Keeniyaatti lakkoofsi dhiirota waldhaansa mucaa godhachuu ittisu fudhatanii dabale

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaa keessatti lakkoofsi dhiirota waldhaansa mucaa godhachuu ittisu fudhatanii dabalaa jiraachuu dhabbanni Marie Stopes Kenya beeksise.
Daayireektara dhaabbatichaa kan ta'an Inviyolataa Wayaamaa BBCtti yoo himan, "Dhiirota hedduurraa fedhiin dhiyaachaa jira. Amanamummaa maamiltootaaf jecha lakkoofsa isaanii hin eerru'' jedhan.
Malli karaa waldhaansaa dhiirotni mucaa godhachuu itti ittisan keessaa tokko vasectomies kan jedhamu yeroo ta'u waldhaansa baqaqsanii yaaluun sanyiin dhiiraa yeroo qunnamtiin saalaa godhamu dhangala'aa qaama dhiiraa keessaa bahu semen jedhamutti akka hin makamne ittisa.
Keeniyaa keessatti maloota waldhaansaa karoora maatii keessaa dhiironni waldhaansa kana fudhachuuf gaaffiin dhiyeessantu dabalaa jira.
Inviyolataa yaada BBC'f kennaniin lammiilee Keeniyaa keessatti hubannaan gahee qooddachuu dhiiraafi dubara gidduu irratti argamu akkaan dabalaa jiraachuu himan. Kuni ammoo ''qunnamtii saalaafi walhormaata'' irrattis ni mul'ata jedhan.
Namni maqaan isaa akka ifa hin taane gaafate tokko guyyaa shan dura waldhaansa vasectomy kan raawwate mala wayyaa'aa karooraa maatii itti milkeeffatu barbaadee akka ta'e BBCtti hime.
''Haati warraa koo yeroo sadii karaa baqaqsanii yaaluu daa'imman deesseetti, amma jireenyi ishee rakkoo keessa akka galu fedha hin qabu...murteesseera. Maaliif ani ishee hin gargaaru? Yeroo baayyee dubartootarraa eegama,'' jedha namni ganna 39 kun.
Waayee tajaajila kanaa hubannaafi waldhaansi jiru kan salphaatti argamu ta'uu qaba jedhee, gidduugala biraatti gaaffii waldhaansa kana argachuuf dhiyeesse hordofee hubannaa badaan isa qunnamuu ibse.
''Siifidhaa? Fuuteettaa? Maaliif vasectomy barbaadde? Haadha warraa keetu gaafatama karoora maatii qaba'' jedhamuus hime.
Namni kun erga waldhaansa kana argatee booda rakkoon isa mudate akka hin jirre ibseera.
Sadarkaa idila addunyaatti guyyaan 'World Vasectomy Day' Sadaasa 18 kan kabajamu yeroo ta'u dhaabbatni Marie Stopes Kenya guyyoota isa dura jiran afur waldhaansa kana tola maamiltootaaf kenna.
Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK, NHS, akka jedhutti waldhaansi kun ujummoolee sanyii dhiiraa hidhuun ulfi akka hin mudanne ittisa.
Waldhaansi kun yeroo barbaadame booda deebi'ee bakkatti kan deebi'u ta'us guutummaatti ta'uu dhaba ilaalchi jedhus jira.
Namni waldhaansa kana fudhate waggaa 10 booda daa'ima godhachuu yoo barbaade carraan milkaahuu isaa dhibbeentaa 55, waggaa 10 ol booda yoo ta'e ammoo dhibbeentaa 25 xiqqaata jedha NHS.












