Maan Siitiin FA Cup irra injifannoon gale, Totanihaam 'dhibaa'uun' mo'ame

Maxxanfame

Tapha nuusa-xumuraa Waancaa FA'n Maanchistar Siitii, gahumsa olaanaan Niwkaastil mo'achuun walakkaa-xumuraatti tare.

Kilabni Gaardiyoolaa injifannoo addaa bara dabree Treble jedhamuufi Chaampiyoons Liigii, Pirimeer Liigii fi FA Cup milkeessuuf baranallee taphachaa kan jiran ogguu tahu, taphni galgalaa isaaniif salphaa ture.

Seenaa dorgommii Waancaa FA kana keessa kilaba marroo jahaaf walitti aansuun walakkaa xumuraaf gahan tahaniiru. Kana malees, Peep Gaardiyoolaa baroota itti dorgome saddeet keessaa torbarratti walakkaa-xumuraaf gaheera.

Tapha Sambata galgalaa kanaan, boqonnaan dura goolii lakkoofsisaniin taphicha to'annoo isaanii galchanii turan.

Galchiin lammanuu carraa wajjin dhufaniis, taphattoonni Siitii kubbaa %75 of bira tursuun olaantummaa qabatanii bahan.

Gooliin jalqabaa Barnaardoo Siilvaa, miila ittisaa Niiwkaastil Daan Barnitti bu'uun, akeeka ishee geeddaruun saaphana karra eegaa Dubraavkaa keecha buute.

Isheen lammeessoof akkasuma kubbaa Siilvaan akkaan rukuteetu kallattii jijjiiruun goolii taate - isa kanatti ammoo mataa Isveen Botmaantu kallattii geeddarsisie.

Carraan gaariidha jedhamu Niiwkaasil kan argame ennaa jifataan isaanii Aleksaandar Isaak, kubbaan jabeessee rukute karra eegaa Siitii Isteefaan Orteegaan oolchedha.

Taphni marsaa nuusa-xumuraa FA Cup Dilbata har'aallee kan itti fufee adeemu ogguu tahu, Cheelsii fi Leestar Siitii akkasumas Maanchistar Yunaayitid fi Liivarpuul ni morkatu.

"Fudhatama hin qabu" - Totanihaam

Totanihaam erga Fuulihaamiin istaadiyemii Kiraavan Kooteejitti mo'aman booda dursaan garee Son Hiing-min "tattaaffii nurraa eegamu hin taasisne... dammaquun nu barbaachisa" jedhe.

Isparsoonni taphicha kan eegalan, yoo mo'atan sadarkaa afreessoorra akka taa'an beekanii ture. Garuu kun odoo hin tahiin hafee gahumsa gadaanaa mul'isuun 3 - 0'n mo'aman.

Jifataan Fulhaam Rodriigoo Muniiz galchii lama ennaa lakkoofsisu, Saasaa Luukich ammoo tokko galcheera.

Totanihaam erga Anj Postekogluu jalatti leenji'uu eegalanii kaasee, yeroo jalqabaaf galchii odoo hin galchiin tapha goolaban.

"Kunu fudhatama hin qabu, ana dabalatee [waanti agarsiisne] fudhatama hin qabu," jechuun Son gaaffiiffi deebii Sky Sports wajjin taasiseen hime.

"Hunduu daawwitii keessatti of argaa, 'balleessaa kooti' jechuu qaba.

"Gahaa hin turre. Barana gahumsa haala agarsiisneen tattaaffii hin taasisne. Taphnis, miirri tures gahaa hin turre. Namuu hirriiba keessaa dammaquu qaba."

Sadarkaa liigichaan ammatti afreessoo kan taa'an Aston Vilaa, tapha Dilbata har'aa Westihaam wajjin qaban ni mo'atu taanaan, garaagarummaa qabxii qaban shanitti guddisuu danda'u.