Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoo fiilmii gabaabaa waraanni akka dhaabbatu gaafatuun badhaafame
Fiilmiichi barsiistuun dargaggeettii taate tokko gara daree barattootaa wayita seentu jalqaba.
“Akkam bultan bartoota? jechuun barattootashee nagaa gaafatti barsiistuun kun.
Haata’u malee, kanaan dura kan barame barattoonni sagalee ol kaasanii “Nagaa galata Waaqayyoo!” jechuun deebiin kennan daree kana keessaa hin dhaga’amu.
Isaan booda barsiistuun kun teessee maqaa barattootaa waamuu jalqabde. Helen Tasfaayee, Gaaddisaa Firaa’ol, Wintaanaa Hagoos… jechuun waamichishee itti fufe; garuu deebiin hin jiru ykn kan owwaatu hin jiru.
Daree sana keessa kan jiran barattootashee osoo hin taane teessuma duraan irra taa’aa turanirratti maxxanfamee kan ture suurawwan isaaniiti. Tokkoo tokkoo suura isaanii jalatti waraana ijoollee sanarra gaheefi miidhaan isaanirra gahe barreeffameera.
Hangi tahe du’aniiru, kan hafan buqqa’aniiru, tokko tokko ammoo bakki bu’an hin beekamu. Oolmaa daa’immanii daa’imman keessa hin turre, mana-barumsaa suura barattoota waraanni nyaate qabatee jiru…
Fiilmiin daqiiqaa tokkoo asirratti goolabama. Fiilmii gabaabaadha waan ta’eef ibsa gadi fagoo ta’e keessa hin seenu.
“Stop War” [Waraanni haa Dhaabbatu] kan jedhu fiilmiin gabaabaa kun badhaasa industirii TV idil-addunyaa kan qopheessu “EMMII”n dhaabbata biroo waliin ta’uudhaan kan qopheesse dorgommii fiilmii gabaabaa Onkoloolessa darbe mo’ateera.
Qopheessaan fiilmii kanaa dargaggeessa umuriin isaa wagga 27 ta’e Habtaamuu Saffiiwu Mokonnin ture.
“Yeroo hunda qophaa'aan ture...”
Habtaamuun dargaggeessa reefuu hojii fiilmii jalqabe. Kan hojjeterra kan hojjechuuf abdachaa jiruti caala. Waggaa tokko darbe Keeniyaa, magaalaa Naayiroobii keessa turee, amma gara Finfinneetti deebi'eera.
Turtii isaa ji’oota 11 Naayiroobiitti dabarseen dargaggoota fiilmii hojjetan biyyoota Afrikaa Bahaa gara garaa waliin Multi Choice Talent Factory keessatti hojii fiilmii wayita leenji’ettidha. Bakka leenjii kana Itoophiyaa keessa kan hin jirre istuudiyoowwan, meeshaaleefi ogeessota baayyeetu jiru.
Turtii isaa Naayiroobiitti fiilmiiwwan gaggabaaboofi viidiyoowwan muuziqaa irratti bifa gara garaan hirmaateera. Hiriyyoota isaa waliin fiilmii dheeraa “FULL TIME HUSBAND” jedhu irratti ammoo qopheessaafi barreessaa fiilmichaa ta’ee hirmaateera. Fiilmiin kun afaan Ingiliziifi Siwaahiliitiin qophaa’e.
Ogeessi fiilmii dargaggeessi kun kanaan duras taanaan hojii fiilmiitiif haaraa miti. A L I bara 2010 Yeroo Yunivarsiitii Finfinneetti Tiyaatiraafi Aartiirraa eebbifametti “Tefexxarii” fiilmii jedhurratti pirodaakshin Manaajar ta’ee hirmaateera.
Booda ammoo naoommni Amerikaa irraa fiilmii hojjechuudhaaf gara Itoophiyaa dhufan fiilmii “A FIRE WITHIN” jedhamurratti biyya keessatti waraabbiitiin akka qopheessaa gargaraatti hojjeteera.
