Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Marii Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaatti gargaaramuuf jalqabde sadarkaa fooyyeerra jira’
Itoophiyaan buufata doonii Barbaraatti gargaaramuuf Somaalilaandi waliin mariin gaggeesissa jirtu sadarkaa fooyyeerra jiraachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Ejensiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaase.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Onkoloolessa keessa Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa argachuun ‘’dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti’’ jedhani turan.
Yaadni MM Abiy kennan kun biyyoota ollaa buufata doonii qaban biratti yaaddoo uumee ture.
Xiinxaltoonni karaa nagaatiinimoo? waraanan dhimma jedhurratti yaada kennaallee turan.
Kunoo otoo haala Kanaan jiruu tibbana Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf akkaataa dandeessuurratti Somaalilaandi fi Keeniyaa waliin mariirra jiraachuun dhagahame.
Somaalilaand wagga 30 dura Somaaliyaarra citte, garuu Gamtaa Afrikaa ykn Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin akka biyya walabaatti beekamtii hin arganne.
Minsiteerri Geejjibaa fi Loojistikii Itoophiyaa Alamuu Simee, yaa’ii kaabinee MM Abiyi dursanitti himuu Ejensiin Oduu Itoophiyaa gabaase.
Qondaalli biyyattii kun Itoophiyaan buufata doonii Barbaraa akka filannoo dabalataatti ittigargaaramuuf mariin gaggeessitu sadarkaa fooyyeerra gahuu ibsan.
Kana malees, Itoophiyaan buufata doonii Laamuutti gargaaramuuf mariin mootummaa Keeniyaa waliin gaggeessitu sadarkaa gaariirra jira jedhame.
Itoophiyaan meeshaalee alarraa galchuu fi gara biyya alaatti erguuf %95 buufata doonii Jibutiitti gargaaramti.
MM Abiyi maal jedhanii turan?
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed, Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf biyya ollaa irratti weerara gaggeessuuf homaa fedha akka hin qabne miseensota paarlaamaa biyyattiitti dubbatan.
Ulaa galaanaa argachuuf '’eenyuuniyyuu weeraruuf fedha hin qabnu'' jedhanii dubbatan.
Itoophiyaan biyyoota ollaa Eertiraa, Somaaliyaa, Jibuutii fi Keeniyaatti rasaasa dhukaasuu hin barbaaddu jedhan.
Waggaa 30 dura buufata doonii lama biyyi qabdu har'a buufata tokkorratti hundaa'uun, lakkoofsi uummata ishee dabaluun, biyyoota kaamifuu yaaddoo cimaa uuma jedhan.
Dhimmi ''buufata doonii yeroo hundaa na dhiphisa kan jedhan MM Abiy, kun uummata miliyoona 120dha. Yoo rakkate, yoo beela'e, yoomiyyuu tahu hin du'u, ni yaala,'' jedhan.
Buufataalee doonii Itoophiyaan itti fayyadamuuf carraa qabdu keessatti Barbaraa eeraniiru.
Kan biraa ammoo waggoota 30 dura kan Itoophiyaa kan turan Asabii fi Matsawaa kaasan.
Mariin hulaa galaanaa argachuuf jalqabe jiraachuu ifatti dubbachuu baatanis waliigaltee biizinesii dhaabbataa taheen argachuu qabna jedhan.