Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Livarpuul mo'achuu dandeenyaan, morkataa kamuu ni mo'atta' - Erik ten Haag
Maanchistar Yunaayitid tapha akkaan ho'aa tahe Old Tiraafordiin, abdii dorgommii baranaan waancaa argachuuf qaban itti fufsiisuun, abdii Liivarpuul waancaa afur mo'achuuf qabu ammoo golgoleessan.
Taphni nuusa-xumuraa FA Cup morkattoota isaanii yeroo hundaa Liivarpuul wajjin dirreesaaniitti gaggeessan, sa'aatii dabalataa keessa galchii lakkaa'ameen 4 - 3n goolabame.
Kana hordofees leenjisaan isaanii Erik ten Haag, injifannoon Dilbata galgalaa, dorgommii baranaa isaaniif kan jijjiiru akka tahe abdii qabu.
Yunaayitid gara xumuraa tapha idilee, akkasumas sa'aatii dabalataa keessa dursamaa kan turan tahus, goolii ajaa'ibaa Amaad Diyaaloo daqiiqaa 121ffaarra galcheen mirgaan galaniiru.
Pirimeer Liigii keessa morkattoonni isaanii sadarkaa Chaampiyoons Liigii keessa galuu, Totanihaam fi Aston Vilaa lammanuu qabxii gatuu isaaniitiin, Ten Haag injifannoon Waancaa FA irratti galmeessan kun guddaa akka tahe amanu.
"Tarii kun battala sana tahuu danda'a," jedhan Ten Haag.
"Taphattootaaf ofitti amanamummaa fi humna waan ajaa'iba ittiin milkeessan kennaaf. Livarpuul mo'achuu dandeenyaan, morkataa kamuu ni mo'atta."
Leenjisaan kun akka yaadanitti, taphni gareensaa sa'aatii walakkaa jalqabaaf taphatan, taphoota baranaa keessaa gahumsa addaa kan itti agarsiisanidha.
Yunaayitid galchii Maaktoominee galcheen dursuu danda'anis, Aleeksis Maak Alistar fi Mo Saalaah xumura boqonnaan dura galchiiwwan lama galchaniin dursa qabatan.
Jijjiiramee kan seene Antonii taphni idilee xumuramuuf daqiiqaan sadii wayita hafutti Yunaatid wal qixxeesse. Achiis Eliyet Liivarpuul ammallee akka dursan godhe, wayita kanatti 2 - 3 ture qabxiin.
Tapha diraamaan guutame kanaan, Maarkas Raashfard galchii lakkoofsise.
Sa'aatiin dabalataa obba'ee taphichi gara rukuttaa penaalitiitti ceha wayita jedhamaa turetti, taphataan ganna 21 Amaad Diyaaloo goolii injifannoon ittiin galan lakkoofsise.
Gammachuun of wallaalee tisheertiisaa kan baase taphataan kun, badii kanaaf kaardii akeekkachiisaa keelloo lammeessoo argachuun, dirree keessaa gugsan.
Taphni kun Diyaaloof tapha Yunaayitidiif taphate keessaa isa guddaadha.
"Guddoo isaaf gammadeera," jechuun leenjisaan isaa Ten Haag waa'ee Diyaaloo dubbatan.
Taphataan kun bara leenjisummaa Olee Gunar Solshaayer 2021'tti gara Yunaayitid kan makame ennaa tahu, gaafas taphataa Ayivoorii Koost kanaaf paawundii miiliyoona 19 itti baasan.
Injifannoo kana hordofee Yunaatid gara walakkaa-xumuraa dabruun, kilaba Koventirii wajjin ramadameera - taphichis Weembileetti gaggeeffama.