Ilmi Joo Baayidan dubartoota hedduu wajjin ejjuu dabalatee waan sadiin himatame

Pireezdant Joo Baayidan fi ilma isaanii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ilmi Pirezidant Joo Baayidan, Haantar Baayidan, aangoo maatii isaatti fayyadamuun fayidaa argatus araada cimaa ittiin rakkachaa jirutti akka qisaasaa akka jiru haati manaa isaa duraanii ibsite.

Filannoo pirezidaantummaa yeroo darbeerratti warri Rippaabilikaanotaa isa irratti xiyyeeffachuu isaanii irraa kan ka’e, Hantar Baayidan yakka gibira waliin dhahuutiin qorannoon irratti gaggeeffamaa ture.

Pirezidaantin duraanii US Donaald Tiraamp fi michoonni isaa ilmi Baayidan biyyoota akka Chaayinaa fi Yukireen keessatti biizinasii isaa malaammaltummaadhan hojjata jechuun himataa turan.

Ilmi Baayidan waan isa gaabbisiisu akka hojjate amanus, innii fi abbaan isaa Baayidan waan yakkaan nama gaafachiisu garuu homaa hin goone jechuun waakkatan.

Haantar gaheessa waggaa 52 yoo ta’u, abbaan isaa pirezidaant Baayidan akka isatti boonan yeroo hunda ni dubbatu.

Araadaafi jireenya dukkanaa

Haantar Baayidan qoricha sammuu adoochu, kookeenii jedhamu fudhachuu kan eegale barataa kolleejjii yeroo turetti.

wallaansaaf wiirtuu araada irraa bayyanachuus galee bahaa ture.

Bara 2013 tti Waraana Galaaana irraa US tiif leenji’ee abbaa isaa fuulduratti waadaa seene.

Buufata waraana galaana irraa seenee guyyaa jalqabaatti araada kookeenii akka qabu qoratamee irratti barame.

Gaafuma sanas ari’ame. Boodarra tarkaanfii fudhatametti akka gadde dubbatee ture.

New York akka gabaasetti, erga obboleessi isaa angafni bara 2015 tti du’ee booda araada dhugaatii alkoolii voodkatiin akka malee rakkata ture.

Bara 2017 yeroo itti haadha manaa isaa duraanii Bahilee waliin wal hiikan sana Haantar, “fedhii dhuunfaa isaa kanneen akka qoricha sammuu adoochuu, alkoolii, kilabii, dhugaatiifi dubartoota wajjin saal-qunnamtii raawwachuurratti baasii guddaa baasa, maatii isaatiif garuu homaa hin godhu,” jechuun himattee turte.

Baahileen gaa’ela waggaa 24’f Haantar Baayidan wajjin jiraatan ilaalchisee araada qoricha sammuu adoochuufi alkoolitiin akka rakkatu torban kana dubbattee jirti.

Joo Baayidan fi maatii isaanii

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hantar Baayidan bara 2021 seenaa ofii isaa barreesse keessatti haadha manaa isaa Baahilee dhoksee eejjaa turuun isaa gaa’ela isaatti gufuu akka ta’e amaneera.

Bara 2019 tti ammoo qorannoo DNA taasifameen shubbistuu Landen Aleeks jedhamtu irraa mucaa akka godhate bira gahameera.

Shubbistuu kana wajjin qunnamtii qabaachuu isaa waanan yaadadhu hin qabu jedhee waakkatus mucaa Landen Aleeks deessef manni murtii abbaa ta’uu isaa waan itti murteessef kaffaltiin mucaadhaf waan maluu kaffalaa jira.

Haadha manaa isaa Bahilee wajjin osoo gargar hin bahin duras haadha manaa obboleessi isaa irraa du’e, Halii Baayidan jedhamtu waliinis waggaa lamaaf saal-qunnamtii gaggeessaa akka ture Niwuyoork Taayimsitti himee ture.

Sana booda ammoo dubartii lammii Afrikaa Kibbaa fiilmii hojjattu tokko irraa mucaa dhiiraa tokko argate.

Pirezidaantin duraanii US Tiraamp fi paartin Rippaabilikaanii, daldaalli biyya alaa ilma Pirezidaant Baayidan malaammaltummaadhan gaafatamuu qaba jedhanii falmaa turan.

Bara 2013-2016 tti Haantar Baayidan dhaabbata daldaalaa Chaayinaa BHR Paartinars jedhamu keessatti kaffaltii malee miseensa boordii erga ta’een booda dhuma irratti fandii dhaabbatichaa keessaa dhibbeentaa 10 akka argate dubbatamee ture.

Joo Baayidan, “Chaayinaadhaf ergama” jedhee Tiraamp yeroo isaa hadheessaa turetti akka ragaatti waa’ee qabeenya ilma isaatii kana fayyadamaa ture.

Bara 2017 tti Baayidan Waayit Haawus gadhiisee erga baheen booda ilmi isaa Haantar Baayidan abbaa qabeenyaa beekamaa lammii Chaayinaa Yee Jiyaanming jedhamu wajjin gaazii uumamaa irratti walii galtee daldaalaa eeegalan.

Yee Jiingming malaammaltummaan shakkamee erga hidhameen booda walii galteen isaanii addaan cite.

Bara 2014 tti ilmi Baayidan Yukireen keessatti dhaabbata gaazii uumamaa irratti hojjatu Burisma Holdings jedhamutti erga dabalameen booda ji’atti doolaara 50,000 akka argataa ture jedhama.

Yeroo sanatti Joo Baayidan yaalii Yukreen malaammaltummaa hambisuuf gootu deeggaraa turan. Itti milkaa’unis qorataa yakkaa Olaanaa Yukreen kan ture Viktor Shookin bara 2016 tti akka ari’amu ta’e.

Tiraamp fi michoonni isaa ammoo Viktor Skookin kan ari’ame dhaabbata ilma Baayidan wajjin qunnamtii qabu Burismaa irratti qorannoo waan gaggeessef hari’ame jedhanii falmuu eegalan.

Kuni ammoo bara 2019 tti himanni Tiraam aangoo irraa buusuu akka banamu taasise. Ilmi Joo Baayidanis miseensummaa boordii dhaabbata Bursima Hooldings gadi lakkise.

NBC News akka gabaasetti bara 2013 hanga 2018 tti, dhaabbileen daldaalaa Haantar Baayidan Chaayinaa fi Yukreen irraa doolara miliyeena 11 argamsiisera.

Akka gabaasa kanaatti Haantar Baayidan kaffaltii hoteela beekamaa, konkolaatawwan ispoortii bebbeekamoo fi baasiwwan birootif ji’atti doolaara 200,000 baasa.

Qorattoonni federaalaa yeroo ammaa baasiwwan ilmi Baayidan baase fi qunnamtii daldaalaa inni biyya alaatii qabu qorataa jiru.

“Dhibaan dhibbatti ofitti amaneen dubbadha, dhuma qorannoo kanaatti yakka homaatuu akkan hin goonetu mirkanaa’a,” jechuun CBC NEWS tti dubbate.