Filippiinsi: Sababiin daa'imman kuma 200 karoora malee baataman uggura Covid-19 ta'aa?

Biyya Filippiinsi keessatti haadhooliin garaatti baatan baayyachuutu himame.
Akkuma beekamu uggurri sochii sababii Covid-19n kaa'amee namoonni mana keessa akka oolan dirqisiiseera.
Mana keessa wayita oolamuutti ammoo haala kana dura barame caalaa haadha warraafi abbaan warri walitti dhiyaachu waan hinolleedha.
Egaan jidduu kana garaatti baachuu mudachu danda'a.
Rakkoon gara biraa haala uggura Covid-19 kanaan umamee ammoo sochin waan dhorkameef dubartoonni mana bahuun tajaajila karoora maatii akka hinargannee taasiseera.
Kan haala qabatamaan agarsiisuuf seenaa lammii Filippiinsi kan taatee aaddee Roveelii Zaabaalaan fakkeenya gaariidha.
Zaabaalaan haadha ijoollee sagaliiti. Amma ammoo daa'ima 10ffaa garaatti baattee jirti.
BBCn ga'eettii waggaa 41 kan taatee Zaabaalaa wayita dubbisetti ijoollee muraasa waliin mana keessa turte.
Isheenis waa'ee maatii karooraan godhachu kan dhageesse erga ijoollee torba deesseen booda ta'u dubbatti.
Mucaa 10ffaa dahuuf gonkumaa yaada hinqabdu turte. Garuu sababii uggura Covid-19tti akka tasaa baachu dubbatti.
Tibba ugguraa sanattis namoota nyaata bitachuuf nama tokkicha maatii keessaa bahuun alatti gadi bahuun dhorkamee ture.
Sababii uggura kanaatiinis dubartoonni hedduu tajaajila karoora maatii argachuu hindandeenye ture.
Sababii kanaanis Filippiinsi keessatti haadhooliin kuma 200 ta'an garaatti baachusaanii qorannoon biyyatiitti gaggeeffame ibseera.
Qorannoon Institiyuutiin Baayyina Uummataa biyyattii Dhaabbata Baayyina Uummata Mootummoota Gamtoomaniin (UNFPA) deeggaramuun gaggeesse tokko akka mul'iseetti, daa'imman kuma 214 karoora malee baatamaniiru.
Filippiinsi covid-19 duras biyya daa'ima hedduu itti dhalachuun sirna fayyaa biyyattii irratti dhiibbaa uumaa jiruudha.
Waggaatti daa'imman miiliyoona 1.7 akka dhalatan ragaan biyyattii kan mullisu.
Rakkoonsaa ammoo ijoollee hedduun kan dhalatan maatii dinagdee dadhabaa qabanirraa ta'usaati.

Madda suuraa, AFP
Magaalaa guddoo Maaniilaa uummanni keessatti baayyatu
Magaalaa guddoon Filippiinsi Maaniilaan bakka jireenyaa uummata miiliyoona 13ti. Kana jechuunis lafa iskuweer kaare meetira tokkoorra namoota kuma 70tu walitti dhiyaate jiraata.
Baayyina namootaafi konkolaataarra kan ka'eef qilleensi magaalattii faalamutu himama. Manneen hidhaa keessatti osoo hinhafne namoonni walirra ciisu.
Manneen hidhaa biyyattii dandeettiisaaniin ol dachaa 300'n sirreefamtoota qabatu.
Pireezidaantiin biyyatti namoota qoricha sammuu namaa akkaa ol mirqaansu daddabarsaniif obsa hinqaban. Poolisoota biyyattiin ifatti 'haleelaa' jechuun ajajaniiru.
Kanaan alaatti lammiilee hedduun hiyyuummaa cimaa keessa jiraatu.
Kanaafuu bakka balfaan itti gatamu keessaa kanneen foon gatamee fa'i funaananii sooratan jiru. Haala akkasiitiin ammoo ijoollee baayyeen kan dhalatan.
Qorattoonni tokko tokkos hiyyummaa biyyatti maddisaa guddina uummataa hindaangofne akka ta'e himu.
Baroota 1960' kaaosee motummaan haala baayyina daa'imanni dhalatanii hir'isuu yaalaa ture. Yeroo sanatti baayinni uummataa miiliyoona 35 qofaa ture. Amma baayyinni ummata Filippiinsi miiliyoona 110 darbeera.
Kun maaliif ta'a?
Sababiinsaa inni tokko amantaa uummatichi hordoofuun hidhata qaba.
Filippiinotii amantaa kaatoliikii cimsanii amanu. Bataskaanni Kaatoliikii ammoo eejjanoon fayyadama ittisa ulfaa irratti qabdu kan nama jajabeessu miti.
Lammii mala ittisaa fayyadamuurra gorsa amantaa hordofutu caala.
''Dhugaadha mala ittisa ulfaa hindeeggaru'' jedhu lubni Jaromee Siilaano. Lubni Jaromeen waldaa Kaatoolikiitti duree amantaati.

