Paastariin 'daa'ima galaafatee owwaalcharratti kadhateef' ajjeechaan himatame

Maxxanfame

Ameerikaatti paastariin waldaa Kiristaanaa soorama bahe, gara walakkaa jaarraa dura sirna awwaalcha intala ganna saddeet butamte dursaa ture ajjeechaa isheetiin himatame.

Deeviid Zaandistraa maanguddoo ganna 83, ajjeechaa fi butii daa'ima ganna saddeetii waggoota dheeraaf dhoksaa turaniin himataman. Dubbichi akkasi.

Girechen Haaringitan handaara Filaadelfiyaatti kan argamtu naannoo Maarpil Taawonship'tti Hagayya 15, 1975 ganama iddoo Macaafa Qulqulluu yeroo boqonnaa itti barattuu dhabamte.

Jalqaba bara kanaa dubartiin maqaan ishee hin ibsamne tokko, abbaan hiriyyaa ishee yakkamaa ta'uu akka amantu qorattootatti himte.

Innis Deevid Zaandistraan jedhama, maanguddoo ganna 83ti.

Abbaan alangaa Kaawuntii Daalaweer Jack Stollsteimer, Wixata kaleessaa ibsa kennaniin, “Namni kun abjuu hamaa maatii hundaati,” jedhan.

"Mucaa durbaa miskiina ganna saddeet beekuu fi isa amanattu ajjeese. Sana booda, yeroo awwaalcha ishee fi yeroo sana booda qofa osoo hin taane, waggootaaf akka hiriyyaa maatii ishee ta'e."

Dhimmi galmee himannaa daa’ima kanaa gariin akka haaraatti kan haasawamuu eegale, erga kitaabni bara darbe maxxanfame ‘Marple’s Gretchen Harrington Tragedy: Kidnapping, Murder and Innocence Lost in Suburban Philadelphia’ jedhamu bahuu hordofeeti.

Bara 1975tti Obbo Zandistiraan Paastarii Waldaa ‘Trinity Christian Reformed Church’ jedhamu turan.

Ganama ganama bakka kanatti yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu erga baratanii booda Obbo Zandistiraan ijoollee gara waldaa lammaffaatti geessa ture.

Garuu Gireechan Waldaa ‘Reformed Presbyterian Church’ jedhamu akka hin dhaqne, ganama sana daa’imni kun badde jedhee poolisiitti kan gabaase Obbo Zandistiraa ture.

Sana booda reeffi ishee naannoo bosona dhihoo jirutti gara ji'a lamaa booda argame.

Namni ajjeechaa isheen shaakkame kun hiriyyaa maatii Haariingitan yoo ta'u, daa’ima kana barbaaduu maatii gargaareera, sirna awwaalcha daa'ima kanaarrattillee otoo hin hafiin argamuun kadhannaa akka gaggeesse maddeen CBStti himaniiru.

Qorattoonni akka jedhanitti, Obbo Zandistiraan erga daa’imni kun abbaashee amma lubbuun hinjirre duraa erga fagaatte booda, qe’ee warra isheetii yeroo baatuu konkolaataa isaa keessa akka seentuuf waamee ture.

Namni ragaa bahe tokko daa'imni kun baduun ishee erga gabaafame booda gaafatame akka himetti, intalli kun konkolaachisaa Obbo Zandistiraan fakkaatu waliin yeroo dubbattu arguu hime.

Garuu yeroo sanatti poolisiin yeroo Zandistiraa gaafatu, Paastarri kun guyyaa sana Girechan hin argine jedhee haale.

Amajjii 2023 qorattoonni hiriyyaa intala Obbo Zandistiraa haasofsiisan.

Isheen akka himtetti, yeroo baayyee daa'imni kun mana isaanii ciifti, umuriin ishee waggaa 10tti yeroo ta'u Paastarichi fedha saal-qunnamtiif ishee harkaan tuttuqa akka ture arguu himte.

Dubartiin kun galmee mudannoo guyyuu bara 1975 barreeffame poolisiitti agarsiifte akkas jedha: "Giraachin kan bute isa ta'uu mala jedheen yaada. Mr.Z jedheen yaada."

Obbo Zandistiraan yeroo hedduu olii gadi marsanii jiraataa turan.

Torban darbe Joorjiyaatti Poolisii kutaa Pensilvaanaatiin osoo hin hidhamin dura Kaalifoorniyaa fi Teksaas keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u, amma yakkaa raawwachuusaanii amanuu poolisiin hime.

Shakkamaan kun mana hidhaa naannoo sana jirutti kan hidhame yoo ta'u, gara Pensilvaaniyaatti dabarfamuuf jiru.

Kitaaba 'Marple's Gretchen Harrington Tragedy' jedhu kan barreessite Johanaa Faalkonii Sullivan BBCtti akka himteetti, kitaabicha Maayik Maatis waliin barreessuun sadarkaa kanarra akka gahu gargaare jettee akka amantu himte.

Barreessaan kitaabichaaf Obbo Zandistiraan gaafanneerra jedhe.

"Waan ganama sana ta'e hunda akka hin yaadanneetti haasa'e. Haati warraan isaa waan baay'ee isa caalaa yaadatteetti" jedhe.

Aadde Sulivan akkas jette:"Seenaan kun hawaasa irratti dhiibbaa guddaa uumee."

"Yakki kun ammallee gareewwan Feesbuukii naannoo keessatti ni mul'ata'' jette Aadde Sulivan.

Poolisiin Obbo Zandistiraan Wixata darbe yakka kana raawwachuu amanuu itti hime shakkamaan kun waan boqonnaa argate fakkaata jedhe.

''Wanta hojjeteef dhiifama akka gaafachuufi dhiisuu isaa hin beeku, garuu baha ofirra buuseera,'' jedha Yuujin Tiray.

Ibsi maatiin Haringiton kennaniin, hidhaan kun ''haqatti tarkaanfii tokko akka dhihaatetti'' natti dhaga'ame jedha.