“Pirodaakshinoota kanneen irratti ergan hirmaadhee boode yeroon of sakatta’utti hojii fiilmiitti makamuudhaaf gahumsa hin qabun ture. Kanaaf, ammallee hojii fiilmiitti hin seenne jedheen murteesse. Sirriitti haa baradhu, ogummaa kiyya haa guddifadhu, isaan booda [industirii kana] ittin makaman ofiin jedhe,” jechuun dubbata yunivarsiitiirraa yeroo bahutti maaliif fiilmii hojjechaa akka hin jalqabiin yoo ibsutti.
Murteen isaa kun Finfinneerraa isa fageessee gara Yunivarsiitii Dabre Maarqos isa geese. Yunivarsiitichatti barsiisaa Tiyaatiraafi Fiilmii ta’ee wagga tokkoof hojjeteera. Itti-aansee gara Yunivarsiitii Finfinneetti deebiyee digirii isaa lamaffaa Fiilmiitiin barachuu jalqabe. Carraa gara Keeniyaa isa geese kan argates barnoota Maastarsii isaa xumuruudhaaf semisteerri tokko yeroo isa hafu ture.
“Akkamitti leenjii kanaaf filatamuuf geese?” jedhamee yeroo gaafatamu, deebiin isaa “kun ni dhufa jedhee osoo hin taane yeroo hunda qophaa’aan ture,” kan jedhu ture. “Hanga danda’ame beekumsaafi ogummaatiin of guddisuuf nan carraaqan ture. Kanaaf, carraan sun yeroo dhufetti gaaffiiwwan gaafataniif, qormaatawwan turaniif deebii nan qaban ture,” jechuun deebise.
“Mo’achuukoo… maatii kootti himuu hin dandeenye”
Waa’ee industirii fiilmii yeroon kaasu, “jirraa garuu?” kan jedhu Itoophiyaa keessaa nama dhufeef leenjii Multi-choice Talent Factory’tti makamuun waan salphaa miti. Turtiin isaa Naayiroobii waa’ee fiilmii “ilaalcha haaraa” kan itti argate akka ta’e kaasa. Festivaaliiwwaniifi dorgommiiwwan irratti hirmaachuun bu’aa leenjii gosa akkasii tokkodha.
Habtaamuun kan irratti dogome kan irratti hirmaate badhaasni fiilmii gabaabaa JCS international young creatives awards jedhamu dargaggoota kennaa qaban argachuuf, beekusmas kennuuf, akkasumas guddisuuf jecha dorgommii dil-addunyaa gaggeeffamudha.
Dorgommichi kan gaggeeffamu nagaa ilaalchisee fiilmiiwwan gaggabaaboo daqiiqaa tokkoo hojjetaman keessaati.
Ogeessi fiilmii dargaggeessi kun, "walitti bu'iinsi kan nyaatu dargaggeessadha. Isaan booda ammoo dhaloota itti aanan nyaata. Walitti bu'iinsi yeroo uumamu bu'uuraaleen misoomaa ni manca'u, maatiin ammoo rakkoo keessa galu. Of gargaaruu hin danda'an," jedha. Yaada isaa kana agarsiisuuf fiilmii isaa keessatti waraana keessatti adda-durummaan kan miidhaman daa'imman waan ta'eef akka isaan filate dubbata. Fiilmichi, "waraana bakka daa'immanii of keenyaa haa ilaallu," jechuufidha.
Daanyonni dorgommii fiilmiis yaada kana jallataniiruuf. Ulaagaa madaallii dorgomichaa keessaa tokko kan ta'e sagalee uummataa argachuun isaas dargaggoota fiilmii hojjetan sadii keessaa adda-duree isa taasiseera.
Fiilmiin kun kan waraabame, gulaalameefi ergame guyyaa dhumaa dorgommichaarra akka ture kan yaadatu Habtaamuun, "bara kana yoon hirmaadhe ni gaha. Bara dhufu irra deebiyeen dorgoma," jedhee osoo hin eegiin ta'uu isaa dubbata. Dorgommicha marsariitii "EMII irratti ibsamee argus iimeeliin ifatti hanga isa qaqqabutti hin amanne ture.
