US xayyaarotaafi dooniwwan waraanaa Baha Giddu Galaatti erguufi

Xayaara waraanaa B-52

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

US xayyaarota waraanaafi dooniwwan waraanaa gara Baha Giddu Galeessatti akka ergitu beeksifte.

Xayyaaronni waraanaa US gara Baha Giddu Galaatti erguuf jirtu kunneen B-52 strategic bombers, xayyaarota boba'aa qilleensarratti guutuf gargaaraniifi doonii galaanarraa haleeluf gargaaran fa'aa akka ta'e maddi oduu Rooyitars gabaase.

US xayyaarota B-52fi dooniwwan waraanaa garasitti erguuf kan murteessite doonin waraanaa Galaanarraa guddichi Abraham Lincoln jedhamu bakkichaa gara biraa imalu bakka buusuf akka ta'e beekiste.

Peentagon akka beeksisetti, xayyaarota waraanaa kanneen ji'oota dhufan keessatti garas imalu.

Xayyaaronni B-52 jedhaman, fageenya dheeraa imaluun haleellaa boombii gurguddaa gaggeessuf kan tajaajilaniidha.

Yeroo doonin waraanaa xayyaarota waraanaa baatu Abrahman Lincoln achii bahee xayyaaronnifi dooniwwan waraanaa biroo hanga bakka bu'anitti Iraan haleellaa kan gaggeessitu yoo ta'e Ameerikaan tarkaanfii laalessaa akka fudhattu akeekkachiiste.

"Iraan, michoonnishee, ykn jaleewwan (proxies) carraa kana fayyadamuun humnoota Ameerikaa ykn fedhii Ameerikaan naannicharraa qabdurratti haleellaa kan raawwatan yoo ta'e, Ameerikaan uummata namoota keenya ittisuuf tarkaanfii barbaachisaa jiru hunda ni fudhatti," jedhan dubbi himaan Pentaagon Meejar Janaraal Paatrik Raayidar.

Israa'elifi Hamaas gidduutti waraanni erga eegalee waggaa darbe keessatti US dooniwwan gurguddaa xayyaarota waraanaa baatan si'a lama gara Baga Giddu Galeessatti ergiteetti.

Iraan yeroo Israa'elirratti marsaa lama haleellaa misa'elaafi diroonii gaggeessite, doonin waraanaa Ameerikaa guddichi kun Israa'el gargaarun misaa'elota heddu kuffisuurratti shoora olaanaa taphateera.

Ameerikaan torbaan lamaan dura sirna ittisaa haleellaa misaa'elaa ammayyaa THAAD jedhamu Israa'el geessunshee ni yaadatama. Kunis haleellaa misaa'elaa Iraan qolachuun Israa'el ittisuuf akka ta'e Pirezidaant Baayidan ibsanii turan.

Torban tokko dura Israa'el Iraanirratti haleellaa raawwachuu hordofee Ayaatolaa Kameenii Israa'el akka haleelan dhaataniiru.

Ameerikaan xayyaarota waraanaa, dooniwwan waraanifi xayyaarota boba'aa qilleensarratti guutan gara Baha Giddu Galaatti nan erga jechuunshee haleellaa Iraanirraa aggaamamu qolachuuf ykn haleellan akka hin gaggeeffamne halaalatti sodaachuuf ta'uu mala.