Xaaliyaanitti taphataa Arsenaal dabalatee hedduun waraanaman, namni tokko du'e

Maxxanfame

Itaalii handaara magaalaa Miilaanitti haleellaa meeshaa qara qabuun raawwatameen taphataa Arsenaal dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan waraanamuun miidhaman, namni tokko haleellaa kanaan du'eera jedhe poolisiin.

Miidiyaan biyyattii akka gabaasanitti giddu-gala daldalaa tokkotti qarshi-qabaa kan ta'e namni umrii waggaa 30, nama haleellaa kana raawwateen waraanamee du'e.

Taphataan sarara ittisaa biyya Ispeen fi kilaba Arsenaal, kan ergisaan kilaba biyya Itaalii- A.C Monza jiru kanneen waraanamanii guddoo miidhaman keessaati.

Kilabiin Monza kilaboota garee Serie A keessaa sadarkaa 15ffaarra jira.

Namni umrii waggaa 46 haleellaa kana raawwachuun shakkame to'annoo poolisii jala ooleera, poolisiin yakki raawwate shororkeessummaan gonkumaa wal hin qabatu jedheera.

Namni haleellaa raawwate kun sammuunsaa kan dhukkubu ta'uu gabaasaaleen ibsaniiru, namni kun osoo giddu-gala daldalaa keessa jiruu billaa bakka jiruu luqqisuun namoota waraanuu eegale.

Namichi kun akka sa'aatii biyyattiitti gara sa'aatii 18:30 (16:30 GMT)tti giddugala daldalaa naannoo sana jiru- Carrefour jedhamutti bakka billaan itti gurguramuu luqqifatee namuma arge waraanuu eegale.

Wayita taateen kun mudatu namoonni rifaatuudhaan baqachaa, kaan ammoo iyyaa turan.

Namni haleellaa raawwate kun maamiltoota hedduun to'annoo jala ooluun poolisii bakka sana ga'eef dabarfamee kenname.

Taphataan sarara ittisaa Ispeen (ganna 29) Maariin dugda isaa irra waraanamuun madaa'e - garuu miidhaan isaa lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu miti.

Bakka bu'aan isaa Arturo Canales BBC'tti akka himetti taphataan kun of beekee akka jiruu fi miidhaan qaamaa hamaan akka irra hin geenyes ibse.

Hojii gaggeessaan kilabii Monzaa, Adriyaanoo Gaaliyaaniin miidiyaa Sky Itaalii jedhamutti akka himetti, Maariin yeroo haleellaan kun raawwatamu haadha warraa fi ilma isaa xiqqaa waliin meeshaa bitaa ture.

"Ilma isaa konkolaataa (gaarii) daa'imman ittiin oofan keessa taa'ee haadha warraa isaa ammoo of cinaa qaba ture. Homaa hin hubanne. Sana booda dugda isaa keessatti waan dhukkubbiin itti dhaga'ame, kunis haleellaa yakkamaa sanaa ture," jedha Aab Galliani.

"Akka carraa battala sn, yakkamaan kun osoo nama tokko qoonqoo isaa waraanuus argeera. Waan ta'e hunda argeera, baay'ee jeeqame," jechuun Galliani dabalee dubbateera.

Hojii gaggeessaan kun taphatichi ''dugda isaa irra waraanamuun baayyee madaa'ulle lubbuun isaa haala yaaddessaa irra akka hin jirree fi ''dafee fayyuu akka danda'u,'' dubbate.

Mariin Guraandhala 2020 keessa garee Biraazil- Filamingo irraa gara Arsenaaltti kan makame yoo ta'u, yeroo 19 qofa garee Arsenaal taphatee yeroo ammaa ergisaan kilabii Itaalii sadarkaa olaanaa qabu- Monza waliin jira.

Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteta akka jedhetti: "Reefuun bare. Edu [daayreektarri teeknikaa Arsenaal] firoota isaa waliin wal qunnamtii akka qabu nan beeka. Hospitaala jira, garuu waan fooyyee qabu fakkaata."