'Abbootii warraa keenya nuuf deebisaa'- Dubartoota Raashiyaa

Maxxanfame

Qarqara magaalaa Moskoo mana affeerraan irbaataa itti taasifamutti waan hin baramnetu tahaa jira.

Gareen dubartootaa qondaalota Raashiyaa komachaa jiru. Abbootiin warraa isaanii loltoota eeggataa 300,000 kan Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waraana Yukireeniif bara 2022 filatan keessaati.

Abbootiin warraasaanii akka isaaniif deebi'an barbaadu.

''Abbootiin warraa keenya yoom dirqama isaaniif kenname xumruun bilisa jedhamu?'' jechuun gaafatti Maariyaan.

''Yeroo harkaafi miila malee dhufaniidha? Yeroo homaa hojjechuu hin dandeenyedha? Ammoo hamma isaan saanduuqaan nuuf ergamanitti eeguu qabna? jechuun gaafatu.

Gareen dubartootaa miidiyaa hawaasaarraa wal baran kunneen garee The Way Home jedhamu hundeessaniiru. Waraanicha kanneen deeggaran jiru, kaan ammoo ija shakkiitiin ilaalu.

Waanti tokko isaan godhe garuu dhiiroti dirree waraanaa dhaqan lolatti dirqamasaanii bahataniiru gara maatii isaaniitti haa deebia'an waan jedhudha.

Yaada kana garuu qondaalonni mootummaa waan fudhatan miti.

Raashiyaatti dhimma waraanaan wal qabatu irratti ifatti mormii dhageessissuun balaa qabatee dhufa. Kanaaf dubartoonni kunneen yaada isaanii haala of eeggannoon guutameen ibsatu. Seerri bitaa fi mirgaa isaan adabu akka jirus beeku. Sodaan isaanii garuu caalaa jabaate.

''Jalqabuudhaaf mootummaa keenya amannee turee,'' jetti Antooniyaan. ''Amma garuu isaan amannaa? Ani eenyuunuu amanaa hin jiru,'' jetti.

Gorsaa naannoo Booriis Naadezidiin kan ''oppireeshinii waraanaa addaa,'' Raashiyaa mormaa tureef yaadaa isaanii qooduuf walitti qabaman.

Booriis Raashiyaa erga Yukireen irratti weerara raawwatteen asitti TV'tti as bahuun mootummaa qeequun kan eeyyamameefidha.

Namni kun yeroo ammaa filannoo pireezidantummaaf sagalee argachuuf yaalaa jira. Waraanichi deeggarsa Puutiin biyya keessaa qaban hir'iseera jedhee amana.

''Puutiin bara 1990 as nagaafi tasgabbii waan fideef Raashiyaa keessatti deeggarsa guddaa argatee,'' jedhan. Sababiin ijoo itti isaan Puutiin deeggaran nagaafi tasgabbii dha, amma garuu hojiin sun xumuramuu hubataniiru,'' jedhan.

Dubartoonni Raashiyaa abbootii warraasaanii, ilaaniifi obboleeyyan isaanii akka deebi'an gaafatan kunneen iddoo garagaraarraa dhufan. Warri waraanicha morman homaa hin ooganiif. Dhiiroota ajaja hordofuun waraanatti deeman balaaleffatu.

Kanneen mootummaa deeggaran ammoo dubartoonni kunneen bitamtoota warra lixaati jedhanii isaan yaadu.

Miseensi Paarlaamaa Raashiyaa Andiree Kaartaapooloov af-gaaffii marsariitii Fontaankaa jedhamu waliin taasiseen hidhannoo hiikkachiisuuf waamichi taasifamu hojii ''diina keenyaati,'' jechuun waraannni Yukireen ykn dhaabbanni basaasaa Ameerikaa CIA duuba jira jedhe.

Andireen dhimma kanarrtti Waraana Lammaffaa Addunyaa wal-qabsiisuun kaaseera.

''Bara 1942 gareen haadhoti warraa, ''dhiironni bara 1941tti waraanaaf fudhataman manatti haa deebi'an jechuun Istaalinitti yoo himan yaadi. Loltuu waggaa tokkoof lolaa turan, kana gochuu namni akkamiin yaadaa?''

