Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nagawoo Jimaa: 'Dheerinnikoo faayidaa naaf argamsiisuu jalqabeera'
Magaala Maqiitti dhalatee kan guddate Nagawoo Jimaa dheerina meetira lamaa fi seentimeetira 25 qabaachuun Itoophiyaa keessatti abbaa rikardii dheerinaati.
Dargaggeessi umriiw aggaa 26 kun waggoota lama dura gara miidiyaatti dhufuun beekamtii horate.
Sababa dheerina isaatiin wal qabatee tajaajila geejjibaa fayyadamuu irratti, siree irra ciisuu fi kophee isaaf ta’u argachuu irratti rakkoon isa mudachaa akka ture turtii ammaan dura BBC waliin taasise irratti dubbatee ture.
Ambaasaaddara waggaa shanii
Itoophiyaatti dhaabbata konkolaattota walitti suphu ‘Oclock’ jedhamu dargaggoo Nagawoo Jimaa Ambaasaaddara gochuun waggoota shaniif akka waliin hojjetaniif waliif mallatteessuu dubbata Nagawoon.
“Dhaabbanni kun konkolaattota biyya keessatti walitti supha. Miidiyaa irratti na arganiituma dhaabbata isaanitiif ambaasaaddara akkan ta’uuf n agaafatan./''
''Waggoota shaniif ambasaaddara ta’ee dhaabbaticha akkan beeksisuuf waliigaltee mallatteesineerra,'' jechuun carraa argate ibsa.
Dhaabbata kanaaf ambaasaaddara ta’uusaatiin waggoota shanan itti aanan kanatti faayidaalee adda addaa akka argatuu fi dabalataan ammoo dhaabbatichi konkolaataa birrii miliyoona afur baasu isa badhaasuus dabaluun hima.
“Konkolaataa miliyoona afur baasu dhaabbatichi kan na badhaase. Konkolaataan kun dheerina kiyyaaf akka ta’utti kan hojjetame osoo hin taane konkolataataadhuma nama kamiifuu hojjatame kan idileeti. Oofuudhaaf kan naaf mijaatu miti. Garuu konkolaachisaadhaan ittiin deemuuf naaf ta’a,” jedha.
Dheerina kootti takkaa gaddee hin beeku kan jedhu Nagawoon, umriisaa ganna 26tti dheerinnisaa carraa hojii uumuufiitti gammaduus dubbata.
“Sababii dheerina kanaatiin rakkina adda addaa argee beeka, garuu guyyaa tokkoyyuu dheerachuu kiyyatti gaddee hin beeku. Amma garuu dheerinnikoo carraa hojii naaf uumuusaatti gammadeera,” jechuun kanaan dura haala keessa darbeefi haala amma keessatti argamu ibsa dargaggoon kun.
Hojiin ambaasaaddarummaa kun isaaf kan jalqabaa akka ta’ee fi dhaabbanni Oclock jedhamu carraa kana kennuufiif galateeffateera.
Gara fuula duraattis hojiiwwan piroomooshinii fi beeksisa adda addaa hojjechuuf karoora qabaachuu BBC'tti hime.
Nagawoon waggaa tokkoon dura miidiyaa hawaasummaa isaa irratti Finfinnee keessatti sababa geejjibaatiin rakkachaa akka jiruu fi ''yoo konkolaataan hin bitamneef lammummaasaa jijjiiruu akka barbaadu'' barreessee ture.
Dubbiin isaa kun miidiyaa hawaasummaa irratti qeeqa hedduu kaasee jennaan yaadichi dogogora akka ture himuunis dhiifama gaafatee akka ture ni yaadatama.
Dhaabbanni amma ambaasaaddara isa godhachuun isa waliin waliigaltee mallatteesse kunis yaada dhiifamaa Nagawoon miidiyaa irratti kenneen gammaduudhaan ambaasaaddarummaaf akka isa filate hima Nagawoon.
Namni dheeraan naannoo Oromiyaa Gujii irraa ta'e, Awwaluu Buxxulaas waggaa darbe keessa gara Dubaayi deemuun carraa beeksisoota adda addaa hojjechuu argachuu BBCtti himuun gabaasuun keenya ni yaadatama.