Shamarreen kun akkamiin baakteriyaa irraa faaya tolchitee TikTok irratti beekamte?

Madda suuraa, CHLOE FITZPATRICK
Artistiin Iskootilaand kan baakteriyaa irraa faaya hojjettu TikTok irratti beekkamtii argatteetti.
Kiloowii Fitzipaatrik viidiyooleen faayicha eegaluu fi xumuruu ishee mul’isu miidiyaa hawwaassummaa irratti maxxansitee si’a miiliyoona hedduu daawwatameera.
Saamuda baakteriyaa gogaa ishee fi biqiltoota irraa fudhachuun halluu faaya reesin (kompaawundii uumamaa) irraa tolfaman ittin bareechuuf oolan tolchiti.
“Baakteriyaan akka waan jibbisiisaatti ilaalama , ani garuu bareedina isaa agarsiisuu yaalaan jira,” jechuun magaalaa Falkiirk irraa Kilowiin BBC’tti himteetti.
Shamarreen ganna 21 kun Kolleejii Duncan of Jordanstone irraa digirii jalqabaa ishee dizaayiniin xumurte.
Piroojeektii faaya baakteriyaa irraa hojjetteen badhaasa Sir Jeemsi Bilaak, kan qorrattootaaf beekkamtuu kennu argatteetti.
Kiloowiin adeemsa dizaayinii ishee namoota 106,000 TikTok irratti ishee hordofaniif ni qooddi, viidiyoleen ishee tokko tokko si’a miiliyoona 10 ol ilaalamaniiru.
“Viidiyootnikoo si’a hedduu kan ilaalaman yaada addaa waan ta’eefi jedheen yaada,” jetti.
“Adeemsi isaa yeroo dheeraa waan fudhatuuf namootni hedduun adeemsa isaa hordofaniiru.
“Ta’us garuu namootni wa’ee baakteriyaa waan bareedaa waan arganii fi ilaalcha haara simachuuf waan qophaa’oo ta’aniif gammadeera.”
Akkamiin hojjetti?

Madda suuraa, CHLOE FITZPATRICK
Kiloowiin samuuda qaama ishee irraa ykn biqiltoota irraa fudhachuun meeshaa si’eessituu guddinaa agar jedhamu of keessaa qabu keessa keessi.
Saamudi baakteeriyaa kun haguugamee akka teempireechara miijaa’aa keessatti wal horee halluu adda addaa uumuuf gara torban tokkoof kaa’ama.
Sana booda halluu kunneen adda baasuun, qodaa kan biraa keessatti akka caalaatti walhoran gooti.
Halluuwwan kunneen uffata jirbiif halluu kennuuf ykn faaya jijjiruuf fayyaduu danda’u.
“Baakteriyaan nama hundaa adda addadha, haala adda addaanis guddata,” jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabaluunis industirii uffataa keessatti haala barameen halluu uffataaf kennuu irra kun mala kunuunsa naannoof gaarii ta’e akka ta’e himteetti.
Industiriiwwan kunneen “ keemikaala miidhaa hedduu uuman fayyadamu,” jetti.
“Baakteeriyaa fayyadamuun filannoo kunuunsa naannoo fayyadudha, dafanii wal horu akkasumas halluwwaan adda addaa argatta.”
Kiloowiin baayyinaan qubeelaa uumteetti, dabalataanis halluu baakteeriyaa fayyadamuun resin “dhagaa gati jabeesaaf” fayyadan uumteetti.
Adeemsi hojii ishee kan balaa hin uumneefi eeyyamama akka ta’u gochuuf saayintistoota Yunivarsitii Dundee waliin hojjechaa turteetti.
“Wanta hedduu kanaan gochuu waan danda’uuf yaalii kana itti fufuun barbaada,” jetti.
Fakkeenyootii hojii ishee amma egzibiishinii BioArt Wiirtuu Artii Kulaanhii, Nur -Sultan, Kazakistaan keessa jirutti agarsiisa irra jiru.
Dabalataanis siidaa baakteeriyaa irratti hundaaye akka Mana Barnoota Saayinsii jireenyaa fulduratti akka uumutuufis Yunivarsitii Dundeen qacaramteetti.












