Daangaawwan Oromiyaatti dhibdeen heddummaachuufi haleellaa Arsii Lixaa tibbanaa

Hidhattoota murtee mana murtiitti hin gammadneetu daangaa naannoo lamaanii jeeqa- bulchaa aannichaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Haleellaa tibbana daangaa Godina Arsii Lixaa fi Naannoo Sidaamaa gidduutti mudateen lubbuun namootaa darbuu fi namoota kaan irra miidhaan qaamaa qaqqabuu BBCn jiraattotaafi aanga'aa naannichaarraa odeeffateera.

Naannoon Oromiyaa bal'ina qabiyyee lafaatiin sadarkaa duraarra kan jiru yoo ta'u, naannolee Itoophiyaan qabdu hedduu waliinis daangaa qooddata.

Bal'inni daangaa naannichi naannoleee biroo waliin qooddatu kun ammoo bakkoota hedduutti madda dhibdee fi yeroo yeroon miidhaa lubbuufi qabeenyaa kan keessummeessu erga ta'aa dhufee bubbuleera.

Daangaa naannichaa Moyyaalee hanga Cinaaksan naannoo Somaalee waliin, Shawaa Kaabaa Aanaa Darraa, Shawaa Bahaa aanaaleen Fantaallee fi Boosat, Wallaggatti aanaaleen akka Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa fi kaan Nannoo Amaaraa waliin bakka rakkoon irra deddeebiin waggootaaf itti dhagahamudha.

Daangaan Naannoo Oromiyaa gama Naannoo Affaariinis horsiisee bultoota gama lamaanii gidduutti rakkoo furmaata waaraa hin argannee fi takka hoo'ee qabbanaa'utu jira.

Gama kaaniin ammoo, daangaa Oromiyaan naannoo haaraa hundeeffame, Naannoo Sidaamaa waliin qabus bakka dhibdee keessumeessuu itti fufedha.

Naannoo Sidaamaa kan daangessan aanaaleen akka Kokosaa fi Nansaboottis rakkoon qabiyyee lafaan walqabatu gaaga'ama uumuu akkuma itti fufetti jira.

Torbee darbe dhumarra, rakkoo babal'ifannaa daangaa bu'uura godhateefi aanaalee Nansaboo fi Kokosaa keessatti mudateen lubbuun namoota lamaa yoo darbu namoota torba irra ammoo miidhaan qaamaa gahuu jiraattonni BBC'tti himan.

Haleellaa Jimaata darbe aanaa Kokosaa Ganda Araarsootti mudateen harka isaa rasaasaan rukutamee hospitaala Shaashamanneetti yaalarra jiraachuu kan himu dargaggoo Waliyyii Waaqoo, barii sa'aatii salaataatti haleellaan ganda isaanii irratti banamuu hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Gaafa guyyaa 23 barii sa'aatii salaataa osoo nuti quba hin qabanne numarsanii qubatanii bulanii dhukaasa nutti banan. Mana keenya gubanii, qabeenya keenya mancaasanii lafee keenya cabsan. Kaan ajjeesan," jechuun haala ture BBCtti hime.

Haleellaan kun meeshaa waraanaafi qama hidhateen kan deeggarame ta'uufi lafa qabiyyee durirraa irra jiraachaa turan irraa buqqisuuf haleellaa raawwatame ta'uu hima.

Obbo Gammadaa Tirriis Jiraatuma ganda Araarsoo yoo ta'an, mucaa isaanii haleellaa kanaan miidhame hospitaalatti yaalchisaa bakka jiranii dubbisne.

Akka isaan jedhanitti rakkoo torbee darbe mudate kun lafa humnaan qabachuuf kan kaayyeffatedha jedhu.

Ammaan dura namoonni hedduun naannoo sidaamaa irraa dhufuun aanaa Kokosaa keessa qubatanii turan himannaa mana murtiitti ilaalamaa tureen namoonni naannoo Sidaamaa irraa dhufuun lafa seeraan ala qabatan akka gadhiisan manni murtii murteessee turuus eeran.

"Bara 2012tti humnaan mana namaatti seeraan ala cabsanii galuudhaan lafa qabatan. Abbootiin qabiyyee dhimma kana mana murtiitti himatanii qabeenya seeraan ala qabatan gadhiisanii gara naannoo irraa dhufaniitti akka deebi'an murtaa'e ture" jechuun haala kana dure ture himu.

"Erga qabeenya abbaa qabeenyaatiif deebifamee namoonni kun gara bakka dhufaniitti akka deebifaman ta'ee ajaja seeraa sana kabajuu diduudhaan humnaan irra jiraanna kan jedhuun hanga ammaa lafa sanarratti haleellaa nurratti raawwatu" jedhan.

Erga bara 2012 hanga ammaatti waggoota shanan darbe kanattis yeroo adda addaatti haleellaa bananii lafa qabachuuf yaalii taasisaniin yeroo yeroon miidhaa qaqqabsiisaa akka jiranis dubbatu.

Haleellaa Jimaata darbee kanaanis namoonni lama yoo ajjeefaman nama torba irra ammoo miidhaan qaamaa gahuu himan.

'Daangaa Oromiyaa keessatti nu buqqisaa jiru'

Maanguddoo haleellaa Jimaataatiin rasaasaan miidhaan harkarra gahee hospitaala Adaamaatti yaalarra jira

"Kanaan duras ganda keenya seenanii buna ciran, mana guban, mancaatii qabeenya gaggeessaa turan. Humnaan mana keenyarraa nubaasanii fudhachuuf haleellaan nurratti raawwatamaa jira," jedhan Obbo Gammadoon.

