Wayita rakkoon nageenyaa hammaatetti biyyoota Afrikaa nagaa fi tasgabbii qaban 10

Magaalaa

Madda suuraa, ABI

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Wayita walitti bu'iinsi fi waraanni, gochi shororkeessummaa akkasumas muddamni ji'oo politikaa addunyaa nagaa dhowwaa jirutti biyyoonni Afrikaa nagaa qaban jiru.

Yeroo ammaa addunyaan guddaa goolamaa jirti. Rakkoon nageenyaa fi tasgabbii biyyi addunyaa hin qaqqabin hin jiru.

Gabaasi dhimma nageenya addunyaa- Global Peace Index (GPI) kan bara 2026 jaarmiyaa Institute for Economics and Peace (IEP) jedhamuun maxxanfame, addunyaarratti waggaa 18 darban keessatti nageenyi yeroo 15 gadi bu'eera jedha.

Akka gabaasa kanaatti nageenyi addunyaa bara darbe harka 0.7n hir'ateera, kunis yeroo 12ffaaf walitti aansee bu'uu agarsiisa.

Waraanni Sudaan, Yukireen, Miyaanmaar, fi biyyoota Saahel, muddama ji'oo politikaa fi loltoota bal'inaan bobbaafamaa jiraniin walitti ida'amee addunyaan akka nagaa dhabdu taasiseera.

Bara 2025 keessa qofa rakkoo kutaalee addunyaa adda addaa keessatti mudatuun namoonni kuma 100 fi kuma 81 caalan lubbuu dhabaniiru.

Sababa kanaan namoonni dirqamaan qe'eesaaniirraa buqqaafaman ammoo miiliyoona 100 fi miiliyoona 17 caalu.

Erga gabaasi kun ba'uu eegalee lubbuun dhala namaa sababa walitti bu'iinsaa gaaga'amu akkaan dabaleera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keessattuu du'a namoota hedduuf kan gumaache waraana Sudaan fi walitti bu'iinsa naannolee Afrikaa garaagaraa keessatti mudataniidha.

Gama kanaan Afrikaa keessa haala lamatu jira. Kutaan kaan sababa shorokeessummaa, loote-seentummaa fi goolama siyaasaa wayita rakkoon nageenyaan raafaman, kutaaleen nageenya akkaan fooyya'aa ta'e qaban, kanneen nagaa fi tasgabbiin jiraatanis jiru.

Toomaas Morgaan seera baastonni Afrikaa dhimma rakkoo naannawa Saahel qofarratti xiyyeeffachuu osoo hin taane dhiibbaa waraanni Iraan nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa irratti qabus xiyyeeffannaan hordofuu qabu jedhe.

Morgaan jaarmiyaa Institute for Economics and Peace (IEP) jedhamutti qorataa olaanaadha, akkasumas garee gabaasa Global Peace Index (GPI) barreessan keessaati.

''Wanti hanga ammaa hin mul'annee fi ji'oota sadii hanga ja'aa itti aanan keessatti xiyyeeffannaan hordofamu dhiibbaa waraana Iraan,'' jechuun miidiyaa Business Insider Africa jedhamutti hime Morgaan.

''Ji'oota ja'an dhufan keessatti dhiibbaa waraanni Iraan Afrikaa irratti qabu guutummaatti arguu eegalla,'' jedhe.

Afrikaa keessaa biyyoota Sahaaraa gadii keessatti bara 2026 keessa rakkoon nageenyaa akkaan hammaate. Nageenya dhibbeentaa 0.2n hammaachuu gabaasi Global Peace Index (GPI).

Biyyoota addunyaa rakkoo nageenyaa qaban 20 keessaa saddeet asitti argamu. Bara 2008 biyyoota rakkoo nageenyaa qaban keessaa naannawa kanatti kan argaman shan turan.

Haalli kun walumaagalatti giddugala Saahel keessatti rakkoon nageenyaa hamaa ta'uu mul'isa.

Rakkooma kana hunda keessatti ammoo biyyoonni Afrikaa nagaa fi tasgabbii qabaachuun beekama jiru.

Tasgabbii siyaasaarraa kanneen fayyadaman, yakki kan keessatti hin heddummaanne, kanneen jaarmiyaalee jajjaboo qaban akkasumas walitti bu'iinsaa fi waraana keessatti hirmaannaa xiqqoo qaban lakkoofsaan muraasa ta'anis jiru.

Fakeenyaaf Mooriishiyes Afrikaa keessaa biyya naga qabeettii jalqabarra jirtu yoo taatu, addunyaarraa 18ffaarratti argamti.

Biyyoota Afrikaa hunda caalaa nagaa fi tasgabbii qabdi.

Itti aantee kan jirtu Ikuwaatooriyaal Giinii yoo taatu biyyi kun akka addunyaattis nagaa fi tasgabbii qabaachuun sadarkaa 38 qabatteetti.

Bootiswaanaan ammoo nagaa fi tasgabbii akkasumas bulchiins gaarii qabaachuun maqaa gaarii fi seenaa yeroo dheeraa ijaarratteetti.

Afrikaa keessaa sadaffaa addunyaarraa ammoo sadarkaa 50ffaarratti argamti.

Biyyoonni lixa Afrikaa afur Gaambiyaa, Seeraa Liyoon, Senegaal fi Gaanaan nagaa fi tasgabbii qabaachuun Afrikaa keessaa tokkoo hanga kudhanii keessa jiru.

Madagaaskar, Namiibiyaa fi Morookoonis as keessatti argamu.