'Hooliwuud anaaf qabeenyaa fi mana barumsaakooti’-Firtunaa G/Sillaasee.

Maxxanfame

Taatoo beekamtuu Hooliwood kan taate Firtunaa G/Sillaaee, artiin karaa ittiin jireenya ofii jijjiiran, Hooliwuud ammoo mana barumsaati jechuun ibsiti.

Akkamitti namoota fooyya’oo ta’uu dandeenya? Akkamitti namooma keenya kabajna? Jechuun yaaddi. Industirii bashannanaa kan ta’ee fi namootni hedduun kan hordofan Hooliiwuud ammoo yaadashii kana gara qabatamaatti daandii ittiin jijjiirtu ta’eefi.

“Artiin namoota kaan daddammaksuu, abdii yookan carraa hojii yoo ta’e, akkamitti gargaaramuu dandeenya jedheen yaada ture. Industiriin bashannanaa ammoo carraawwan hedduu qaba. Kanaaf aartiin anaaf karaa jireenya ittiin jijjiiratan isa ijoodha jedheen yaada” jetti.

Daayireektarootni ciccimoon, taatotni, baarreesitoonnii fi muuziqeessitootni ciccimoon hunduu Hooliiwuud keessa jiru. Animmoo dandeettiikoo guddisuu waanin barbaaduf Hooliiwuud anaaf qabeenyaa fi mana barumsaakooti jetti.

Firtunaan industirii bashannanaa Hooliiwuud kana kan seente yeroo dhihoo ta’ulleen Fiilmiwwan kudhan irratti taatummaan hojjetteetti.

Manifest, blue Blood, Harlom, modern Love, sweat Bitter fi kanneen biroo fiilmiwwan beekamoo isheen keessatti taatummaan hojjettee fi karaa Netflix , Amazon fi chaanaalota birootiin darbani.

Tigraayii gara Hooliiwuud…

Hooliwuud keessatti taatummaan, barreessummaan, sagaleen, pirooduuseraa fi Daayirektara ta’uun kan hojjettu Firtunaan, kan dhalatte Tigraay magaala Maqaleetti.

Maatiishee carraan Lotarii DV gahee, Maqalee irraa gara Ameerikaa Siyaatilitti yeroo imalan Firtunaan daa’ima waggaa ja’aa turte. Godaansi maatii kuni isheen gara Hooliwuud akka seentuufi daandii jireenya ishees tasa kan jijjiire ture.

“Jalqabumaa abbaankoo carraa barnootaa argatee Ameerikaa jiraachaa ture. Anii fi obboleettiinkoo hangafaa ammoo carraa DVtin gara Ameerikaaa dhufne” jetti.

Olmaa daa’immaniitii hanga barnoota qophaa’inaatti Siyaatilitti kan baratte Firtunaan fedhii aartii Ijoollummaarraa keessashee ture milkeessuuf Yunvarsiitii Niiwuyork Tisch School of the Arts seente.

“Siyaatil of Washington gara Niwuyork imaluun taatummaa baradhe. Achumaatti hoji gaggeessaa qabachuunan hojii jalqabe” jetti akkaataa itti indastirii Holiwuud seente yoo himtu.

Waggaa sadii ogummaa Taatummaa barachuun Yunvarsiitii Newyork irraa digirii jalqabaan eebbifamte. Isheen ogummaa taatummaa baratte kanaan alatti barreessuu, Daayireektarummaa, produusera, sagaleessuu fi shubbisas ni hojjetti.

Ogummaawwan kunneen barnoota yunvarsiititti barattuun alatti shaakala mataasheen kan baratteedha.

“Industiriin kuni cimaa waan ta’eef ogummaa tokko qofaan hojjechuun gahaa miti. Dorgomaa ta’uuf fiildii hunda beekuu qabda. Kadhaadhaan waan ta’u miti. Ofumakee carricha banachuu qabda. Kana irraa ka’uunan haadha ogummaa hedduu ta’uu kanin danda’e.” jetti.

Ogummaa hedduu qabaachuunshee yeroo gufuun ishee mudatu karaa bahiinsaa akka argattuu fi ogummaa hunda keessa seentee akka hojjettuuf ishee gargaaruus dubbatti.

Firtunaan tokko jettee hojii taatummaa kan jalqabde namoota hedduun kan jaalatamee fi karaa CBS daawwattoota bira kan gahe The Do’s’ jalqabde.

“Jalqaba yeroon the do’s seenu kutaa tokko ture. kutaa tokko keessatti dandeettiikoo waan jaalataniif kutaa itti aanus niseenta naan jedhan. Kutaa tokkoon kanin jalqabe amma keewwata shanaffaarra gaheera” jetti.

Bara 2010 irraa egaluun Keewwata (Season) 13 daawwatootaa bira gahaa kan jiru Blue Bloods, diraamaa Firtunan dorgommii cimaa keessa darbitee taatummaan itti hirmaattedha.

