Qondaalli olaanaa Hamaas ajjeefaman

Duuni qondaala kanaa Hamaas irratti miidhaan fidu hammana miti jedhu qondaaltonni

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Duuni qondaala kanaa Hamaas irratti miidhaan fidu hammana miti jedhu qondaaltonni
Maxxanfame

Haleellaa qilleensaa Israa'el mana barumsaa magaalaa Gaazaa keessatti argamu irratti raawwateen namoota afur ajjeefaman keessaa qondaalli olaanaa bulchiinsa Hamaas tokko ta’uu maddeen Filisxeem himan

Qondaalli biyya keessaa tokko BBC'tti akka himanitti, Ehaab Al-Ghusseen ji'a sadii dura magaalaa Gaazaa fi kaaba Gaazaatti dhimma mootummaa Hamaas akka bulchu muudaman.

Ehaab kanaan dura bulchiinsa Hamaas keessatti itti aanaa ministeera hojii kan turan yoo ta’u, sana dura dubbii himaa ministeera biyya keessaa turan.

Sababa kanaaf hoggansa bulchiinsa Hamaas keessatti nama bakka guddaa qaban turan.

Waraanni Israa'el mana barumsaa magaalaa Gaazaa bakka ''shororkeessitoonni socho'anii dhokatanii turan'' jedhu irratti haleellaa raawwachuu isaa dubbata.

Balaa lammiileen nagaa miidhamuu xiqqeessuuf tarkaanfii fudhatuus ibse.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti haleellaan kun Mana Barumsaa Maatii Qulqulluu kan Waldaa Maatii Qulqulluu cina jiru kan magaalaa Gaazaa irraa gara lixaatti argamu irratti xiyyeeffate.

Namoonni baay'een gamoo kana da’oo godhatanii akka turan BBC'n odeeffateera.

Haleellaan qilleensaa kun daree barnootaa lama irratti kan xiyyeeffate ta’uu himaniiru.

Bulchiinsa Hamaas keessatti kanneen biroo hedduun ji'oota sagal darban keessatti ajjeefamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaa xiyyaaraa Israa'el Sadaasa darbe raawwatteen, itti aanaan ministeera aadaa fi itti aanaan af-yaa’ii mana maree seera baastotaa hojjettoota mootummaa fi qondaaltota biroo, akkasumas poolisoonni olaanoon ajjeefamaniiru.

Amma ammoo waraanni Israa’el kutaa giddu galeessa Magaalaa Gaazaa tokkoof namoonni akka baqatan ajaja biraa kenneera.

Haadha warraasaa, ijoolleesaa shan, haadhasaa fi obboleettiisaa waliin naannoo Baanii Amer keessa kan jiraatan Ibrahim Al-Barbari, maatiin hedduun ba'aa akka jiran, dubartoonni fi daa'imman boorsaa qabatanii gara lixaatti qajeelaa akka turan BBC'tti himaniiru.

“Mana keessaa bahuu akka qabnu ollaa irraa dhageenye. Bilbillis ta'e barreeffamni waraana irraa nu dhaqqabe hin jiru, ammoo ammas socho'uuf qophii taasisuun meeshaa keenya walitti qabuu jalqabneerra. Ji'ootaaf beela keessa jiraachaa turre."

Gama biraatiin ammoo Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa keessatti raawwatame kamiyyuu Israa’el booda lola akka eegaltu hayyamamuu qaba jedha hanga kaayyooshee galma ga’utti.

Qondaaltonni Hamaas yaada dhukaasa dhaabuu yeroo dhiyoo asitti dhihaateef deebii Israa’el kennitu eegaa akka jiran himan.