Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Artiistonni Badhaasa Odaa torbaffaa fudhatan waa’ee injifannoosaanii maal himu?
“Waan argadheen, beekamtii naaf kennameen baay’ee gammadeera” Weellisaa Taaddalaa Gammachuu
Badhaasni Odaa (Oda Award) torbaffaan hojiilee aartii bara 2015 keessa hojjetaman irratti xiyyeeffate kaleessa ALI Mudde 11, 2016 magaalaa Finfinneetti adeemsifameera.
Badhaasa Dhaabbata Maltimiidiyaa Bashaatuu Tolamaaramiin qophaa’e kanas artiistota buleeyyii fi lafaa dhufaan biyya keessaa akkasumas artiistonni biyyoota Baha Afriikaa akka Keeniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa fi Somaaliilaandi irraa hirmaatan badhaafamaniiru.
Weellisaan gameessi aartii Oromoo keessatti dhageettii qabu Taaddalaa Gammachuu Artistii Dhiibbaa Uumuu Danda’e jedhamuun badhaasicha fudhateera.
“Dhugaa dubbachuuf kaadhimamaa ta’uu kiyyallee hin beeku ture” jechuun BBC’f yaadasaa kan laate weellisaa Taaddalaa Gammachuu, badhaasni kun hojiileesaa jalqaba uummatatti gadi ittiin baheen kan walqabatu akka ta’es hima.
“Baran ani sirba baase san bara artiistoonni Oromoo biyya keessatti jiraachuu rakkatan ture. Irra caalaan isaanii biyya abbaa isaanii baqatanii godaananii turan. Baran ani sirbaa ture yoo xiqqaate waggaa afur fi shaniif albamiin haaraan bahaa hinturre” jedha weellisaa Taaddalaan.
Dabalataan “Artistoota hedduutu ana booda bahe waan ta’eef anis waan ta’e dhiibbaa uumera. Hordoftoonni kiyya bahanii, artiistoonni gaggaariin hanga ammaatti bahaa jiru. Kanaaf akka aartii kana jaalatan fi gara kana dhufaniif dhiibaa uumera jedheen fudhadha” jedheera.
Ilmi namaa waan itti amanu malee badhaasa argachuuf hojjechuu qaba jedhee akka hin amanne kan himu weellisaa Taaddalaan, “Garuu waanan argadheen, beekamtii naaf kennameen baay’ee gammadeera” jechuun hima.
Badhaasichis ergaa guddaa kan qabufii kan nama jajjabeessu akka ta’e eeruunis, “Namoonni akka kiyyaa jabaatanii akka hojjetan waan godhuuf akka gaariittan fudhadhe. Gammachuu guddaan qaba” jedheera.
Hip hop Afaan Oromoon
Gara aartii muuziqaatti erga dhufee waggoota afur lakkoofsisuu BBC’tti kan hime weellisaa Surraa T, artiistota Badhaasa Odaa kaleessaa harkatti galfatan keessaa tokko.
Albamii muuziqaasaa ‘Booree’ jedhuun badhaasicha kan injifate weellisaa Surraa T, “dorgommii akkasiirratti hirmaattee, kaadhimamtee yemmuu injifattu miira gammachuutu sitti dhagahama. Anis kanumatu natti dhagahame” jedheera.
Gosti sirbaa inni weellisu (Hip hop) baay’ee baratamaa akka hintaane kan himu weellisaan kun, badhaasichi abdiifii hamilee kan namatti horu ta’uu hima.
“Bifa kanaan yoo hojjetame borullee dhaggeeffataan ni jira, namni waan kana jaalatu ni jira kan jedhu ofitti amanamummaa siif dabala” jedheera.
Albamiin weellisaa Surraa T, maqaa Booree jedhu qabu sirboota 12 ofkeessaa kan qabu yemmuu ta’u, gariin isaanii viidiyoon sirbaa hojjetameefii gama Yutuubiin daawwattootafii dhaggeeffatootaaf dhiyaataniiru.
Weellisaa Surraa albama kana dura weellistoota biroo waliin ta’uunis sirboota garagaraa hojjateera.
Tajooma
Kitaaba asoosamaasaa Tajooma jedhuun Badhaasa Odaa torbaffaa kan injifate Barreessaa Hiikaa Lammaa, “Qaawwa wayii cufuudhaaf manaa baatee badhaafamaa gaafa taatu gammachuu guddaatu sitti dhagahama” jechuun BBC’tti hime.
“Badhaasa kana nan injifadha jedhee hinyaadne ture” kan jedhu barreessaan kun, waggoota 17 dura maneen kitaabaa garagaraa keessa kitaabota asoosamaa Afaan Oromoon barreeffaman haala gahaa ta’een arguu dhabuunsaa kitaaba kana barreessuuf ka’umsa akka ta’eef himeera.
Kitaabni kun kitabasaa jalqabaa akka ta’e himuunis, “yaada qaawwa tokko cufuu nan danda’a jedhun gara addunyaa hogbarruutti dhufee” jedheera.
Matadureen kitaaba asoosamaasaas jecha Tajoo (duubatti deebii/flashback) jedhurraa kan dhufe akka ta’e kan himu Barreessaa Hiikaa, kitaabichi fuulawwan 168 akka qabufii jiruufi jireenya hawaasa Oromoo Tuulamaa baadiyyaa jiraatan irratti kan xiyyeeffate akka ta’es himeera.
Sirna badhaasaa kana irratti artistootni sadii Shantam Shuubisaa, Mohaammud Ahimedii fi artist Mohaammad Sirgaagaa badhaasa umurii guutuu argataniiru.
Badhaasicha irratti weellistuu cimtuu bara 2015 tahuun Faaxee Anniyaa, Sirba ammayya filatamaa bara 2015 - Natsaannat Sulxaan (Maaf Diddaa), Suur-sagalee (viidiyoo) muuziqaa filatamaa bara 2015 - Helan Barihee yoo badhaafaman, Sirba qeenxee filatamaa bara 2015 - Ke'ol Nagaasaa (Jamaree) jedhuun badhaafamaniiru.