Xalayaan dhalattoonni Godina Shawaa Kibba Lixaa Ministira Muummeef barreessan ergaa maali qabate?

Loltoota qawwee baatanii imalan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhalattoota Godina Shawaa Kibba Lixaa kanneen biyya keessaa fi biyyoota alaa jiraniin akka qophaa’e kan himame xalayaa banaan Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiif ergame tibbana miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa ture.

Xalayaan kun kallattiin Ministira Muummeef haa jedhu malee, Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Pirezedaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi ajajoota Waraana Bilisummaa Oromootiifis garagalchaan kan ergamedha.

BBC’n dhimma xalayaa kanaarratti namoota qopheessan keessaa tokko kan ta’aniifi amma biyya keessa kan jiran dubbiseera.

Sababa yaaddoo nageenyaatiif jecha ‘maqaa kiyya hin ibsinaa’ kan jedhan namni kun, dhimma xalayaa kanaarratti akkas jedhan.

“Oromiyaa kutaa adda addaatti uummanni sababa walitti bu’iinsa mootummaa fi WBO jidduutti umameetiin baayyee dararamaa jira. Uummanni kun bultiin isaa waan jeeqameef maal gochuu dandeenya kan jedhuun uummata kanarraa dararri kun akka dhaabbatu warra qooda fudhattoota kanatti ergaa dabarsuuf yaanneeti,” jedhan.

Sababoota adda addaatiin xalayaa kana kallattiidhaan muummicha ministeeraa qaqqabsiisuu hin dandeenye kan jedhan namni BBC’n dubbise kun, maloota adda addaa fayyadamuun akka isaan qaqqabu yaalleerra jedhan.

Xalayaan afaanota sadiin qophaa’e kun dhalattooota Godina Shawaa kibba lixaa kanneen biyya keessa jiranii fi biyyoota alaa jiraataniin kan qophaa’edha.

Qabiyyeen xalayaa kanaas waggoota sadan darban keessatti godina shawaa kibba lixaa keessatti sababa waldhibdee qaamolee lamaan gidduu jiruun miidhaa hawaasarra qaqqabe irratti kan fuulleffateedha.

“Rakkoon kun godina kana qofa osoo hin taane Oromiyaa bakka hedduutti mudateera. Ammatti nuti ragaa qindaa’e kan arganne kan godina kanaa waan ta’eefi malee rakkoon kun as qofa kan jedhuunii miti”.

“Xalayaa kanarratti ragaaleen dabalataa maxxansamaniiru. Fakkeenyaaf ji’oota muraasa keessatti namoota 79 ajjeefaman maqaa fi eenyummaa isaanii qaba. Kun warra ragaan argamedha malee lakkoofsi kana caala. Maanneen gubatan, buqqaatii fi miidhaa hawaasummaa qaqqabes kan dabalatedha,” jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xalayaan kun rakkoon hawaasni sababa dhibdee garee lamaanitiin keessa seene xiyyeeffannoo argatee nageenyi akka dhufuuf kan akeeke akka ta’ee fi dubdeebii gaarii akka abdatanis himu.

“Xalayaa Kanaan rakkinicha erga hubachiisnee dararaan hawaasa keenyaa xiyyeeffannoo argata jennee yaanna. Ajajoonni kun akka xiyyeeffannaa itti kennan, uummatni nagaa akka hin miidhamne kallattii kennu jennee yaanna,” jedhan.

Godina shawaa Kibba Lixaa keessumaa aanaalee akka Sadeen Sooddoo, Qarsaa Maallimaa, Sooddoo Daaccii fi Tolee keessatti miidhaa seenaa keessatti mul’atee hin beeknetu uummatarra qaqqabaa jira jechuunis himatu.

“Namoonni gara jabeenyan ajjeefamu. Manguddoonni dur ni kabajamu, amma warra ajjeefaman keessaa irra caalaan maanguddoota. Qabeenyi uummataa dhumeera, saamichi gara lamaaninuyi, dinagdee fi hariiroo hawaasummaatiinis uummanni waan argee hin beekne argaa jira,” jedhan.

Xalayaa kanarratti akkaataa dhibdeen garee lamaanii itti jalqabe, ajjeechaa fi saamicha WBO fi raayyaa ittisaatiin raawwataman, namoota ajjeefamanii fi haala itti ajjeefamanis bal’inaan ibsameera.

Gareen lamaan araara buusanii uummanni boqonnaa osoo argatee hawwii keenya kan jedhan dhalattoonni xalayaa kana barreessan akkaataa isaan eeganiin gareen lamaanuu nagaaf xiyyeeffannaa kennuu dhiisanii rakkinichi yoo itti fufe gara dhaabbilee idil-addunyaa beeksisuutti ceenas jedhu.

“Xalayaan amma barreessine kun garee kamuu himachuuf miti. Nagaa fi araarri haa bu’u, uummanni dararameera kan jedhu ibsuuf. Kun yoo gara lachuunuu dhageettii dhabe ammoo dhaabbilee idil addunyaa, imbaasiwwan biyyoota alaa fi dhaabbilee mirga namoomaatti iyyachuuf karoora qabna” jedhan.