Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Isteediyeemii kubbaa miilaa Indooneeziyaatti wal-dhiibuufi walirra bahuun namoonni 174 ol du'an
Wal-dorgommii kubbaa miilaa Indooneziyaatti wal-dhiibuufi walirra bahuun namoonni 129 lubbuun darbuun badii hamaa akka addunyaatti isteediyeemii keessatti yeroo dhihoo keessatti mudate jedhameera
Wal-dhiibuufi walirra bahuun kan mudate kanneen jeequmsa uuman jedhaman bittimsuuf gaasiin imimmaanessitu erga biifameeti.
Namoonni 180 tahan balaa kanaan kan madaa’an yoo tahu, kunis erga gareen Areemaa FC morkataasaa Surabaayaa Baha Jaavaatti mo’aten booda dha.
Hogganaan ministeera nageenyaa namoonni 4000 tahan humna isteediyeemichi danda’uun ol dabalamaniitu tapha daawwachaa turan jedhan.
Pireezidant Jookoo Widoodoo dorgommiin liigiiwwan mummee gidduutti taasifamu hamma dubbiin kuni qoratamutti akka hin adeemsifamne ajajan.
Viidiyoowwan gadhiifaman akka agarsiisanitti deeggartoonni dorgommiin erga xumuramee booda gara dirreetti yeroo fiigan agarsiisu.
Kana booda poolisiin gaasii imimmaanessu gadhiise, kunis wal-dhukkaamsuufi walirra yaabuu fidee jedhan hogganaan poolisii Baha Jaavaa, Nikoo Afintaa.
‘’Seer-maleessummaan uumame. Qondaalota fa’i haleeluu, konkolaataa cabsuu jalqaban,’’ jechuun kanaan poolisoonni lama lubbuun darbuu himan.
‘’Namni hundi seera maleessa hin turre, kanneen 3000 tahaniif gara dirreetti fiigani dha rakkoo kan uuman,’’ jedhe.
Deeggartoonni baqachaa turan hundi,’’gara balbala bahumsaatti fiigaa turan,’’ akkasiin namni dabalamaa deemee namni iddoo tokkotti gaafa kuufamaa deemu oksijiiniin hanqachaa dhufe jedhan.
Viidiyoowwan iddichaa gadhiifaman akka agarsiisaniitti deeggartoonni miliquuf jecha dallaa yaaban fa’i mul’ata. Viidiyoon kaan immoo reeffa lafa kukkufe mul’isu.
Qaamni kubbaa miilaa addunyaa hogganu FIFA’n gaasiin imimmaanessu iddoo taphaatti biifamuu hin qabu jedhe.
Waldaan Kubbaa Miilaa Inooneziyaa(PSSI) dhimma kana nan qoradha erga jedheen booda,’’waan mudate maqaa kubbaa miilaa Indooneeziyaa balleessee,’’ jedhe.
Kubbaa miilaa Indooneeziyaa keessatti hokkorri waan haaraa miti.
Deeggartoonni Peersebaayaa Suraabaayaa sodaa hokkoraa irraan kan ka’e tikeetii bituurra dhorkamanii turan.
Balaan kuni seenaa hokkora isteediyemii keessatti mudatuun isa dhiyeenyaati.
Bara 1964tti Arjantiinaatti haala wal-fakkataan namoonni 320 yoo du’an kanneen 1000 ol tahan miidhamanii turan.
UK’tti immoo deeggartoonni Liivarpuul 97 Shafiild, isteediyemii Hiilsboorootti lubbuun isaanii darbeera.