Jiraataan biraa Obbo Harbee Sayid, haleellaa qaamoleen hidhatan naannoo Sidaamaarraa dhufuun jiraattota aanaalee Nansaboo fi Kokosaa irratti banan kanaan qaamni nageenya mootummaa dafee waan hin qaqqabneef guyyoota lamaaf qaamoleen kunneen qabeenyaafi namarra miidhaa geessisuu himu.

Rakkoon kun kan waggoota lakkoofsise ta'ulleen mootummaan Naannoo Oromiyaafi naannoo Sidaamaa rakkoo kana furuuf araara taasisanii yeroo deeman ''qaamoleen haaloo qabatan kunneen deebi'aniituma nuhaleelu'' jedhan.

"Daangaa dhiibaatii rifarandamii nurratti gaafachuu barbaadu. Amma namni lama du'e. Kaan haala rakkisaa keessa jiru. Lubbuu qofa miti. Buna, avokaadoon, weesiin mummuramee manca'eera. Namni keenya qe'ee gadhiisaa jira," jedhan.

Haleellaan kun kan raawwatamu ''kan nu buqqisaa jiran daangaa naannoo Oromiyaa keessatti'' jechuun himan.

Rakkoon waggoota lakkoofsise kun daangaa ammaan dura tureefi rifarandamiin irratti gagggeefameen mootummaan federaalaa furmaata waaraa akka kennuufis gaafatu jiraattonni kunneen.

Dargaggoo haleellaa Jimaataatiin miidhaan qaamaa irra gaha

Qaamni mootummaa maal jedhan?

Dhimma haleellaa tibbana raawwatama jedhame kanarratti kan dubbifne bulchaan aanaa Nansaboo Obbo Bariisoo Baammee, haleellaa kanaan lubbuun namaa darbuu fi miidhaan gahuu BBCtti himan.

Sabni Oromoo fi Sidaamaa hariiroo fi waliin jireenya dheeraa qabaachuu kan himan angaa'aan kun, haleellaa yeroo adda addaatti raawwatamu kana duuba qaamolee seeraan ala lafa qabatanii akka gadhiisan ta'etu jira jedhan.

"Aanaa Kokosaa irratti namoota ammaan dura lafa seeraan ala qabatanii turan akka gadhiisan manni murtii murteessee murtiin sun raawwatameera. Raawwiin sun qaamni irratti raawwatame seeraan deemuu caalaa waraanan rakkoo furuu kan jedhu qabate," jedhan.

Namoonni qubsuma seeraan alaatiin Naannoo Sidaamaa aanaa Gurraa irraa dhufanii mana murtiitin akka gadhiisanii bakka dhufanitti deebi'an taasifame abbootii warraa 14 ta'uus himan.

Murtii kanaan walqabatee namoonni 815 ta'an bakka sanaa buqqa'uus himan.

Namoonni kunneen murtii darbe kanatti mufachuun kanneen aanaa Kokosaa gadhiisanii deeman yoo ta'u, marii araaraa taasifameen kanneen seeraan ala buqqa'anii deeman namoonni 801 deebifamanii turuus dubbatan.

Namoonni itti murtaa'ee bakkicha akka gadhiisan ta'e 14 garuu bu'uura seeraatiin akka bakkicha gadhiisanii bahan waan murtaa'eef malee dabni biraa yaadamee hin turre jechuun waan yeroos ta'e yaadatu.

Namoonni aanaa Kokosaa irraa ajaja mana murtiitiin akka gadhiisan taasifame kunneen ammoo murtii kanaan booda hidhannoodhaan deeggaramuun daangaa naannolee lamaanii tasgabbii akka hin qabaanne taasisaa jiru jechuun himatan.

"Namoonni kunneen jalqaba naannoo Sidaamaa irraa dhufanii namootatti hirkatanii hojii hojjechaa turan. Sana booda qabiyyuma warra hojjetaniif qabatanii falmii gaggeessaa turan. Booda itti murtaa'e" jechuun haala ture ibsan.

"Gareen kun amma loltoota hidhannoon socho'an ta'aniiru. Naannoo Sidaamaatiifis hin ajajaman. Riphee lolaa ta'anii daangaarratti haleellaa raawwatu. Sababa nama 14 kanaatiin naannoon lamaan jeeqamee lubbuun namaas darba," jedhan.

Aanaa Nansabootti haleellaa Jimaata darbe gareen hidhate raawwate kanaan lubbuun nama tokko darbuu fi namoota afur irra ammoo miidhaan qaamaa gahuu himan.

Kan hafan warra aanaa Kokosaatti miidhaman.

Haleellaa daangaa naannolee lamaaniitti raawwatame kana tasgabbeessuuf yeroo ammaa qaamoleen nageenya mootummaa bakkichatti bobbaafamanii jiraachuus eeran.

Naannoo Oromiyaa irraa Daangaa naannoo Sidaamaa irratti kan argaman aanaaleen Kokosaa fi Nansaboo qabeenya uumamaa fi omishtummaa kuduraaleefi muduraaleetiin kan beekaman.

Dhimma haleellaa daangaa naannolee Oromiyaa fi Sidaamaa irratti raawwatameefi lubbuu namaa galaafate kana irratti yaada gama naannolee lamaanii irraa gaafachuuf yaaliin taasifne ammatti nuuf hin milkoofne. Yeroo argameetti ni keessumeessina.