Paartileen mormituu Naayijeeriyaa bu'aa filannoo akka hin fudhanne ibsan

Madda suuraa, Getty Images
Paartileen mormituu Naayijeeriyaa galma bu’aan filannoo pirezidaantummaa dorgommii cimaan irratti gaggeeffamee itti ibsamaa ture keessaa bahan.
Paartiiwwan mormituu gurguddoonni Paartii Dimokraatawa Ummattootaa (PDP) fi Paartiin Hojjattootaa (LP) sirna filannoo elektironikisii haaraa irratti iftoominni ni hanqata jedhan.
Filannoo kanarratti yeroo jalqabaaf bu'aan filannoo meeshaa elektironiksiin lakkaa'ame.
Komishiniin Filannoo himannaa paartiilee mormituu kana haaleera.
Dura Taa’aan Komishiniin Filannoo Biyyaaleessaa Walabaa (INEC) Mahmuud Yaakubu sagalee ibsuun ittuma fufa jedhan.
Bakka buutonni PDP buufata filannoo Abujaan keessaa adeemsichi kan dogongora qabu jechuun paartii biyya bulchaa jiru Ool Progireesiv Kongirasii (APC) komishinii filannoo waliin ta’e jechuun himatu.
Paartiin Hojjattootaa ammo bu’aa filannoo ibsuun akka dhaabbatuuf ykn filannichi akka haqamuufi irra deebiin gaggeeffamuuf gaafate.
Paartiin APC kan kaadhimamaan isaa Aab Bolaa Tinubuu bu’aa jalqabumarraa ibsameen dursaa ta’u mirkanneessan, kanneen bu’aatti hingammadne mana murti dhaquu danda’u jedhe.
Kanaafuu, dursa paartileen adeemsichi akkuma karoorfameetti akka itti fufuuf dhiisuu qabu jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bu’aa bulchinsota 36 keessaa harki sadaffaan isaa ifatti ibsame keessaa Obbo Tinubuun Obbo Abubaakaar baayyeen dursaa kan jiran yoo ta’u Obbo Obiin ammo sadarkaa sadaffaarratti argamu.
Bu’aan hanga ammaatti lakkaa’ames kan kibba-lixa biyyattii irraa dhufe yoo ta’u, innis bakka Obbo Tinubuu deeggartoota hedduu keessaa qaban yoo ta’u, bu’aan dhumaa maal ta’u akka danda’u hin beekamu.
Paartiin biyya bulchaa jiru APC'n fi PDP erga bara bulchiinsi waraanaa itti kufee 1999 irraa kaasee Naayijeeriyaa keessatti beekamoodha.
Haa ta'u malee, Obbo Obii kan Paartii baay'ee hin beekamne Paartii Hojjattootaa irraa ta’an sirna paartii lamaaniitti rakkoo cimaa akka uman eegamu.
Obiinis deeggartoota dargaggoo baayyee kan qaban yoo ta’u, namoota filachuuf galmaa’an keessaa harka sadii haguugu. Kaadhimamtoonni 15 kan biraas jiru.
Kaadhimamaan tokko injifateera jedhamuuf Abujaan ala bulchiinsota 36 keessaa 25 keessatti sagalee tokko afraffaa argachuu qaba.
Kana ta’u yoo baate ammo guyyaa 21 keessatti seenaa Naayijeeriyaa keessatti irra deebiin filannoon kan gaggeeffamu ta’a.
Obbo Obiin magaalaa guddoo biyyattii Leegoosiitti bakka deggartoota hedduu keessaa qabanitti hanga xinnoof Obbo Tinubuu injifachuun jijjiirama guddaa taasisan.
Obbo Tinubuu bulchaan naannichaa duraanii kan turan yoo ta’u, filannoo tibbanaatiif maqaa sanatti fayyadamuuf abdatanii turan.
Kaadhimamaan paartii biyya bulchuu Leegoos keessatti injifatamu kan fudhatan yoo ta’u, akka dimokiraatii tokkootti bu’aa filannichaa kamuu fudhachuuf akka dirqaman dubbatan.
‘‘Ummanni kaadhimamaa jaalatuuf sagalee kennuuf mirga qaba’’ jedhan ibsa karaa garee duula filannoo isaanitiin.
Gabaasa hokkorri kutaa Leegoos keessatti daldaltoota kan akka Obbo Obii fa’i irratti ka’u erga dhagahaniin booda, akkuma injifatamu mirkanneessaniin deeggartoonni isaanii akka tasgabbaa’aniif waamicha taasisaniiru.
Magaalaan Leegoos bakka bu’uura dargaggoota, namoota barataniifi hawaasa bal’aa Igboo waan ta’eef Obbo Obiin Leegoos keessatti injifachunsaanii waan dinqii miti.
Akkasumas bulchiinsa baha Enugu jiddugala isaanii keessatti injifataniiru.












