Baqattoonni Itoophiyaa Masrii jiran 'gad baanee deebi'un sodaa nutti ta'e' jedhan

Kaayiroo

Madda suuraa, Anton Aleksenko

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Baqattoonni Itoophiyaa Masrii jiraatan erga baatii muraasa dura eegalee hidhaan nutti hammaate jechuun BBC’tti himan.

Hidhaan kunis Bitootessa keessa biyyattiin baqattoonni hayyama jireenyaa hin qabne akka bahan kan qabanimmoo akka sirreeffatan labsite booda hammaatuu himani.

BBC’n jiraattotta fi qindeessitoota hawaasaa lammiilee Itoophiyaa Kaayiroo keessa jiraatan irraa akka odeeffatetti lammiileen Itoophiyaa 80 ol ta’an mana hidhaa Masrii keessatti argamu.

Dhimma kanarratti BBC’n Embasii Itoophiyaa Masrii jirurraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalee hin milkoofne. Gama UN irraas wanti ibsame hin jiru.

BBC’n komii baqattootaa kanaa kan dhagahe yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaate jiruttidha.

Haa ta’u malee, lammiileen Itoophiyaa keessumaa baqattoonni Masrii keessa jiraatan yeroo adda addaatti hidhaafi dararaa himataa turan.

Itoophiyaan Hidha Haaromsaa laga Abbayyaarratti waggoota kudha sadii dura ijaaruu eegaluun biyyoota lamaan gidduu muddama waggootaaf ture dhaleera.

Tibbana Masriin Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa mallatteessuufi meeshaa waraanaa gara Moqadiishoo erguun Itoophiyaa hin gammachiifne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wanti biyyoota lamaan gidduu mudatu kan isaan yaaddessu baqattoonni, yaaddoo keessa jiraachuu himani.

Baqataan bara 2016 gara Masrii baqateefi sodaa nageenyaaf maqaa naaf dhoksaa jedhe akka BBC tti himetti, Bitootessa bara 2024 irraa eegalee kaayiroo keessatti addatti hidhaan lammilee Itoophiyaa irratti xiyyeeffate taasifamaa jiraachuu hima.

Hidhaan kun namoota hayyama jireenyaa hin qabnes ta’ee qaban kan dabalatu ta’uun eerameera.

Rakkoon tibbanaa kun namoota waraqaa hin qabne qabuun gara biyya deebisuu qofaa utuu hin taane, kanneen osoo hayyama jireenyaa seera qabeessa qabanuu hidhamuu jedhe baqataan BBC'n dubbise.

Kun ammoo lammilee Itoophiyaa biyyatti keessa jiratanitti yaaddoo fi sodaa guddaa uumuu dubbata.

“Namni osoo waraqaa jireenya seera qabeessa qabu hidhamuun yaaddoo guddaadha, sababa kanaaf gadi baatee hojjattee galuuf yaaddoofta.

‘’Ofitti amanamummaan gad baatee ol deebi'uu hin dandeessu, darbee darbee mana jireenyaa sakkata’uunis jira” jechuun haala deema jiru BBC’tti himeera.

'Namoonni 80 gahan hidhaa jiru'

Namootni haala kanaan torban lamaa hanga baatii lamaa hidhaman jiru. Yoo waraqaa eeyyama biyya sanaa ga’aa hin qabaanne ammoo gara biyyaatti ergamu jedhan.

Gama kaaniin, rakkoon kun biyyatti keessatti namootni waraqaa eeyyama sobaa kan Komishinii Baqattootaa idil addunyaa (UNHCR) fakkeessanii qaban baay’achaa dhufuu waliinis kan walqabatu ta’uu akka hin oolle himu.

“Mootummaan namoota hayyama jireenyaa hin qabne biyya keessaa akka bahan ykn waraqaa hayyama jireenyaa isaanii akka sirreeffataniif bitooteessa bara 2024 irra jalqabee labsaa ture” jedhe.

Masritti Itti gaafatamaa gumii Manguddoota Baqattoota Itoophiyaa kan ta’an obbo Xahir Umar, akka dursaa garee hawaasa achi jiraatanitti maqaa namoota haala kanaan mana hidhaa keessa jiranii UNHCR’tti galchuun hordofaa jiraachuu isaanii BBC’tti himan.

Magaalicha keessa gumii hawasaa heddu jiratanis kan isaan hordofa jiran kanneen waraqaa qaban namoota 70 hanga 80 ta’an hidhaa jiru akkasumallee gamtaa hawaasa biroorraa kan hidhaman hedduu jiraachuu quba qabaachuu himan.

Dhabbatni UNHCR Abukaatoo dhaabnee hordofaa jirraa jechuu irraan kan hafe furmaata waaraa rakkoo kaan furu akka isaaniif hin deebisne himan.

Kanaan wal qabatee baqattoota heddu biratti sodaa uumeera jedhan.