Tilmaama taphoota Pirimeer Liigii fi FA Cup torbee kanaa

Maxxanfame

Guyyoota dhuma-torbee kana Pirimeer Liigii fi Waancaa FA nuusa-xumuraan taphoonni akkaan eegamu. Dorgommii FA Cup'n Maan Yunaayitid - Liivarpuul wajjin akkasumas Maan Siitii - NIiwkaasil walitti fida.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Satan, tilmaama qabxii taphootaa akkanaan kaa'e. Kanaan waliigaltuu?

Wolvis v Koveentirii - FA Cup

Tapha kana Wolverhaampitan ni mo'a jedheen tilmaama. Dirresaaniirra waan taphataniif, kubbaa qabatanii gahumsa guddaan akka taphatan irraan eega.

Tilmaama: Wolvis 2 - 1 Koveentirii

Barnileey v Bireentiford (FA Cup)

Tilmaama amma dura kaa'aa tureen, Barnileen yoo xiqqaate dirreesaaniirra yoo xiqqaate walqixa bahu jedhee tilmaamus, yeroo hundan dogongora.

Ammas tahu kilabni dirreessaaniirra taphatan - Barnilee carraa goolii galchuu gaarii akka qaban nan yaada. Dhumarra garuu kan injifannoon galu Bireentiford.

Kanniisonni (Bireentiford) gahumsa gaariidha jedhamurra argamuudhaa baatanis, tapha kana irra aanu.

Tilmaama: Barnileey 1 - 2 Bireentiford

Lutan v Nootingihaam Forast (Pirimeer Liigii)

Taphni kun morkiiwwan liigii kanarraa gadi bu'uufi dhiisuuf godhaman keessaa isa tokko ta'a.

Lutan qabxii 21 qabatee sadarkaa 18ffaarra kan argamu ogguu tahu, Forast ammoo 24 qabatee 17ffaarra taa'eera.

Luutan Taawon bara taphaa kana keessa taphoota akkaan nama gaabbisiisan lama mo'ameera. Inni tokko torbanoota muraasa dura deeggartoota isaanii fuulduratti tapha Shefildiin mo'amanidha.

Ka dhibii ammoo, torban kana gaafa Roobii tapha ajaa'ibaa Bornimaz wajjin taasisanidha. Luutan boqonnaan dura 3 fi 0 qabxii taheen dursuu eegalanii kan ture tahus, haala addaan Barnimaz duubaa ka'uun 4 fi 3n dabsate.

Rakkoon Lutan goolii itti lakkaa'amudha. Pirimeer Liigii keessatti taphoota 16 walitti aansuun galchii lakkoofsisuu danda'us, gabateerra gara gadiirra jira.

Tapha kanaan tilmaama gareen Nuunoo Espiriitoo Saantoo ni mo'ata jedhu hinqabu.

Tilmaama: Lutan 1 - 1 Forast

Fulhaam v Totanihaam (Pirimeer Liigii)

Torban dabre Totanihaam gara dirree Aston Vilaa - Vilaa Paarl imaluun garee Unaay Emeriin leenjisan irra aanee gale.

Gareen Landan kaabaarraa tahe Totanihaam, tapha kanaan qoramuun isaanii waan hin oolle.

Totanihaam ittisaasa Mikii vaan da Ven miidhamaan dhabuunsaa tarii dhiibbaa irraa gahuu mala. Gama kaaniin Fulhaam dirreesaanii irratti gahumsa gaarii qabu.

Tilmaama: Fulhaam 2 - 2 Totanihaam

Maan Siitii v Niiwkaastil (FA Cup)

Gaardiyoolaan taphoota Waancaa FA irratti taphattoota ciccimoo fudhatee akka galu beekna. Tapha nuusa-xumuraa kanaafis xiyyeeffannoo guddaa akka kennu nan tilmaama.

Maan Siitiin tapha kana callaa adoo hin taane, waancaa kana fudhatanii akka galan nan tilmaama.

Timaama: Siitii 3 - 1 Niiwkaastil

Chelsii v Leestar (FA Cup)

Waancaan FA Cheelsiin hiika guddaa qaba. Maaliif jennaan, gahumsa Pirimeer Liigii keessa agarsiisaa jiraniin, waancaa bira gahuu miti, Chaampiyoons Liigii bara dhufuurratti hirmaachufillee argachuu waan danda'an miti.

Kanaaf carraan qaban Waancaa FA mo'achuuf tattaafachuudha.

Kana malees Chelsiin dirreesaa irratti taphachuunsaa carraa biraa kennaaf.

Leestaroonni gamasaaniin xiyyeeffannoon ijoosaanii baranaa gara Pirimeer Liigii deebi'anii ol guddachuudha. Leestar tapha kanaan Chelsiin morkataniis, mo'achuu garuu waan danda'an miti.

Tilmaama: Chelsii 3 - 0 Leestar

Westhaam v Aston Viilaa (Pirimeer Liigii)

Kilaboonni lammanuu guyyoota torbee gidduutti Awurooppaa Liigii fi Konfirans Liigii taphatanii deebi'an. Taphoonni kunniin dhiibbaa isaaniirraan gahan kan ilaallu taha.

Viilaan Hamaroota (Weestihaam) caalaa gahumsa agarsiisaa jiru. Kanas tapha amma duraan 4 fi 1n injifachuun agarsiisaniiru.

Gareen Unaay Emerii yeroo kamittuu taphattoota carraa uuman qaba.

Tilmaama: Westhaam 1 - 1 Aston Vilaa

Maan Yunaayitid v Liivarpuul (FA Cup)

Hiriyyaan koo tokko tapha kanaan Maanchistar Yunaayitid akka mo'atu natti hime. "Abboo ni maraatte moo?" jedheen deebiseef.

Liivarpuul gahumsasaanii sirriirra jiraannaan, tapha kana shakkii malee ni mo'atu.

Taphattoonni qaxalee isaanii akka Moo Saalaah miidhamarraa deebi'aniiru.

Yunaayitidiif deebi'uun Raasmas Hoyilund oduu dansaati.

Tilmaama: Yunaayitid 1 - 2 Liivarpuul