Rakkoo nageenyaan raafamaa kan jiru Shawaa Kaabaarraa tajaajilli bilbilaa adda cite

Godinichatti Kamisa darberraa eegaluun tajaajilli bilbilaa addaan citeera
Ibsa waa'ee suuraa, Tajaajilli bilbilaa fi interneetii adda cituun rakkoo nageenyaa godinichatti hammaachaa dhufeen kan walqabatu akka ta’e shakkama
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waggoota muraasaa asitti wiirtuu hidhattoonni keessa socho’an ta’aa kan dhufe godinni Shawaa Kaabaa (Salaale) erga Kamisa darberraa eegaluun tajaajilli bilbilaa guutummaatti adda cituu BBC'n odeeffate.

Kanneen maatiin isaanii godinicha jiran akka jedhanitti tajaajilli bilbilaa kuni seensa magaalaa Finfinnee irratti kan argamtu Sulultaa hanga daangaa naannoo Amaaraa, Qarree Gohaatti adda cite.

Kanaanis tajaajilli bilbilaas ta’e interneetii aanaalee godinichaa akka Sulultaa, Waacaalee, Dabra Libaanos, Fiichee, Kuyyuu , Hidhabuu Abootee, Darraa fi Warra Jaarsootti tajaajilichi adda cituu bilbiloota Yaalleen mirkaneeffanneera.

Daandii guddichi Naannoo Amaaraatti fulla’u kan keessa qaxxaamuru godinni kun, hidhattoonni daandii kanarratti guyyaa konkolaattota dhaabsisuun namoota ukkaamsaa turuun ni yaadatama.

Kanaaf jechas konkolaachistoonni daandii kanarra deeman imalaan duratti bilbilaan haala daandichaa erga iyyaafatanii kan deemaa turan, amma sababa bilbilli cufameef haala jiru osoo hin hubatin imaluun yaaddoo dabalataa ta’uu himu.

Tajaajilli bilbilaa fi interneetii kuni adda cituun rakkoo nageenyaa godinichatti hammaachaa dhufeen kan walqabatu akka ta’e shakkiin jiraatulleen gama mootummaatin hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

Aanaalee godinichaa hedduu keessatti sochiin Hidhattoota WBO kan mootummaan ABO Shanee jedhuun kan jiru yoo ta’u, aanaa Darraatti ammoo dabalataan sochiin hidhattoota Faannoos jiraachuu ammaan dura jiraattonni BBCtti himanii turan.

Torbee lamaan dura jiraattonni godina kanaa dararaa, saamichaa fi ajjeechaa hammaachaa dhufeef jecha gamtaan bahanii waaqaa kadhachuun fi araaraa gaafachuun niyaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kadhaa araaraa kanaan boodattis haalli godinichaa fooyya’iinsa akka hin agarsiisnee fi amma dabalataan tajaajilli bilbilaa adda cituun ammoo daran akka rakkoo hawaasa godinichaa hammeessa jedhamee yaaddoo uume.

Kadhaan ‘Araaraf Waaqatti boo’udha’ jedhame kuni kutaalee godinichaa rakkoo nageenyaan raafamaa jiran hedduu keessatti gamtaan gaggeeffamaa ture.

Maanguddoon aanaa kuyyuu irraa dubbisnee fi namoota kadhannaa kana qindeessan keessaa tokko ta’uu waa’ee gocha aadaa raawwatame kanaa nutti himan.

“Salaale dur maqaa gaarii qaba. Abbootiin keenya fi Gootonni salaalee Kaleessa qabsoo gabrummaa sabarraa ittisuuf Oromoofuu bu’uura kaa’ani. Har’a wanti jiru faallaa kanaati. Sabuma tokko gidduu jaalalli dhabame”

“Namni keenya wal ajjeesuu qofa miti, kan ajjeefameyyuu awwaala dhabaatii jira. jireenyi uummataa baayyee miidhame. Uummanni buqqaatiirra jira” jedhan.

Aanaa D/Libaanositti Haadha siinqee kan tahan Aadde Faayituu Wadaajoo rakkoo nageenyaa amma Salaale mudate kanaan kan wal ajjeesaa fi waldararaa jiru obbolaadha jedhu.

“dhibdee Obbolaa gidduu kanaan kamtu yakka kam hojjete kan jedhu adda baasnee hin beeknu. Garuu namni keenya saamamaa jira. ajjeefamaa jira. manneen barnootaa gubachaa jiru. Ambulaansiin deessuu tajaajiltu gubachaa jirti” jedhan.

Godinaaleen Oromiyaa irra caalaan isaanii rakkoo nageenyaaf kan saaxilaman yoo tahu, wal dhabdeen mootummaa fi WBO karaa marii nagaa furmaata hin argatiin jira.

Marsaa lamaan Taanzaaniyaatti bara darbe kan mari'atan yoo tahu waliigaltee malee addaan bahan.

Ergasii waan haaraan dhagahame hin jiru. Uummanni rakkoo nageenyaaf saaxailame tajaajila fayyaa akkasumas manneen barnootaatti ijoolleesaa erguu yaadda'aa jira