Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wallaansoofi wal dura dhaabbannaa leenjistoota Pirimiyeer Liigii Ingilizii
Tapha torban lammaffaa Pirimiyeer Liigii Ingilizii Dilbata kaleessaa taphatame irratti galchii xumurarra galeen Totanhaam Chelsiirraa qabxii qooddateera.
Tapha kana si’a lama dursaa tureefi caalmaa kan agarsiise Chelsii ture.
Qabxii caalaa garuu wal’aansoon leenjisaa Chelsii Tomaas Tuheeliifi kan Tootanhaam Antooniyoo Kontee ijoo dubbii ta'eera.
Leenjisoota lamaaniifuu kaardiin diimaa kennameeraaf.
Yeroo Chelsiin dursaa tureyyuu muddamni ture. Chelsiif galchii duraa kan galche taphataa ganna kana mallatteesifatan Kaaliduu Kulibaaliidha.
Kan lammataa Jeemisitu galche. Tootanhaamiif immoo taphataan lammii Denmaark Pierre-Emile Kordt Højbjerg fi Haari Keenitu galche.
Haata’u malee, murteessaan taphichaa Antoonii Teeylar badii Rodrigo Bentancur taphataa Kai Havertz irratti raawwateef adabbii xumuraa kennuu qaba ture jechuun dhowwamuu isaaniitti warri Chelsii mufataniiru.
Mufiin kuni muddama dhaleera.
Eegasii nagaan akka bu’een, Jeemis kubbaa Raahim Isteerling irraa darbeef galche. Kana booda Tuheel Kontee bira darbuun gammachuu isaanii ibsan.
Chelsiin taphoota lamaan Pirimiyeer Liigii Ingilizii baranarraa qabxii jaha waan walitti qaban itti fakkaatee ture.
Haa ta'u malee, taphataan Totanhaam Haari Keen daqiiqaa 96ffaarratti galchee Tootanhaam dirreen ala kilaba Landan biroorraa qabxii akka qooddatu taasise.
Taphi xumuramee Tuheliifi Konteen harka wal fuudhuf yoo jedhanis muddamni biraa dhalate.
Taphicharratti olaantummaa kan qabu Chelsiin osoo qabxii sadii argachuu danda’uu dhabuu isaan akka carraa dhabamtetti yaada.
Keessumaa taphattoonni Chelsiin ganna kana mallatteessise Kaalibuu Kulibaaliifi Marc Cucurella akkasumas Raahim Isteerling sochii kilabichaa keessaa guddoo gumaataniiru.
‘’Mo’u dhabuun keenya gaddisiisaadha,’’ jedhan Tuheel sochii isaaniin gammachuu ibsanis.
‘’Wal hin arrabsine, wal hin rukunne, garee keenyaaf falmataa jirra,‘‘ jechuun dubbiin kanarra darbe leenjistoota gidduu akka hin jirre Tuheel dubbataniiru.
Konteen kana dura leenjisaa Chelsii turan. Gaafa qabxii qooddatan gammachuu ibsani. Kuni hangamuu qabxii kana akka barbaadan agarsiisa.
Keessumaa galchii qixxeessituu Højbjerg Totanhaamif yeroo galchee akkasumas eega taphi xumuramee booda Konteen gara morkataa isaanii Tomaas Tuheelitti qajeelani.
Xumura booda garuu leenjisaan Chelsii Tuheel harka Kontee waan gadhiisuu fedhan hin fakkaatu.
Totanhaam galchii Keen xumurarratti galcheen qabxii qooddachuu isaaniin gammachuu qabu.
‘’Har’a tapha cimaa biraatu ture,’’ jechuun garaagartee isaaniifi Chelsii gidduu jiru xiqqeessuuf cimsanii dalagaa akka jiran himan.
‘’Anaaf rakkoo miti,’’ jedhan waan leenjistoota gidduu mudate yeroo gaafataman.