Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dinqisaa: Waggoota kudhan dhukkubsachaan muuziqaa qindeessaa ture, amma natti cime
Dinqisaa Dabalaa qindeessaa Muuziqaawwan afaan Oromoo hedduuti. Yeroo dhihoo asitti ammoo sirboota mataasaatiin beekamtii horateera.
Bara Oromiyaa keessatti falmiin adeemsifamaa ture sirba Caalaa Bultumee ‘Maaster Pilaanii’ jedhu dabalatee sirboota qabsoo artistoota hedduudhaaf qindeesseera.
Ogeessi aarti kuni Tibbana jabaa dhukkubsachuun miidiyaa hawaasummaa kanarratti dhimma irraa dubbatamaa jirudha.
Dinqisaan waa’ee Fayyaa isaa fi hojiileesaa irratti yaada BBC’f kenneen dhukkubni waggoota 10 waliin ture tibbana itti hammaachuu hime.
“Kan nadhukkubu Kintaarotiitu natti bahe. Waan kuni waggaa 10 dura ture kan najalqabe,'' jechuun waan isa mudate ibse.
''Hojii muuziqaa qindeessuu kana osuma nadhukkubuun hojjechaa ture. wellistoonni nafaana hojjetan nibeeku. Gaaf gaaf ciisaan, gaafa gaaf mana yaalaa deemaatuman hoii aartii kana hojjechaa ture” jedha.
Dhukkubichi hojii muuziqaa qindeessummaa kan yeroo dheeraa taa’amee hojjetamu waliin daran itti ulfaachaa akka ture kan himu wellisaan kun yeroo dhihoo asitti humnaa ol taanaan hojiicha dhiisee mana ciisuuf dirqamuu hime.
“Ani dhukkubsachuu kiyya namatti himuuyuu hin barbaannen ture. wellistoota sirba nuuf qindeessi jedhanii nagaafachaa turaantu dhufanii na arganii jennaan uummata bira haa gahu jedhanii miidiyaa hawaasummaa kanarratti qoodani” jedha.
Dhibee isa mudate kana yaalamuuf ji’ootaan dura gara Biyya Baahireen deemuun yaala baqaqsanii hodhuu argachuu kan himu Dinqisaan, yaalichi yeroo gahaa waan hin arganneef guututti osoo hin xumuramin gara biyyaatti akka deebi’e hima.
“Baahireenitti opireeshinii sana haala gaariinillee osoo naaf hin hodhin gara biyyaatti nadeebisan. Innimmoo infeekshinii uumuu danda’a, gara kaanseriittis jijjiiramuu danda’a naan jedhaniin yaaddoo keessa jira.” jedha.
Dhibeen Kintaarotii kuni bakka yaalame sanarraa yeroo fooyya’u bakka biraa lama saaditti bahuun dhukkubichi daran itti hammaachaa deemuus hima.
Hojii aartii Kanaan ala madda galii biraa akka hin qabne kan himu ogeessi kuni, maallaqni aartirraa argamu yaala guddaa dhibee kanarraa ittiin fayyuu danda’u waan hin qabneef hawaaasni akka isa gargaarus gaafata.
Hojiileesaa…
Qindeessaa Muuziqaa fi wellisaa Dinqisaa Dabalaa waggoota 10 darban kanatti sirboota qindeesse lakkoofsaaan hangana jedhee akka hin beeknee fi daran hedduu ta’uu hima.
Wellistoota bara kana jiran keessaas hedduu isaaaniitiif sirboota qindeessuu hima.
“Wellistoonni nabiratti hin hojjenne muraasa. Hedduu isaaniitiif sirboota qindeesseera. Galaanaa Gaaromsaa, Yoosan , caalaa bultumee, caalaa Dagafaa, Jaafar yusuuf ebelu ebelu jedhee hin fixu,” Jedha.
Erga ofii isaatii sagaleen wellisuu jalqabee ammoo sirboota shan kiliippiin kan hojjete yoo ta’u, sirbi Daadoo, Caaltuu 1000 fi Raajii 7 jedhan kan ittiin beekamu.
Kana malees sirboota sagalee qofaa lamas hawaasan gahuu hima.
Yeroo dhihoo hanga dhukkubni itti cimee hojii dhaabuttis albama mataasaa hojetee xumuruun hawaasan gahuuf qophiirra akka tures hima.
“Ani sirboota artitoota hedduu kanin of harkaa qabun qaba. Isaan xumuruufiin barbaada. Albama kiyyas hojiisaa xumureen ture. Isas hawaaasa biraan gahuu nan barbaada. Kanaaf ammoo yaala gaarii argadhee fayyaakootti deebi’uu murteessaadha” jedha.