'amuu Maanchester Yunaayitid hordofee laanjisaan haaraa kilabichaa Eriik Teed Hag qeeqamaa jira.

Daqiiqaa 35 jalqabaa irratti goolii 4 Bireentifoord irratti lakkoofsisaniin mo'amuu Man Yunaayitid booda ibsa Sky Sportf kenneen, kilabichi "taphattoota gahumsa qaban ciccimoo barbaada," jedhe.

"Kan har'aa caalaa gahumsa guddaa agarsiisuun nurra eegama ture.

"Akka gareetti adeemsa rakkisaa keessa jirra. Jalqabbii addaa gaarii ta'e osoo eegduu wanti nuti hin eegiin ta'eera.

"Amma taphattoota haaraa barbaanna. TaphatToota ciccimoo barbaanna. Kana irrattis hojjechaa jirra; amansiisnee fiduudhaafis waan dandeenyu ni hojjenna."

Maanchester Yunaayitid erga tapha jalqabaa Biraayitaniin mo'amee akka haaraatti taphataa fiduuf fiigaa jira.

Taphataan sarara gidduu Baarseloonaa Frenkie de Jong ammoo kan iji Ted Hag irra bu'edha. Taphataan kun garuu yoo kan Baarseloonaa gadhiisu ta'e gara Chelsii deemuu akka fedhu dubbata.

Taphoota Piriimer Liigii kaleessaa birootiin Maanchester Siitiin akkuma duraan baretti Bornimaawoziin bareechee mo'ateera.

Tapha Man Siitii 4-0 Bornimaawoz kana irratti Keevin Debirooyin gahumsa agarsiiseen nama ajaa'ibsiiseera.

Taphataan umurii waggaa 22 lammii Noorwey Boorsiyaa Dorrtimoond irraa dhufe Erliing Halaand garuu gahumsa gaarii torban darbe agarsiiseen hin mul'anne.

Taphoota mara irratti goolii lakkoofsisuun kan beekamu dargaggeessi bakki guddaan kennameeruuf kun, kaleessa garuu jifatee goolii lakkoofsisuu yaa turuutii kubbaa miillaan tuquufillee daqiiqaa 18 eege.

Leenjisaan Man Siitii Peep Gaardiyoolaas itti baruudhaaf yeroo fudhata waan ta'eef obsuufiif qabna jedheera.

Kaleessuma Isteefen jeeraardiin kan leenjifamu Aston Viilaan, kan Firaank Laampaardiin leenjifamu Evereteniin 2-1 mo'atera.