Waa’ee atileetoota Eeritraa Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti badanii maal beekna?

Atileetii Eertiraa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Atileetoonni Eertiraa Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaarratti hirmaachuuf gara Ameerikaa Oriigaaniitti imaluun badaniiru jedhaman shan keessa sadan isaanii dorgommii biraatiif biyya biraa imaluun himame.

Miseensoota garee atileetoota Eertiraaa shaampiyoona atileetiksii addunyaa 18ffaa irratti hirmaachuuf gara Ameerikaa imalan keessaa gara biyyaatti kan hin deebiine jiraachu ilaalchisee erga dorgommichi xumurameen booda gabaafame.

Dursa poolisiin bulchiinsa Oriigan tarree atileetoota shananii baasuun eessa buuteen isaanii hin beekamne jedhee ture.

Haata’u malee miidiyaalee naannichaa kan akka KT TV, Register-Guard fi KZ jedhaman ammoo atileetoonni badaniiru jedhaman argamaniiru jechuun poolisii Yuunivarsitii Oregoon eeruu gabaasaniiru.

Akka gabaasa miidiyaalee naannichaatti, poolisiin Yuunivarsitii Oriigan teessoo atileetotaa argadheera jechuun kan beeksiise Federeshinii Atileetiksii Biyyaaleessaa Eertiraati.

Gabaasaaleen kana haa jedhan malee, maqaan atileetoota shananii ammalleen tarree maqaa teessoon isaanii bade keessatti marsariitii poolisii bulchiinsa Oriigan irratti argama.

Atileetoonni Eertiraa bakka buuteen isaanii hin baramne jedhamuun maqaansaanii tarreeffamee kunneen shananuu dhiira yoo ta’an, isaan keessaa tokko leenjiisaadha.

Leenjiisaafi gaheessi waggaa 44 Barihee Asgadoom, Fiilmoon Andaa, Haabtoom Saamu’eel, Marihaawii Mabirhaatuu, Yamaana Gabrasillaasee marsariticha irrati kanneen badaniiru jedhamuun maqaansaanii tarreeffame keesaatti argamu.

Kolombiyaa fi Siwiizarlaand

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileetoota Eertiraa teessoon isaanii hin beekamu jedhamuun maqaan isaanii tarreeffame keessaa lamaan isaanii; jechuunis Marihaawii Mabiraahaatufi Haabtoom Saamu’eel shaampiyoonaa atileetikisii addunyaa waggaa 20 gadi irratti kan hirmaatan yoo ta’u, gara Kolombiyaatti qajeelu maddeen BBCtti himaniiru.

Dargaggoota waggaa 18 kan ta’an atileetonni kunneenis shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti dorgommii fiigicha meetira 3,000 fi 5,000 irratti akka hirmaatan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti maqaansaanii tarraa’eera.

Atileetoota badaniiru jedhaman keessaa kan biraa, Yamaane Gabrasillaasee ammoo dorgommii gara biraatiif gara Siwiizarlaandiitti qajeeluu BBCtti himeera.

BBC’nis kana sanada imala atileetii kanaarraa mirkanneeffachu danda’eera.

Dorgommii qaama Liigii Daayimandii kan ta’eefi Siwiizarlaandi magaalaa Loowuzaan keessatti kan gaggeeffamu irratti hirmaachuuf gar sana akka imale Yamaanan dubbateera.

Eeritiraan atileetoota 10 dorgommiiwwan afur irratti kan hirmaataniif, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa xumura torban kanaarratti golobame irratti hirmaachifte.

Dorgommicharrattis Yamaane Gabrasillaasee dorgommii fiigicha gufachiisoo meetira kuma sadiitiin sadarkaa sadaffaan xumureera.

Marhaawii Mabraatuu ammo meetira 5,000n osoo calallii hin darbiin kan hafe yoo ta’u, Haabtoom Saamu’eel ammo meetira 10,000n sadarkaa 17ffaa bahuun xumure.

Atileeti Filiimoon ammo maaraatoonnii irratti hirmaachusaatu galmaa’e.