Jiraattonni Oromiyaa waggoota torban bara hooggansa MM Abiy akkamiin ibsu?

Madda suuraa, Oromia Prosperity Party / OPP /
ALI Bitootessa 24, bara 2010 guyyaa Ministirri Muummee Abiy Ahmad aangoo itti qabatan yoo ta'u, waggaa 7ffaan isaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti kabajamaa jira.
Waggoonni torbaan darban bara hoggansa isaanii jalatti kutaaleen hawaasaa kaan badhaadhinaa fi qananiitu ture jedhu.
Kutaaleen hawaasaa kaan ammoo nagaa dhabuu, beelaa fi rakkina keessa baahuu dubbatu.
Magaala Shaggar, Laga Xaafoo irraa kan dubbisne Obbo Addisuu Asaffaa, ''ALI Bitootessa 24, guyyaan Dr Abiy aangoo itti qabatan guyyaa biyya keenyaa ifti dhufe jedheen amana'' jedhu.
"Waggoota ja'an [torban] bara hoggansaa isaanii kanatti jijjiirama mul'atuufi lakkaa'amutu dhufe. Kan har'a kabajuuf baanes kanaafidha. Hidhi laga Abbay, sabaaf sablammoonni biyya keenyaa paartii tokkoo fi mootummaa tokko ta'aniru, magaalli shaggaruu bu'aa isaati," jedhan.
''Jiraattonni naannawa magaala Finfinnee sababa adda addaatiin buqqa'aa turan hundeeffama magaala Shaggariin buqqatirraa hafanii carraa misoomaa argachuu jalqabuunuu bu'aa waggoota ja'a [torba] kanaati'' jedhu.
Obbo Asaffaa Ayyaanaa ammoo jiraataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruuti. Waggoonni ja'an [torban] darban ''bara ajjeechaan, buqqaatii fi rakkinni nutti walfure'' jechuun haala naannoon isaanii keessa dhufe yaadatu.
"Rakkoo hamaa keessa dabarsaa jirra. Akka aanaa keenyaatti hawaasni qe'ee isaarra jiru hin jiru. Hunduu bittinnaa'ee rakkoo hamaa keessa jira. Lubbuu hedduutu darbe. Hanga ammaattillee rakkinuma keessa jirra" jechuun haala hamtuu keessa darbaniifi ammas keessa jiran BBCtti himan.
Hawaasni sababa rakkoo nageenyaatiin waggoota darban kana qe'ee isaarraa buqqa'e magaalotatti faffaca'ee akka jiruu fi gama mootummaan deeggarsi muraasni jiraatus gahaa akka hin taane himun komatu.

Madda suuraa, ETV
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Mootummaan naannoo Oromiyaa saba isaa kana rakkoo hammaataa kana keessaa baasuuf tattaafachuu qaba jedheen yaada. Hayyoonni biyya kanaas saboonni lamaan kun akka walitti araaraman, akka nagaan bu'u obbolummaan akka cimu hojjetamuu qaba" jechuun dhaamu.
Jiraattuun Aanaa Dagam BBCn dubbise, waggoonni darban kunneen gama nageenyaa fi qaala'iinsa jireenyaatiin yeroo qorumsaa ture jechuun madaalu.
"Nageenyaan walqabatee naannoo keenya rakkoo cimaatu jira. Kan kana uume ammoo mootummaa qofa miti. Amma garuu xiqqoo fooyyeen jira. Rakkoon cimaan amma nu mudachaa jiru rakkoo qaala'iinsa jireenyaati" jedhan.
Magaala Ambootti hiriira deeggarsaa bahame irratti kan hirmaatan barsiisaa Guddataa Dirbabaa ammoo, Bitootessi 24, guyyaan ministirri Muummee Dr Abiy aangoo itti qabatan kun ''guyyaa dhamaatii qabsootiif bu'aan itti dhufe waan ta'eef kabajna'' jedhu.
"Guyyaan kun guyyaa ifni uummata Oromoof bahedha. Gammachuu guddaadhaan kabajna. Jijjiiramni kun jijjiirama xiiqiiti. Isaan xiiqiidhaan jijjiirama amansiisaa ta'e fidanii jiru. Borummoo kana caalaa akka fidan nan amana" jedhan.
Waggoota torban bara hoggansa Dr Abiy kanatti magaalli Amboo jijjiirama qabatamaa agarsiisaa waan jirtuuf kaayyoo fi akeeka mootummaan qabatee jiru akka milkaa'uuf gatii barbaachisaa kanfaluuf qophii akka qabanis jiraataan kun himaniiru.
"Ani akka dargaggeessa magaala Ambootti mootummaan kun tumsa yoo argate hojii guddaa hojjechuu danda'a jedhee waanin amanuuf, waraanaanis taanaan hojiinis taanaan bira dhaabadhee biyya kana jijjiiruuf qophiin qaba" jedhan.












