Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hamma lubbuunkoo jirutti haqa mucaakootiif iyyuu ittuman fufa'
Dhohinsi keemikaalaa Hagayya 2020 keessa Beeruutitti mudate namoota 200 ta'an ajjeessee lubbuu kumaatamaan lakkaa'aman gaaga'eera.
Taateen kun waggaa sadii guutulleen qorannoon waan dhaabbateef hedduun ammallee godaannisa waliin jiraataa jiru.
Gabaastuun BBC Kaariin Toorbeey maatii namoota afurii kan dhohinsa sanaan jireenyisaanii akka malee tahe dubbiifte jirti.
Erga Hagayya 4, 2020 asi kunoo guyyaan 1,095 darbeera. Garuu namni umuriin waggaa 46 Laaraa Haayeek guyyoota kanneen hundaaf of wallaaluun koomaa keessatti argamti.
Guyyaa buufata doonii kanatti keemikaalli naayitireeti jedhamu dhohuun lubbuu namoota 200 olii galaafatee, kaan ammoo miidhaaf saaxiluun magaalaa guddoo biyyattii barbadeesseetti isheenis mana turte.
Taateen kunis dhohinsa guddaa nikulaara hin taanee kan jalqabaati.
Laaraanis gara hospitaalaatti geeffamte, garuu sababii dhohiinsaatiin miidhaan sammuusheerra waan qaqabeef sa'aatiin booda of wallaalte. Achiis osoo of hin bariin akkasumatti turte.
''Wanti hundi barbadaa'unsaa akka abdii kutannu nu taasiseera'' jedhan obboleessi Laaraa Eliyaas.
Haatiisaanii Laaraa waliin halkan hospitaalaatti dabarsu. Isaanis guyyaa tokko intallisaanii akka damaqxu abdatu. ''Amantiifi abdii qofaatuu akka sochonu nu gargaaraa jira'' jedha Eliyaas.
Miidhaa xin-sammuu irra gaheen alattis haalli wallaansi Laaraa maatiin gama maallaqaatiinis akka dadhaban taasiseera.
Mootummaan baasii wallaansa ishee kamu hin gargaarre. Maaliif akka ta'e wayita gaafatameetti Eliyaas, ''Waa'ee mootummaa kamii dubbataa jirta?'' jechuun deebiise.
Yeroo kamuu caalaa maatiin miidhamtootaa akka waan dagatamaniitti yaadu. Kunis gadda isaanii cimseera.
'Haqaafii waamicha taasisuukoo ittuman fufa'
Yuusraa Al Amiin suuraa ilma ishee Ibraahiim ilaaluun takkaa aaruu dhiistee hin beektu. Innis mucaashee qixusuu ture. Wayita dhohinsii bakkichatti qaqqabetti Ibraahiim buufata keessa hojjataa ture.
Reeffii isaas guyyaa afuriin booda jijjigaa jalaa argame. Isheenis ganama hunda ykn guyyaatti ala lama bakka awwaalcha isaa wayita dowwatuutti, aariifii gaabbiin ishee akka haaraatti itti dhufa.
Isheenis walgahii maatii miidhamtootaa keessattuu kan ji'i seenee kan guyyaa afur irratti gaggeeffamu hunda ni hirmaatti.
Danqaan jiraatus guyyaa tokko haqi ilmasheef akka argamu abdatti. Waa'een qorannoo dhohinsa buufatichaa, keessattuu erga qondaaltoonni mootummaa olaanoon abbaa seeraa garee qorannichaatiin waamanii kaasee guutummaatti dhaabbateera.
Miseensoonni mana maree duraanii fi ministiroonni, hooggantoonni qaama nageenyaa akkasumas ministirri mummee duraanii mana murtiitti dhiyaachuu didaniiru. Ministira mumme duraanii irratti himannaawwan garaa garaatu dhiyaate.
Qaamni haqaa olaanaan silaa dhimmicha ilaaluun abbootiin seeraa akka qorannoo isaanii deebiisanii eegalan murteessuu danda'u, sababii koramiin (gumiin miseensoota barbaachisuu) hin gutamneef hojjachuun hin dandeenye.
Rakkoon dabalaatuma jira. Hedduunis adeemsa qorannichaa maaltu akka mudate hubachu hin dandeenye. Waan isaan beekan qorannichi dhaabbachu isaati. Lammiileen Libaanan hedduunis akka dhimmichi du'ee awwaalameetti yaadu.
Haata'u malee maatiiwwan miidhamtootaa hedduun haqa gaafataa jiran abdii hin kutanne. ''Amma kolfaa jiru ta'a, garuu wanti hanga dhumaatti itti fufu hin jiru,'' jetti Yuusraa waa'ee namoota siyaasaa yoo dubbattu.
