Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhibdeen isaanii dabalus walitti daldalli US fi Chaayinaa riikardii haaraa galmeesse
Hariiroon dippiloomasii US fi Chaayinaa isa yeroo kamuu caala hammaachaa deemus, walitti daldalli isaanii garuu bara darbe guddina olaanaa riikardiidha jedhamu galmeesse.
Ragaaleen akka mul'isanitti walitti daldalli biyyoota lamaan kanaa bara 2022 keessa waliigalatti doolaara biiliyoona 690.6 gaheera.
Muddamni Waashingitaniifi Beejiing gidduu jiru waggoota darban kana dabalaa dhufee guyyoota darban muraasa ammoo sababa afuuffee Chaayinaa samii US irra balali'aa osoo jiruu rukutameef ittuu hammaateera.
Biyyootni diinagdee addunyaa guddaa qabaachuun walitti aanan lameen kun bara 2018 wayita pireezidantiin US yeroo sanii Doonaald Tiraamp aangoo qabatanii Chaayinaarra taarifa kaahan waraanni daldalaa biyyoota lameenii hammaate.
Akka ragaaleen agarsiisanitti US meeshaaleen Chaayinaa irraa bara darbe galchite doolaara biiliyoona 536.8'tti ol guddateera.
Lammiileen Ameerikaa meeshaalee Chaayinaatti hojjetaman kanneen akka meeshaalee taphaa ijollee fi moobaayilaa bituuf hedduu baasu.
US gama isheen al-ergii ishee gara Chaayina doolaara biiliyoona 153.8'tti ol guddifteetti.
Guddinni kun sababa galmaahuu danda'eef keessaa tokko baasiin jireenyaa qaala'aa deemuudha.
Gama kaaniin garuu Chaayinaafi US waggoota darbaniif waraana daldalaa keessa haa jiraataniyyuu malee hangam takka walirratti hirkannaa qaban agarsiisa.
''Akka natti fakkaatutti kun gargar bahuun ulfaataa ta'uu isaaf agarsiiftuudha'' jechuun hundeessituun gidduugala daldalaa Eezhiyaa Debooraa Elams BBC himan.
Mootummootni, dhaabbileen daldalaa fi shamattootni adda bahuuf fedha osoo qabataaniillee haalli diinagdee jiru sana gochuu rakkisaa taasisa jedhu.
Barkurneewwan baayyeef al-ergiin Chaayinaa gara US erga dabalaa adeemee booda Tiraamp bara 2018'tti, meeshaalee Chaayinaarraa galan doolaara biiliyoona 300 baasan irratti taariifa dabalan.
Chaayinaanis meeshaalee US irraa gara Chaayinaa seene biiliyoona 100 ta'urratti kaffaltii import levies jedhamu keesseetti.
Tarkaanfiiwwan US bara Tiraamp fudhatte waggoota lama Baayidan aangoo qabatanii boodas itti fufeera.
Haala qabatamaa kana keessatti Ministirri Haajaa Alaa US Antoonii Biliinkeen ji'a kana keessa Chaayinaa daawwachuuf jiru.
Imala isaanii Guraandhala 5 fi 6 karoorfamee sababa afuuffee Chaayinaa samii US irrati mul'ateen dheeraffame kanaan dhimma nageenyaa, Taayiwaan fi Koovid irratti dubbatu jedhameera.
Aanga'oonni Chaayinaa afuuffeen daangaa samii US'tti ceetee rukutamte nageenyaaf imala aakka turte ammoo tasa daangaa US seenuu himu.
Joo Baayidan haasaa isaanii State of the Union irratti ''Hamma dantaa US eegeefi addunyaa fayyadetti Chaayinaa waliin hojjechuuf kutataadha. Garuu ammoo hin dogongoriinaa Chayinaan birmaddummaa keenyaaf yaaddoo uumti taanaan, biyya keenya ittisuuf ni hojjenna. Sanas gooneerra'' jedhan.