"Imeeliin akkan mo'adhe ibsu yeroo na qaqqabuhiriyaakoottin hime. Hogganaa mana-barumsaakoottiin hime. Dhumarratti maatiikoottin bilbile.
Garuu akka carraa ta'ee sababa walitti bu'iinsaa bilbilli hundasaanii hin hpjjetu. Obboleessa koo, obboleettii koo, hddha kiyya biratti bilbileera.
Garuu bilbilli tokkoo isaaniiyyu hin hojjetu," jechuun yeroo sanatti maatii isaa naannoo Amaaraa jiran argatee gammachuu isaa itti himuu akka hin dandeenye hima.
Lola hidhattoota naannoo Amaaraa keessa jiraniifi mootummaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabatee naannoo Amaaraa bakka tokko tokkotti tajaajilli bilbilaa addaan citee kan ture yoo ta'u, tajaajilli interneetiin ammoo ammallee akkuma addaan citetti jira.
"Fiilmicha kanan hojjedhe walitti bu'insichi akka dhaabbatiifidha. Waa'ee walitti bu'insaati kanan dubbadhes. Yeroo sanatti garuu dorgommii fiilmii kanaa akkan mo'adhe maatii kiyyatti himee gammachuu kiyya akka qooddatan gochuu hin dandeenye," jechuun hiree hin malle ta'uu isaa kaasuun dubbata Habtaamuun.
Mudannoon Habtaamuu fi waraanaa kan ammaa kana qofa miti. Badhaasawwan dorgommichaa keessaa tokko Niw Yoorkitti kan gaggeeffame qophii EMII idil-addunyaa 50ffaa irratti hirmaachuu ture. Sababa waraanni Israa'el fi Hamaas gidduutti jalqabameef garuu warri bara kana mo'atan imalli taasisan gara bara dhufuutti jijjirameera. Akka Habtaamuun ibsutti, kun kan ta'eef dorgommicha kan qopheessan keessaa tokko kan ta'e J C S Internaashinaal "Kampanii Israa'el" ta'uu isaarraa kan ka'edha.
"Fiilmii Itoophiyaa ekispoort gochuun barbaada"
Waggaa shan dura yunivarsiitiirraa yeroo eebbifamu hojii fiilmiitti makamuudhaaf gahaa hin turre kan jedhee kan ture Habtaamuun, "Amma humna qaba" amantaa jedhurra gahuusaa dubbata.
Yeroo ammaa kana barreeffama fiilmota gara garaa sadii qopheessaa jiraachuu dubbata. Fiilmii isa kamitu dursee agarsiisaaf dhiyaata isa jedhu kan murteessu garuu "barreeffama isa kamitu dursee fanii argata" isa jedhu akka ta'e ibsa.
"Karoorri kiyya seenaa Itoophiyaa dubbachuudha. Kanan dhufe Itoophiyaarraati. Kanan beekus seenaa Itoophiyaati. Waa'ee waanan hin beeknee fiilmii hin hojjedhu," jedha. Akkuma ogeessota fiilmii seenaa biyya walfakkaataa fiilmii Itoophiyaa gabaa addunyaatiif dhiyeessuuf karoora qaba.
"Akka biyyaatti qaawwa qabna jedhee kanan amanu, seenaa keenya ekispoort gochuurrattidha. Seenaa keenya baasnee gabaa alaatiif dhiyeessuurratti rakkoo qabna. Akka kan Keeniyaa, Naajeeriyaafi Afrikaa Kibbaa fiilmiin Itoophiyaa Amaazoon fi Neetfileksiirratti hin argamu. [Warra rabsan kanarra kan jiru] fiilmiin Itoophiyaa qubaan kan lakkaa'aman qofaadha. Kana cabsuun barbaada," jedha.