Nagawoo Jimaa waa'ee turtii isaa mana hidhaa maal hima?

Maxxanfame

Itoophiyaatti dheerinaan tokkoffaa ta'un isaa kan himamuuf dargaggoo Nagawoo Jimaa hidhaa torbee lamaa booda Kamisa kaleessaa gadhiifamuu hime.

Waa'ee turtii isaa BBC'f kan qoode dargaggoon kuni Waajjira Poolisii magaala Maqiitti hidhamuufi mana murtii akka hin dhihaanne jedhe.

Itoophiyaa keessa dheeraadha jedhamuu isaa hordofee namoota hedduu biratti beekamtii argateera. Hidhamuu isaa boodas namoonni akka hiikamu gaafataa turan.

Nagawoonis, akkuma mana hidhaatii baheen fuula facebook isaa irratti, "Mana hidhaa jechuun edaa akkanaayyii? Waa hundaafuu warroonni sagalee naaf ta'aa turtan ulfaadhaa" jechuun barreesse.

Poolisiin waan 'saba walitti buusu' barreessite jechuun isa shakkee akka hidhe dubbate.

'Waan saba walitti buusu barreessite naan jedhan'

Torbee lama dura gaafa to'annaa jala oolu hiriyoota isaa wajjiin osuma jiruu poolisiin dhufee akka isa waamee fi waan 'saba walitti buusu' walitti barreessite akka jedhaniin BBCtti hime.

"Gaafa sana magaala Maqiitti osuma hiriyoota koo wajjiin bakka tokko teenyuu poolisiin dhufee ni barbaadamta naan jedhe.

''Maaliif na qabdan jennaan, tibba kana waan post gochaa turte [miidiyaa hawaasaa gubbbaatti waan maxxansite] beekta mitii?" jedhee waajjira poolisiitti akka barbaadamu itti himuun fuudhanii akka deeman hima Nagawoon.

Osoo to'annaa poolisii jala hin oolin miidiyaa hawaasaa gubbaatti waa'ee ummata nagaa Wallaggatti ajjeefamanii 'sagalee ta'uuf' akka barreesse hima.

"Yeroo sana ani kanin poosti gochaa [maxxansaa] ture waa'ee uummata Wallaggaa qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqanii akkasumas waa'ee warra faannoo Amaaratiin ajjeefamaa turaniiti.

"Isuma sababeeffachuun maaliif waan akkasii poosti goota jedhanii kan na qaban," jedhe Nagawoon.

Dhimma kana irratti BBC'n poolisii irraa waan odeeffatee hin qabu.

Torban muraasa dura haleellaa hidhattooti Amaaraa Godina Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruutti raawwataniin kumaatamani qe'eerraa buqqa'aniiru.

Haleellaa namoota nagaarratti dhaqqabu kana mormuunis namoonni mootummaan lammiilee tiksuu hanqate jechuun Fesbuukii gubbaa komiifi mufii ibsataa turan.

Barattoonni Yuunivarsiitotaafi manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniis mormiif daandiitti bahanii turan.

Haa ta'u malee, barreeffamoonni dubbii hammeessuufi hookkara kaasuu malaniis Fesbuukii gubbaa qoodamaa akka turan BBC'n taajjabeera.

'Komaandi poostii jala jirta!'

Nagawoon akka jedhutti gaafa magaala Maqii keesssaa to'annaa poolisii jala oolfamu ajaja mana murtii malee akkasumatti 'ni barbaadamta' jedhanii akka isa hidhan dubbata.

"Bakkuman hiriyoota koo wajjin taa'ee jirutti koottu in barbaadamtaa naan jedhan. Inni haa qabamu kan jedhu xalayaan [ajajni mana murtii] natti barraa'e jiraa? Natti agarsiisaa jennaan, komaandi poostii jala jirta naan jedhan.

"Yeroo komaandi poostiti waan ta'eef waraqaan [ajajni mana murtii] hin barbaachisu naan jedhan," jechuun BBCtti hime.

Gama biraan ammoo hanga torbee lamaaf mana hidhaa ture mana murtiitti akka hin dhiyaanne dubbata.

"Himanni narratti hin dhiyaanne. Maalif na tursiistu? Mana murtiiti na dhiyeessaa jedhe gaafachaan ture. Garuu deebiin naaf laatan hin turre. Gaaffin nama gaafatanis homtuu hin jiru," jedha.

Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti namoonni mana murtiitti osoo hin dhihaatin turfamuu akka jirtu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaallee himaa ture.

Aangawoonni garuu ni waakkatu.

Boodarra garuu 'mana maree nageenyaatiin' mari'atanii akka baatu murteessineerra jedhanii akka mana hidhaatii isa baasan hime Nagawoon.

Turtii mana hidhaa torban lamaa keessatti dhiibbaan addatti irra gahe akka hin jirre dubbata.

"Hanga nama torbaa taanee kutaa addaatti hidhamne malee bakka namoonni baay'een itti hidhamanitti nan hiine.

Namoota baay'ee keessatti natti hin tolu, akkasumatti kana yaadanii qophaatti nu hidhan natti fakkaata," jedhe.

Nagawoon Itoophiyaatti nama dheerinaan tokkoffaa ta'us dheerina isaatin wal-qabatee rakkoon fayyaa isa mudatee waggoota lamaaf hospitaalatti deddeebi'ee yaalamaa akka ture kanaan dura turtii BBC waliin godheen ibsee ture.

Turtii torban lamaaf magaalaa Maqiitti hidhamee turettis guyyoota afurii hanga shanii dhukkubsachuu dubbata.

"Achi keessatti akka guyyaa afurii shanii dhukkubsadheen ture.''

"Ani yakka tokko maleen guyyaa hamma kanaa mana hidhaa ture, saba ofiitif sagalee ta'uun gatii amma kana nama kaffalchiisa jedhee hin yaanne.

''Isaan garuu maal yaadanii akka gadi na dhiisan isaanumatu beeka," jechuun hima.

Dargaggoo Nagawoo Jimaa Itoophiyaa keessatti meetira 2.25 dheerachuun namni isa gitu hin jiru jedheera dhaabbati dhimma kana Itoophiyaa keessa galmeessu.

Erga nama dheeraa Itoophiyaa ta'uun isaa baramees guddoo beekamtii argate, namoota heddu wajjinis wal bare.

Nagawoon, naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti dhalatee kan guddate yoo ta'u ammas achuma jiraata.