Wiiliyaam Ruutoo namoota hiriira mormii bahan 'mogolee jala haleelaa' jechuun poolisiif ajaja dabarsan

Madda suuraa, State House Kenya/Facebook
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo namoota hiriira bahuun qabeenya namootaa irratti xiyyeeffatan poolisiin miila jala akka haleelu ajaja dabarsan.
Kunis namoonni hiriira bahuun qabeenya namaa saamuu irratti xiyyeeffatan akka naafatan garuummoo lubbuun akka hin baanefi jedhame.
Hiriira dhiyeenya irra deddeebin biyyattii keessatti mudatuun poolisiin namoota heddu ajjeesuu hordofee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniifi gareewwan mirga namaaf falma poolisiin Keeniyaa aangoo qabu humnaa ol fayyadamaa jira jechuun komii qaban dhageessisan.
Keessumaa Adoolessa 7 mormii biyyattiitti gaggeeffameen namoonni 31 dhukaasa poolisiin ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa beeksisee ture.
Poolisiin Keeniyaa ibsa baasen garuu namoonni 11 qofti akka du'an beeksise.
Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo mormii bulchiinsa isaanii mudate duuba kan jiru qaamota siyaasaa isaan morman ta'uu akeekun, kanneen hiriira bahuun saamicha irratti bobba'an poolisiin tarkaanfii akka irratti fudhatu ajaja kennan.
"Namni osoo qabeenya biizinasii ykn qabeenya namaa osoo gubuu yoo qabame miila jala haa dhahamu, sana booda hospitaala erga geeffamee booda mana murtiitti dhiyaachuu qaba.
Hin ajjeesinaa, garuu miillisaanii akka cabu godhaa," jechuun poolisiif ajaja kennan.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii poolisiin Keeniyaa kallattiin namoota hiriira bahan irratti dhukaasee ajjeesutti gadduu beesksise.
Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo garuu tarkaanfiin poolisiin fudhate sirrii ta'uu, ibsa har'a, Adoolessa 9, kenniin beekisan.
"Osoo ijji koo ilaaluu Keeniyaan yaaddoo uumun, shororkaan ykn hokkara uumuun buluu hin dandeessu," kanneen hiriira mormii gaggeeffamu duuba jiru jedhanis akka salphaatti akka hin dhiisne akeekkachiisan.
Hiriira mormii kana duuba taa'ee kan jajjabbeessufi kakaasu namoota siyaasaa biyyaattii bulchiinsa isaanii morman akka ta'anis akeekan Ruuton.
Keeniyaa keessatti mootummaan kamuu jijjiiramuu kan danda'u karaa filannoon malee mormii gaggeessun akka hin taane kan dubbatan Ruutoon, namoonni siyaasaa bulchiinsa isaanii morman filannoon bara 2027 hanga gahutti akka obsanis himan.












