Obaalaa Obaalaa: "US garee shororkeessaa TPLF deeggaruu akka hin qabne Baayidanitti himeeera"

Obaalaa Obaalaa pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin

Madda suuraa, Oballa Oballa

Ibsa waa'ee suuraa, Obaalaa Obaalaa pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin
Maxxanfame

Ameerikaan "garee shorokeessaa" kaaba Itoophiyaatti mootummaa waliin wal waraanaa jiran "deeggaruu akka hin qabne" pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidanitti dhaamu Obaalaa Obaalaa BBC'tti hime.

Dhalataan Gaambeellaa fi miseensi mana maree magaalaa Oostin, Minesoota Obaalaa Obaalaa Roobii darbe wayita pireezidantichi hojiif gara Minisootaa dhaqan carraa wal arguu argachuu hima.

Pireezidant Baayidan dhimma gara Minesootaa dhaqaniif erga raawwatanii booda namoota galma keessa turan irra deemuun dubbisaa akka turan hima Obaalaan.

Wayita isa bira gahan erga nagaa gaafatee booda, akkamiin Itoophiyaa akka bahee fi haala amma Itoophiyaan keessa jirtu ilaalchisee pireezidantichatti dubbachuu hima.

Baqataan Itoophiyaa dargaggummaan Ameerikaatti godaanuun, lammummaa biyyattii argate, filannoo Ameerikaa Sadaasa bara darbee irratti kutaa biyyaa Minesootaa teessoo mana maree Oostiniif dorgomee injifate.

Dargaggeessi ganna 27 kun magaalaa Oostin Mineesotaa kan %98 namootni adiin keessa jiraatan keessatti, teessoo mana maree magaalattiif paartii kamuu otoo bakka hin bu'in, dhuunfaan (non-partisan) dorgomuun ture kan milkaa'e.

Naannoo Gaambellaatti kan dhalate Obaalaan, haleellaa A.L.A Mudde 13 bara 2003 Gaambellaatti dhaqqabeen sabni Anyuwaak 400 ol lubbuu dhaban jedha.

Ajjeechaa mudate kana baqachuunis maatiisaa waliin gara Keeniyaa imale.

Imala miilaa torban lama booda Sudaan Kibbaa, achiis Sudaan keessa bahuun Keeniyaa erga galee booda kaampii baqattootaa Dadaab keessa waggaa 10'f jiraate.

Achis bara 2013tti maatii isaa waliin Keeniyaarraa gara Ameerikaatti godaane.

Baayidanitti maal hime?

"Gocha sanyii balleessuu TPLF wayita aangoorra ture saba koo Anyuwaak irratti raawwate baqadhee akkan biyyaa bahee itti hime" jedha Obaalaan.

Akkamiin Gambeellaa ka'ee Keeniyaa akka galee fi erga Ameerikaa gahee hiree argateef galata akka qabu pireezidant Baayidanitti himuus dubbata.

"Ani nama gocha sanyii balleessuu TPLF raawwateen miidhamedha" jechuun Baayidanitti himuu kan dubbatu Obaalaan, "ammas lola TPLF eegaleen Itoophiyaa keessatti namoonni hedduun miidhamaa akka jiran" dabalee itti himu ibsa.

"Gareen kun amma MM karaa seera qabeessa uummataan filatame aangoorraa kuffosee aangootti deebi'uu barbaada waan ta'eef kanarrattis yaaddoo qabu ibseeraaf," jedha.

Ameerikaan "garee shororkeessaa TPLF deeggaruu akka hin qabne" pireezidantichaaf dhaamuus hima.

Obaalaa pireezidant Baayidan dubbisuuf dabaree eeggachaa ture

Madda suuraa, Oballa Oballa

Ibsa waa'ee suuraa, Obaalaa pireezidant Baayidan dubbisuuf dabaree eeggachaa ture

Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokkoo oliif adeemaa jiru irratti Ameerikaa dabalatee biyyootni Lixaa hedduun finciltoota Tigraay deeggarti jechuun mootummaan Itoophiyaa fi deeggartoonni isaa ni komatu.

Deegartoonni mootummaa Itoophiyaa erga yeroo dhiyoo as biyyootni Lixaa TPLF deeggaruun dhiibbaa mootummaa Itoophiyaa irraan gahaa jiran akka dhaban hiriira bahuu fi marsaalee hawaasaa irratti duula gochuun gaafachaa jiru.

Faallaa kanaatiin Roobii darbe wayita pireezidant Joo Baayidan Minesootaa dhaqan, imaammatni isaan Itoophiyaa irratti hordofaa jiran deeggaruun dhalattoonni Itoophiyaa kanneen mootummaa morman hiriira bahanii turan.

Obaalaan akka jedhutti pireezidantichi waan isarra gaheen akka gaddanii fi hojii gaarii hojjetaa jiru akka itti fufu isa jajjabeessuun ala deebii hin kennineef.

"Anis deebii akka naaf kennu eegaa hin turre" kan jedhu Obaalaan gara fuuldura irra deebiin wal argee waliin haasa'uuf abdii qaba.

Bara bulchiinsa Doonaaldi tiraamp Waayit Haawus daawwachuu kan himu Obaalaa Obaalaan, pireezidantii Ameerikaa argee yoo waliin dubbatu kun kan jalqabaa ta'uu fi hiree argatetti hedduu gammaduu isaa BBC'tti himeera.