Ruutoon seenaa Keeniyaa keessatti Pirezidantii hunda caalaa jibbamanii?

Pirezedantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Wiiliyaam Ruutoon wayita Pirezedantii ta'an, lammileen Keeniyaa jireenyasaanii fooyyessuuf waadaa seenan ni kabaju jedhanii abdachuun gammachuun simatanii turan.

Faallaa kanaa garuu qeeqa jabaan irratti dhiyaachuun seenaa biyyattii keessatti akka hogganaa gita hin qabneetti ilaalaman.

Ruutoon qeeqa itti jabaateen waan dheekkaman fakkaatu.

Roobii darbe kana sababa dheekkamsi hawaasaa akkasii hoggantoota duraanii Keeniyaarratti hin hammanneef gaafatan.

Daani'eel araf Mooyi waggoota digdamaa oliif kan sochii siyaasaa humnaan ukkaamsaa turanii fi sarbama mirga namoomaatiin himatamu fi kanneen biroo haala falmiisiisan aangoorraa bu'anirrattillee, mufiin hawaasaa akkasitti irratti hin dhiyaanne.

Roobii darbe Ruutoon akkas jedhan: "Hokkarri kun hundi maaliif pirezidantota duraanii akka Moyii, Muuhaki Kiibaki, Uhuuruu Kenyaataarratti hin kaane...Tuffiidhamoo of-tuulummaarraa madde?" jedhan.

Xiinxaltoonni dheekkamsa ummataa amma Pirezidant Ruutoorratti ka'e fi namoonni 100 ol bara darbe irratti ajjeefaman, "kan hin baratamne" jechuun ibsan.

Mufiin hawaasaa kun lammiileen Keeniyaa otoo sabaa, amantii fi caasaalee hawaasaan wal hin qoodiin hunda tokkoomse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mormiin bulchiinsa Ruutoorratti ka'uu kan jalqabe aangoo qabatanii waggaa tokko booda ture.

Waggaa sadii darbanitti lammileen Keeniyaa hedduun Ruutoon aangoo akka gadhiisan barbaadu.

Ruutoon yeroo pirezidantummaaf dorgomu akka nama ijoollummaa hiyyummaatti guddate fi hiyyuma dandamachuun gara aangootti dhufeetti of beeksise.

Ruutoon akka daldala lukkuurraa ka'uun hanga pirezedantummaatti akka qaqqabanitti, Akka warri kaan fakkeenya godhachuu danda'anitti of beeksise.

Jalqaba bara kanaa gaazexaan tokko mata duree Ruutoon "Pirezidantii Keeniyaa isa baay'ee jibbamadha?" jechuun barreesse.

Miirri kun yeroo baayyee miidiyaa hawaasaa fi haasaa hawaasaa keessatti baay'inaan dhagahama.

Kunis siyaasa Keeniyaa sabaa fi caasaa hawaasaan addaan hirame keessatti jijjiirama addaa fide.

Ruutoon gufuulee kana irra tarkaate pirezidantii akka ce'eetti ilaalame.

Torban kana gaaleen "Hundi keenya Kikuyuudha," mata dureen jedhu miidiyaa hawaasaarra deddeebi'aa ture.

Dargaggoonni qoqqoodinsa sabaa yeroo dheeraaf siyaasa Keeniyaa dhiphisaa ture deebisuuf yaalame mormaa turan.

Faallaa kanaa duulli "Hundi keenya lammiilee Keeniyaati" jedhu miidiyaa hawaasarratti baname, garuu akka isa duraanitti hedduu hin qoodamne.

Kikuyuun, saba Keeniyaa keessatti isa guddaa naannoo Tulluu Keeniyaa jiraatan yoo ta'an, filannoo bara 2022 irratti Ruutoo baay'inaan deeggaran.

Yeroo sana naannichatti kan dhalatan Pirezedantii ittaanaa kan turan Rigati Gachaguwaa waliin qindoomanii injifatan.

Garuu Gachaguwaan haala hin eegamneen bara darbe aangoorraa kaafaman ykn buqqifaman.

Gachaguwaan gocha sanaan gantummaadha jedhee ibse.

Taate sun naannichattis mufii uume.

Sana booda qondaalonni siyaasaa Ruutoo waliin michuu ta'an muraasni, Kikuyuu warreen mormii Pirezidant Ruutoorratti kakaasan jedhan himatan.

Xiinxalaan siyaasaa Maark Bichachi jedhamu akka jedhutti, mormiin pirezidanticharratti baname sabaa kan bu'uureffate osoo hin taane, hawaasa garaa garaa magaalaa fi baadiyyaa jiraatu kan dabalateedha.

"Mormii ummataa Pirezidantichaa fi bulchiinsa isaarratti gaggeeffammaa jiru kan hin eegamnee fi" "seena-qabeessa" jechuun ibse.

Itti dabaluun, raafamni siyaasaa biyyattii keesssatti mul'atu bara 1980 fi 1990 yeroo bulchiinsa Moyii biyyattiin paartii tokkoo jalatti bultullee caaleera jedha.

Yeroon sun tarkaanfii gara jabinaa fi sirna dimokiraasii paartii hedduu hirmaachisu akka dhufuuf jecha falmii hamaan yeroo itti gafgeeffame ture.

Pirezedantii duraanii Keeniyaa Daani'el arap Moyii  kanaan dura mormiin hawaasaa cimaan mudatee ture

Madda suuraa, Gamma-Rapho via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii duraanii Keeniyaa Daani'el arap Moyii kanaan dura mormiin hawaasaa cimaan mudatee ture

Obbo Bichachiin, waldhabdeen yeroo sanaa Waraana hololaa ykn qorqalbiin waliin kan walqabatu ta'uu fi Keeniyaa qofa otoo hin taane, guutuu ardii Afrikaatti kan mul'ataa ture ta'uu ibsan.

Garuu hayyuun Dr Nijoki Wamahi jedhamtu akka jettutti, qeeqni Pirezidanticharratti dhiyaate waan hin baratamne osoo hin taane, qaama duudhaa siyaasaa yeroo rakkooti jette.

"Pirezidantoonni hundi, yeroo faallaa heera mootummaa, fedhii ummata Keeniyaatiin ala deeman, yeroo hunda qeeqa guddaatu isaan mudata," jechuun BBCtti himti.

Hoggantoota darban kanneen akka pirezidant Joomoo Keeniyaataa fi nama isa bakka bu'e Moyii akka fakkeenyaatti kaafte. Hoggantoonni lachuu yeroo murteessaa ta'etti amantaa ummataarraa dhabuusaanii eerte.