Taatoon tokko waggaatti hanga ‘Audition’ 500 qabaachuu kan himtu Firtunaan, isheen waggaa lama keessatti Fiilmota 10 irratti taatummaan hojjechuun hamma eegdee ol ta’uu dubbatti.

“Taatoon tokko ‘Audition’ 500 keessaa tokko yookan lama yoo argatedha. Audition hedduu hojjetanii kan homaa hin argannes jiru. Ani waggaa lama keessatti kanin fiilmota 10 hojjedhe. Kuni anaanuu narifachiiseera. Baayyee dhama’us heeyyama waaqaatiinan yeroo gabaabaa kanatti kana hunda hojjedhe” jetti.

Firtunaan yeroo ammaa muuxannoo Hooliwuud irra argatteen Niiwuyork keessatti dhaabbata Pirodaakshinii Fiilmii banatteetti.

“Holiwuuditti muuxxannoo ergan argadhee dhaabbata pirodaakshinii fiilmii mataa kiyyaan banadhe. LPA and silasie film Production’ kan jedhaman kaampaanii laman qaba. Miiltoon hojii kiyyammoo Lorenzo Adams jedhama”

Firtunaan ijoollumaasheetti wellistuu ta’uuf fedhii qabdus hin dhiisne. Wellistoota biroo waliin ta’uun sirboota hordoftootan geesse qabdi. Sirboota maataashiis hojjechaa jirti.

Caalanii argamuun waan filannoo biraa hin qabne…

Industirii Holiwuud keessatti taatoon tokko carraa taatummaa argatee hojjechuun dorgommii cimaa keessa darbuu nama gaafaat kan jettu Firtunaan, industirii akkanaa keessatti hirmaachuuf ciminaa fi caalanii hojjechuun waan filannoo hin qabne ta’uu himti.

“Dhugaa dubbachuuf shaakala nama barbaachisa. Ani yeroo hunda barumsarran jira. Taatummaan, barreessuu fi muuziqaa irratti yeroo hunda nan baradha, nan shaakala. Haala Kanaan caaltee argamuutu sirra jiraata” jetti.

Imala keessa dhuftee fi sadarkaa amma geesse kanattis abdii kutachuu akka hin qabne barachuus himti.

Muuxannoo ishee irraayis dubartoonni fi dargaggoonni bakka jiranitti milkaa’uuf beekumsa isaanii gabbifachuu fi shaakala adda hin cinne gochuu akka qaban dhaamti.

“Tokkoffaa mana barumsaa deemuun yookan karaa online waan barbaadan barachuu danda’u. biyya deemtutti dorgomtoonni ciccimoon waan jiraataniif ogummaakee sirritti beekuu qabda”

“Lammaffaan kaayyoo qabaachuu qabda. Maalif akka gochaa jirtu? galmikee maali? namoonni tokko tokko fiilmii laalaniitumaa gara fiilmii seenuu barbaadu. Yeroo seenan ammoo hojichi cimaa waan ta’eef dhiisanii bahu. Kaayyoo cimaa waan hin qabneef ‘Kuni naaf hin ta’u’ jedhanii dhiisu” jetti.

Tagaaruun anaaf onnachiistuu fi abdii kiyya…

Lolli hamaan waggoota lamaaf Tigraayitti adeemsisfamaa ture waliigaltee Piriitooriyaatiin erga goolabamee booda Firtunaan gara Tigraay deemtee ture.

“Sababa lola sanaatiin Tigraayitti rakkoo hedduun uumameera. Tigraayitti haalli jireenyaa baayyee jijjiirameera. Baayyeen Gadde. Ummanni kuni rakkoo kana hunda akkamitti danda’e? naaf galuu dide. Uummata kanarraa waan baayyeen baradhe. Tagaaruun anaaf onnachiistuu fi abdii kiyya” jetti.

Firtunaan aadaa fi seenaan Tagaaruu addunyaatti akka beekamuuf irratti hin hojjetamne jettee amanti.

“Aadaan keenya baayyee bareedaadha. Namnisaas. Tigraayi Maqaleedhaa dhalachuukootti nan gammada. Aadaa , seenaa, jaalalaa fi gammachuu keenya akkamitti gara addunyaatti beeksisa jedheen yaadaa jira. irrattin hojjedhas” jetti.

Aadaan Tigraayi, wanni Tigraayi irratti ta’es beekamuu fi himamuu qaba. Amma biyya Ameerikaa kana barreesitoota adda addaatu jira. Aadaa fi seenaa Tigraayi, ‘Duguuggaa sanyii’ Tigraayi irratti raawwatame irratti tumsinee hojjechaa jirra.

Amma xiyyeeffannaan kiyya guddaan kanarratti” jechuun hojii fuulleffannaa godhattee hojjechaa jirtu ibsiti.