Onneen Qurxummii ganna miliyoona 380 ture argame

Qurxummii Googo

Madda suuraa, Paleozoo

Maxxanfame

Qorattoonni onnee waggaa miliyoona 380 ta'ee fi qurxummii seenaa duraa keessa tursiifame argachuu himan.

Saamuda kanaan jijjiirama qaama dhiiga daddabarsu nama dabalatee, waa'ee bineensota lafee dugdaa qaban hunda keessatti argamu irratti hubannoo guddaa kenna jedhu.

Onneen kun kan qurxummii Gogoo jedhamuun beekamu kan amma lafa irraa badeeruutidha.

Argannoon "hawwisiisaa" jedhame kun barruu Saayinsii jedhamu irratti kan maxxanfame yoo tahu Lixa Awustiraaliyaa keessatti.

Hoggantuun Saayintistootaa Prof Kate Trinajstic, Yunivarsiitii Kartiin Peerzi irraa ishee fi waahillan ishee argannoo guddaa jireenya isaanii keessatti isa ol aanaa tahe argachuu  BBC Newsitti himte.

"Naannoo kompiitaraatti walitti qabamnee onnee akka arganne hubannee baay'ee amanuu hin dandeenye! Haala nama ajaa'ibuun nama gammachiisa ture," jetti.

Onneen qurxummii kun Lixa Awustiraaliyaa naannoo Kimberlii keessa tursiifame

Madda suuraa, John Long

"Kun jijjiirama mataa keenyaa keessatti yeroo murteessaadha," jedhan Prof Trinajstic.

"Qaamni keenya isa jalqabaa irraa kkamiin akka jijjirama dhufe agarsiisa, kanas yeroo jalqabaaf fosiilota kana keessatti argine."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miiltoon qorannoo isaanii Yunivarsiitii Flinders Adelaide irraa Prof John Long argannoo kana ''argannoo sammuu namaa hawwatu, waan dinqiisaa'' jechuun ibseera.

"Waa'ee qaamolee lallaafaa bineensotaa akkas umurii dheeraa qabanii hanga ammaatti hin beeknu ture," jedhan.

Qurxummiin Gogoo gita qurxummii seenaa duraa placoderms jedhamu keessaa isa jalqabaati. Isaan kun qurxummii jalqabaa mangaagaa fi ilkaan qaban turan. Isaan dura qurxummiin 30cm hin caalu ture, garuu pilaakoodarmiin dheerinni isaa hanga meetira sagal guddachuu danda'a.

Pilaakoodarmiin waggoota miliyoona 60f lubbu qabeeyyii hedduminaan pilaaneetii kanaarra jiraataa turan yoo tahu, kunis, daayinoosarootni jalqabaa lafa irra osoo hin deemiin waggoota miliyoona 100 ol dura ture..

Qorannoon fosiilii qurxummii Gogoo irratti godhame, onneen isaa isa qurxummiileen jalqabaa qabu jedhamee eegame caalaa walxaxaa akka ta’e agarsiise.

Golee lama, irraa fi jalatti kan qabu yoo taʼu, caasaan isaas onnee namaa wajjin wal fakkaata ture.

Qorattoonni kunneen akka jedhanitti, kun onnee bineensichaa caalaatti gahumsa akka qabaatu kan godhe yoo ta'u, adeemsa tirannaa keessa qurxummii suuta socho'u irraa gara bineensa adamsuu danda’uutti cehuu agarsiisa jedhan.

Waanti biraan hubatame ammo onneen qurxummii kun gara fuulduraatti kan siqe yoo tahu kun akka adeemsa keessa bakka sombaa fi mormaa qabaatan taasiseera kan jedhudha.

Dr Zerina Johanson kan Muziyeemi Seenaa Uumamaa, Landan irraa, pilaakoodarmii irratti adda dureen qorannoo gaggesitu qorannoon kun ''argannoo garmalee barbaachisaa'' ta'uu ibsitee, kunis qaamni namaa maaliif akka dhaabbii har’aa qabaatu qorachuuf kan gargaarudha jette.