Xiyyaarri waraanaa US namoota saddeet fe'ee ture oddoola Jappaanitti kufee caccabe

Miidiyaan Jappaan akka gabaasetti xiyyaarri waraanaa CV-22 Osprey jedhamu kun Buufata Xiyyaaraa Yakushimaa qubachuuf ture.

Madda suuraa, SOPA IMAGES

Maxxanfame

Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa namoota saddeet fe'ee imalaa ture Jappaan, Oddoola Yakushimaatti kufee caccabe.

Eegdota handaara galaanaa Jappaan keessaa namni tokko BBCtti wayita dubbatu, erga xiyyaarri sun kufee namni tokko argameera jedhe, garuu waliigalatti haalli namoonni kunneen keessa jiran ifa miti.

Miidiyaan biyyattii qondaaltota eeruun akka gabaasanitti caccabaan xiyyaarichaa handaara oddoola Yakushimaatti argamuu hin oolle.

Miidiyaan Jappaan NHK jedhamu akka gabaasetti xiyyaarri waraanaa CV-22 Osprey jedhamu kun Buufata Xiyyaaraa Yakushimaa qubachuuf ture.

Injiiniin xiyyaarichaa inni karaa bitaa gubataa akka tures gabaase miidiyaan kun.

Xyyaarri kun naannawa Yamaguchi buufata Iwakuni irraa ka'ee gara kutaa biyyaa Okinwa buufata Kadena imalaa ture.

Balaa mudate booda lubbuu baraartonni hedduun bobbaafamaniiru.

Bulchiinsa Kagoshima jala kan jirtu Yakushima'n kibba oddoola Kyusu jedhamuutti argamti.

Xiyyaarri Osprey gosa xiyyaaraa akka heelikooptaraa fi xiyyaarota waraanaa kaaniittis tajaajiltu.

Waggoota hedduuf irra deddeebiin balaa walfakkaataan xiyyaara kanaan mudata.

Hagayya darbes gosti xiyyaara kanaa tokko kaaba Awustiraaliyaatti osoo leenjiirra jiranii kufuun namoota keessa turan 23 keessaa sadi du'an.

Taateen walfakkaataan xiyyaaruma kanaa bara 2017 kaabuma Awustiraaliyaatti mudateera. Balaa sanaanis namoota saditu du'an.