''Amma dhuma jireenyakootti imlakoof haqni akka argamuuf waamicha taasiisuu ittuuman fufa. Gonkumaa nu hin dadhabsiisan.''
Dhaabbileen mirga namoomaa irratti hojjattan kan akka Amanastii Intarnaashinaal fi Komishiniin Mirga Namoomaa, dhimma dhohinsa Beeruuti keessa'', namooti siyaasaa harka galfachuu'' fi ''haqarratti qoosuu'' jechuun qeeqan.
Amanastiifi gareewwan gara biraa ibsa Amajjii keessa baasaniin balaa qaqqabe qorachuuf ergamni idil-addunyaa hundeeffamuun dhugaa akka barbaadu gaafatanii ture.
Madaa waliin jiraachuu
''Yakkamaan ofiisaatiif murteessaa ta'u hin danda'u,'' jettee Tireesii Naajaar kan mucaan waggaa sadii, Aleeksaandaraan dhohinsichaan jalaa duute.
Isheenis rifeensa intalashee baattee deemti. Erga balaa sanaatiin booda mucaa dhiiraa tokko argattee jirti. Ta'us garuu ammalleen gaddda ishee salphisuufii hin dandeenye.
''Ammuma yeroon adeemuun baayyee of biraa ishee dhabuu keenyaan yaaddoofna. Kana qofaas osoo hin taaneef sababii haqni dhabameef aariin keessoo keenyatti baayyataa jira. Garuu ammoo cimaa jirra,'' jetti.
Liibaanan keessatti daandiin haqaa baayyee dheeraa akka ta'e beekti. Ta'us ammoo, dhugaa beekuun waa'ee mirga intala ishee qofaa osoo hin taanee waa'ee mirga miidhamtoota hundaa fi mirga Liibaananootaa hundaati.
Erga Hagayya 4, 2020 booda, biyyaa bahuuf carraa argattee turte. Garuu ammoo abbaa warraa ishee waliin achuma turanii haqa intalsaaniif qabsaa'uuf mirteessite.
Amma garuu murteessaanii keessa deebii'anii ilaalaa jiru.
''Erga obboolleessa Aleeksaandari, Aleeksi argannee booda, sababii yakkamtoonni baqataa jiraniifuu haalli baayyee wal-xaxaaa ta'eera. Erga Hagayya 4, boodaa homtuu hin jijjiramne. Akka irra deebiin hin mudanneef eenyutuu wabii ta'uu danda'a?''
'Ni ajjeeffame'
Waggoota sadan darbaniif maatiin miidhamtootaa baayyeen haqaafi deebii barbaadaa jiru.
Taaniyaa Alaam kan abbaa warraa ishee Fireedii, dhohiinsichaan dhabdees, duutii isaa yakka ture jetti.
''Ni ajjeeffame. Kanatu jecha sirriin ibsa,'' jette. Isheenis komishiiniin haqa barbaadu akka hundeeffamuuf waamicha taasisaa turte.
Taaniyaan kunis qorattoota Liibaanan kan bakka bu'u akka hin taane himti. Garuu ammoo wal maddi hojjataa miidhamtootaa fi firootas ragaa walabaa dhimmicha biyya keessaafi biyya alaatti gaggeessuuf barbaachisuu akka dhiyeessaniif jetti.
Ammattis gadda keessa jirtu to'achuuf biyyaa baatee jirti. ''Yeroon madaa cimsaa adeemeera. Anis gadda to'adhee waliin jiraachuu baradheera,'' jetti.
''Garuu ammoo baayyee nama huba. Qaamakoo keessatti natti dhagahama. Yeroo kamu caalaa nama miidha.''
Dhohinsa Beeruutiin maaltu mudatee ture?
- Magaala guddoo biyyattiitti keemikaalli man-kuusaa naannoo buufata doonii ture toonii 2,750 ni dhohe.
- Yoo xinnaatee namoonni 218 ajjeeffamaniiru
- Yoo xinnaatee namoonni 7,000 ta'an irra miidhaan qaqqabeera.
- Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman ammoo bakka jireenyaa isaanii irraa buqqaafamaniiru.
- Manneen jireenyaa kuma kudhaniin lakkaa'aman barbadaa'aniiru.
- Akka Baankii Addunyaatti, dhohansiichi badiinsa meeshaalee doolaara biiliyoona 3.8- 4.6'tti tilmaamamu qaqqabeera.
- Abbootiin seeraa qorannoo lamaan muddamaniiru- lamaanu akka hin hojjanneef rakkoon mudateera.
- Qorannoon dhimma kanarratti taasifamu yeroo dheeraaf dhaabbateera.