Dirooniiwwan icciitii Ameerikaatti mul'ataniif maddi Iraan miti -Peentaagan

Madda suuraa, Getty Images
Tuutni dirooniiwwan icciitii Ameerikaa naannoo qarqara galaanaa baha irratti socho'aa turan maddi isaanii Iraan miti jedhe Peentaagan
Torbanoota dhihoon as dirooniiwwan baayyee buufataalee waraanaa dabalatee naannoo Niiw Jarsii lafa pireezidantiin filatamaa Tiraamp golfii taphatan fa'itti mul'ataniiru.
Namni Koongireesii US Jeef Vaan Diruu irraa dirooniiwwan kunneen Iraan wajjin hidhata qabaachuu ''maddeen olaanoo'' irraa dhagaheeraa jedhanii ture.
Jeef Fooksi Niiwusitti yeroo haasa'an dirooniiwwan kunneen doonii guddaa garba Atilaantik irraa dhufu jedhe.
''Waan arginuufi dhageenyu hundattii diroonii ergaa jiru,'' jedhan Vaan Diruun.
''Odeeffannoon kuni madda olaanaa irraati, waan salphisee haasa'u miti,'' jedhan.
Itti dabaluunis dirooniiwwan kunneen ''itti dhukaafamee kuffifamuu qabu,'' jedhan.
Haa tahu malee pirees sekireetariin Peentaagan Sabriinaa Sinhaa himannaa kana hin fudhanne.
Ibsa gaafa Roobii kennaniin: ''waan jedhame keessa dhugaan hin jiru,'' jette.
''Qarqara galaanaa Ameerikaa irraa dooniin Iraan hin jiru, dirooniin doonii haadhoo jedhamurraa Ameerikaatti darbatames hin jiru,'' jette
Qorannoo jalqabaa Peentaagan taasiseen ''dirooniin qaama alaa ykn diinarraa dhufu hin jiru,'' jette.
Ibsi Peentaagan kuni weerara diroonii buufata humna qilleensaa Ameerikaa UK keessa jiruun booda dhagahame.
Sadaasa 18 irraa jalqabee dirooniiwwan baayyee Niiw Jarsii keessatti mul'achaa turan, Dilbata darbe qofa dirooniin 49 mula'chuu bulchaan naannichaa Fiil Marfii dubbataniiru.
Marfiin dirooniiwwan kunneen yaaddoo uummataa waan tahan miti jedhaniiru.
Biiroon Tikaa Federaalaa FBI waa'ee dirooniiwwan kanaa waan jedhe hin qabu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dhimma kana irratti eenyutu gaafatama waan jedhuuf deebii hin qabu,'' jedhan Roobart Wiilar FBI keessatti hojjetaan Garee Deebii Hatattaamaa. Tahus itti dhiyeenyaan hordofaa jirra,'' jedhan.
Niiw Jarsiitti miseensi mana maree Ameerikaa Doon Faantaziyaa waan Peentaagan jedhe hin fudhanne.
''Yaaddoon ifatti beekamuufi sodaachisu hin jiru jechuun waan dogoggorsaa dha,'' jedhan.
Ripaabiliikaaniin dhimma kana irratti gaafa Roobii Waajira Nageenyaa Biyya Keessaaf ibsa kennan dirooniiwwan kuneen heelikooptaraafi raadiyoodhaan qabamurraa of eegu jedhan.
Faantaaziyaan dirooniiwwan kunneen bal'ina meetira 1.8 kan qabaniifi ''haala qindaa'aa taheen socho'u, ibsaa isaaniis dhaamsaniitu deemu,'' jedhan. Dirooniiwwan icciitii kunneen kan warreen yeroo boqonaa isaanii itti taphatan tahuu hin danda'an, ammallee ifaa mitii, jedhan.
Sadaasa darbe Humni Qilleensaa Ameerikaa dirooniiwwan kan eenyu tahuun isaanii hin beekamne buufata humna qilleensaa Ameerikaa sadii UK keessa jirutti mul'ataniiru.
Dirooniiwwan icciitii kanaaf gaafatamaa kan tahu ''qaamolee mootummaa'' tahuu mala jedhan maddeen humna ittisa biyyattii.
Qorannoon akkuma itti fufetti jira.