Maariyaa Andireevaa dubartii abbaa warraasheefi durbiin ishee Yukireenitti bobbaafamaniiru, waan Andireen jedhe arrabsoo dha ittiin jette.

''Waraana oppireeshinii addaa, Waraana Addunyaa Lammaffaa walii wal fakkeessee.''

''Yeroos kaayyoon Raashiyaa kan du'aa fi jireenyaati. Haleelamuu dandeenya ture. Bobbaasa waraanaa guutuuti jira ture. Kuni garuu sanaan faallaadha.''

Maariyaan duula kana kan geggeessaa jirtu miseensi maatiishee akka deebi'an qofa osoo hin taane, lammiileen Raashiyaa dabalataa loltummaa akka hin waamamne ittisuufi.

''Waamicha waraanaa marsaa lammataa hin barbaannu,'' jeetti. ''namoota nagaa waraanaaf fayyadamuu ni mormina. Lammiileen Raashiyaa marti kuni akka isaan irraanis dhiibbaa akka gahu akka hubatan barbaada,'' jetti.

''Namoonni tokko tokko akka guchiiti. Mataa isaanii cirracha keessa gadi awwaalanii maaltu akka tahaa jiru dhagahuu hin barbaadan. Nan hubadhaanii.

Biyya kee keessatti mootummaan akka meeshaa baayolojikaalaatti sitti fayyadamuu barbaada gammachuu keef dhimma hin qabu. Namni kanarraa hafuu barbaadu ammas tahe booda, kana mormuu qaba.

Mudde darbe Pireezidantiin biyyattii Vilaadmiir Puutiin TV Raashiyaatti bahuun bara 2023tti qondaaloti Raashiyaa loltoo fedhii isaaniin Yukireen loluu barbaadan miiliyoona walakkaa fileera jedhan.

Gareen kuni kara telegiraamii abaaboon kaa'an ergaa ''yaadannoo warreen waraana irratti ajjeefamaniiti. Kabaja yaadannoo dhiirota keenyaati,'' jedhu akka dabarsu himan.

Kana malees abaaboon ''irra deebi'amuu'' akka hin qabne agarsiisuufi jedha.

Maariyaa dabalatee kanneen abbootiin warraa isaanii loltu eeggataa tahuuf filaman waan haaraa jalqaban. Gaafa Sanbataarra mataatti guftaa adii xaxatanii wiirtuu Moskoo keessa adeemu.

Naannoo masaraa mootummaa Kireemiliinitti siidaa loltuu hin beekamnerratti abaaboo kaa'u, kunis isaaniif mormii karaa nagaati.

Antooniyaan abbaan warrashee yeroo waamichi loltummaa bara 2022 isa qaqqabee deemu ollaan akka ishee deeggaru itti himee deeme.

Tahus gargaarsa akka hin argannetti himti, ''waggaa tokko dura kabaja waggaa haaraaf na waamani abbaan warraa koo waraana Yukireenii jedhee deemuunsaan akka gowwaa tahetti natti haasa'an,'' jetti.

Abbaan warraashee nama dhukkuba alsarii qabu tahullee kutaa waraanaa haleellaa keessattia akka ramadame himti. Mudde darbe isheef bilbilee akka ture himti.

''Boo'aa ture. Sodaatee ture. Nagaatti waan naan jechaa jiru fakkaata ture,'' jetti.

Irra deebiin torbee tokko booda bilbilee jetti. Yeroo dhumaaf sagaleesaa kan dhageesse yeroos tahuu himti. Ergasii abbaan warraashee akka madaa'ee itti himamuu dubbatti.

''Namoonni loluu barbaadan jiru. Eeyyamaan kan waliigaltee mallatteessan jiru,'' jetti Antooniyaan. ''Abbootii warraa achi turuu hin barbaanne garuu as nuu ergaa,'' jetti. Dirqama biyyummaa bahatanii, mana isaaniitti ergaanii.

''Vilaadmiir Puutiin baayyeen kabajan ture. Amma hin deeggarus, hin mormus. Dhimma keenya kana ni beeka jedhee hin yaadu. Yoo argee callise garuu abbootii warraa keenya nuu deebisaa jechuuf akka gantuutti nu ilaalaa jira. Lammiilee isa filatan maaliif haala kanaan akka ilaalu naan galu,'' jetti.