''Warshaa omisha daa'immanii"
Hojjattoonni hospitaala Yaadannoo Dr Joos Faabeelaa boqonnaa hinqaban. Fakkeenyaaf bara 2012 keessa guyyaatti haadhoolii 120 deessisu.
Hospitaalli haadhooliifi daa'immanii addaa kunis ijoollee hedduu deessisuu isaatiin ''warshaa omisha daa'immanii'' maqaa jedhamu kennameefiira.
Gabaasaan BBC wayita hospitaala kana keessa dowwateettis kan hubate kanuma.
Kutaansaa amma wallakkaa dirree kubbaa miilaa gaha. Sireewwan jidduullee qaawwi hinjiru. Siriiyyuu sireen lama waliitti maxxanfamuun namni dabalataa biraa irratti tajaajila argatu.
Haadholii hedduun uffata dahumsaa uffachuun daa'imasaanii hammatanii mul'atu.
Kutaan afuraan guutamulleen hundisaaniituu maaskii kaawwataniiru.
''Eddoo gahaa waan hinqabneef akka siree qooddatan taasifneerra. Dhukkubsataa baayyeetu dhufaa jira. Hospitaalichi dandeettii isaatiin ol hojjataa jira,'' jedhu Dr Diiyaanaa Kaajaappe.
Weerarri koronaa ammoo haalicha cimseera. Dhiheenya kanas hakiimoonniifi narsoonni koronaavaayirasiin qabamuun hospitaalichi cufamu qaqqabee ture.
Ta'us garuu lakkoofsi daa'imman dhalatanii baayyeedha.
Kun ammoo dhaloota ammaa jiruuf qofa osoo hintaanee dhaloota dhufuufillee hiyyuummaan akka darbu taasisa jedhu qorattootni dhimma maatii.
Pirezidaantiin biyyattii Doterteen garuu karoora maatii ni leellisu. Amma garuu duula farra qoricha sammuu mirqaansuufi malaamaltummaatiin qabamaniiru.

Filippiin biyyoota Kibba Baha Eshiiyaa keessaa kan dubartoonni dargaggoonni baayyinaan keessatti ulfaa'aniidha.
Amma ammoo sababii koronaavaayirasiitiin mana keessa oluufi malawwan karoora maatii argachuutti danqaan umamuunsaa shamarran Filippiinsi ulfaa'an harka 20n dabaleera.
Fakkeenyaaf haati jalqaba irratti seenaa ishee kaafne Zaabaalaatti haa deebiinu.
Zaabaalaan ijoollee ishee waliin Baasikoo Tondoo bakka addunyaarratti namoonni itti baayyachuun jiraatan keessa tokko ta'e keessa jiraaatti.
Zaabaalaan ejjannoo bataskaanni Kaatoolikii fayyadama karoora maatii irratti qabdu ni hubbatti.
''Ulfa ji'a tokko akkuman ta'u bareen abbaa warraa kiyyaa ofirraa baasuu akkan barbaadu itti himeen ture. Sababiinsaas jireenyi baayye natti ulfaateera. Inni garuu dhiisi innuma keessa dabarra naan jedhe. Ani baqqaa cubbuu raawwachurra jedhee dhiise'' jetti.
Amma garuu hiyyummaan abbaa warraa isheetiin adda baaseera.
Kanaafuu waa'ee eegeree ishee yoo yaadduu baayye dhiphatti haati kun. Waa'een ijoolleeshi baayyee yaaddeessa.
Ammaan tanas weerarri Covid-19 dinagdee biyyattii garmalee miidheera.
Yeroo tokko tokkoos yoon dhiphadhu maaliifan ijoollee kiyya ''warra sooreessaatti hingurgurre? maafan guddifachaan hinkenniine? jedheen yaada jetti.
''Isaan booda ammoo yaaduu isaatti baayyeen gaabba. Boruuf guyyaa biraati jedheen abdii godhachu filadha'' jetti.
Haadhooliin akka Zaabaalaa kana dhiphinaan jiraatan kumaatamni Filippiin keessa jiru.
Kaan hiyyuummaa isaanii irraa kan ka'ee kan qoricha sammuu adoochu gurguruuf dirqaman, kaan ammoo tarii jireenya gaarii jiraachu jechuun abdatanii ijoollee saanii sooreessootati 'gurguun' hedduudha.
Haala akkasii keessa osoo jiranu weerarri Covid-19 ammoo balaa biraa buuseera.
Filippiin egaa daa'imman dabalataa osoo hinkaroorfamiin dhalatuuf jira kuma 200 attamiin guddisti laata?













