Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Marii qondaaltota olaanoo mootummaa US fi Chaayinaa irratti dhimmi Taayiwaan ijoo dubbii ta'e
Dhimmoota teeknooloojii fi maloota quunnamtii akkasumas dhimma Taayiwaan irratti walqoollifannaansaanii cimee kan jiru Ameerikaa fi Chaayinaan, amma qondaaltota olaanoosaanii mariif wali arganii jiru.
Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Wang Yi wayita gita isaanii kan Ameerikaa Antonii Bilinkan waliin walarganiitti, dhimma Taayiwaan irratti araaramni hin jiru jechuun akeekkachiisan.
Gama Chaayinaaniin ammoo ''Dhibdee guddaan hariiroo Chaayinaafi US balleessaa jiru ilaalcha mootummaan US biyya keenyaaf qabuudha'' jedhan Aab Wang Yi.
Qondaalli olaanaan Chaayinaa kun mootummaan US qoqqobbii biyyasaaniirra kaa'e hunda akka kaasu gaafataniiru.
Aab Waang ''Guddina saayinsii fi teeknooloojii Chaayinaa quucarsuu dhaabaa. Dhimma Chaayinaa keessa seenuurraa of qusadhaa!,'' jedhaniin Bilinkaniin.
''Waliin mari'achuu fi wal-qoccoluu akkasumas wal-tumsuu fi walitti bu'iinsa keessaa tokko filachuu qabna,'' jedhan.
Aab Bilinkan gamasaaniin dorgommiin biyyoota lameen gidduutti taasifamuu kamiyyuu ''sirnaa fi miira itti gaafatamummaan to'atamuu qaba'' jedhan.
Waldorgommiin taasifamus karaa chaanaalii kominikeeshii iftoomina qabuun gaggeeffamuu akka qabuu fi gara walitti bu'iinsaatti kan hin geessine ta'uu akka qabu dhaaman.
US yoomiyyuu taanaan hariiroo dipiiloomaasiitti gargaaramuun ajandaawwan irratti dhimmamtu ni kaasti kan jedhan Antonii Bilinkan, dantaa fi duudhaan Ameerikaa kan isaan taliigu ta'uus ibsan.
Antonii Bilnkan ministira dhimma alaa Chaayinaarra darbanii pireezidantii biyyattii Shii Jiinpiing waliin walarganii mari'ataniiru.
Kun amoo walgeettii qondaaltota mootummoota biyyoota lamaanii isa olaanaadha jedhameera.
Aab Shii Jiinpiing wayita Antonii Bilinkan waliin mari'atanitti hariiroo US fi Chaayinaa cimsanii bakkatti deebisuun hojii guddaa gaafata jedhan.
''Hariiroon biyyoota lamaanii yeroo hunda duudhaa kabajaa fi jaalalaa irratti bu'uureffamuu qaba,'' jedhan.
''Ministirri dhimma alaa US daawwannaasaanii kanaan hariiroo biyyoota lamaanii waan fooyyessu ni gumaachu jedheen yaada,'' jedhan Pireezidanti Shii Jiinpiing.
Qondaaltonni mootummaa olaanoon biyyoota Chaayinaa fi US wayita hariiroon dippiloomaasii gidduusaaniitti akkaan laafee jirutti walargan.
Inumaa biyyoonni lameen dhimma abbaa qabeenyummaa Chaayinaan Taayiwaan irratti dhiheessituun walqabatee quba walitti nyaachaa jiru.
Daawwannaan ministirri dhimma alaa US gara Chaayinaatti taasisan kun dhimmoota biyyoonni lameen irratti waldhaban hunda kan waliigalteen xumursiisu miti.
Garuu Aab Bilinkan waan walga'ii kanarraa argatan qabatanii biyyatti deebi'uun isa booda waan irra ga'an waliif beeksisu.